Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Tiito'oo 2:2 - Waadaa Haarawa

2 umri'iin ka ufi durana deeman worri dhiiraa ka hagatti jiraatan, ulfinna isaanii worra eegan, ufi eeggatoota, amanti'ii fi jaalalaan obissaan'llee fayyaaleyyii akka ta'aniif isaan gorssi.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 Manguddoonni ka adaba qaban, ka kabajjaa qaban. Ka uf qaban, jaalalaa fi amanta'aan jabaatanii sirrii akka ta'an gorsi.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Manguddoonni ka adaba qaban, ka kabajjaa qaban, ka uf qaban, jaalalaa fi amanta'aan jabaatanii sirrii akka ta'an gorsi.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Tiito'oo 2:2
33 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Gara Yesus'llee dhufanii namichi hafuurota batti'iin qabamee ture sun dhukkuba isaa ka sammu'uu irraa fayyee, uffata isaa uffatee, taa'ee yeroo isa arganitti ni nayan.


Namoonni'llee waan ta'e laalu'uuf mana isaanii maraa bayanii gara Yesusii ni dhufan, namichi hafuuronni keessaa bayan'llee gara qalbbii isaa titti deebiteetii fi uffata isaa'llee uffatee, miila Yesusii jala taa'ee yeroo arganiinitti, ni sodaatan,


Phaawulos waayee qulqullaayomaatii fi waayee mataa ufii toowaachu'u, waayee murtii dhufu'uuf jiruu'llee yeroo dubbatetti, Feeliks sodaatee, «Amma deemi, yoo natti tole yeroo bira'aa si waamssisa» ni jedheen.


Dabalee'llee tokkoon tokkoon keessan haga amantii Waaqinni isiniif kenneetiin mataa gad qabataan yaadaa malee, haga barbaachisuu olitti waayee mataa keessaniitiif ufi tuulumma'aan hin yaadinaa jedhee, kennaa isaa ka bilisaa ka naaf kennameen isinitti ni hima.


Gara qalbbii teessanii deebi'aa, cubbuu'llee hin hojjatinaa, isin jiddu'uu tokko tokko ka Waaqa hin beekinne ni jiran. Kana'llee ka jedhuuf akka saalfattaniif jedheeti.


Fiigichaan worri dorgoman marrinuu shaakala dadhabsiisaa ni taasisan, isaan akkanatti ka dadhaban ka baduu fi gonfata yero'oof ta'u argachu'uuf, nu'u garuu ka dadhabnnu ka hin badinnee fi gonfata bara baraa ka ta'e argachu'uuf.


Maraattota yoo taane Waaqaaf jenneeti, worra sammuu qaban yoo taane'llee, isiniif jenneeti.


Gara laafummaa, mataa ufii toowachu'u. Wonittoota akkana jiran kanniin seerri mormmu hin jiru,


Sammuun keessan kanniin ka mara caalanii fi wonittoota mishaa nama galateeffachiisaniin ka guuttame haa ta'u, muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! ulfinna dhugaalessa, ka sirrii ta'e, qulqulluu, gammachisiisa'aa fi wonittoota galateeffamaa ta'an, maraa yaadaa.


Kanaaf nu'u haa dammaqinnuu, mataa keenna toowachu'uun hagatti haa jiraannu malee, akka kaanniinii muguu hin qabnnu.


Nu garuu namoota ifaa waan taaneef mataa keenna toowachu'uun hagatti haa jiraannuu, amanti'ii fi jaalala akka uffata woraanaa titti haa uffannuu, abddii fayyinnaa'llee akka qoobii sibiilaa titti, haa godhannu.


sagaagalttootaa fi worra wol qunnamittii saalaa dhiira woliin raawwatan, nama ukkaamisanii fudhachu'uun daldalttoota gurguran fi sobddootaaf, sobaan worra kakatanii fi barnnoota dhuga'aa waan ta'e maraafuu waan masaanuu ka raawwataniif.


Kennaan bilisaa ka Waaqa keennaa, Yesus Kristosiin keenna ka ta'e amanti'ii fi jaalala woliin irraa hafaa ta'ee, naaf ni kenname.


Amanti'iin ilma kiyya ka dhuga'aa ka ta'e Ximotewosiif, Abbaa keenna Waaqa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa'llee, kennaan isaa ka bilisaa, dhiifamnni, nageenni'llee siif haa ta'u.


Kaayyoon ajaja kanaa garuu onnee Qulqullu'uun, sammuu misha'aa amantii dhuga'aa irraa jaalala argamu.


Akkuma kana haawotiin worraa isaanii ka bajaman, nama ka hin hamanne, hagatti ka jiraatan, waan maraanuu amanamoota ta'utu isaan irra jira.


Kanaaf durssaan mana amaniti'ii tokko ka ashaa hin qabnne, hadha worraa takkattii qofa ka fuudhe, hagatti ka jiraatu, mataa ufii ka toowatu, seeraan ka hojjatu, keessummaa simataa ka ta'e, barsiisu'uuf dandeettii ka qabu,


maatii mataa isaa seeraan bulichu'uuf ka danda'u, ka ijoolleen isaa akkaa fi kabajaan ajajamaniif, ta'uu qaba.


Akkuma kana gargaarttonni woldaya amanti'ii worra kabajamanii fi jecha isaaniitiin'llee ka dhaabatan, daadhii wooyinni'ii baayi'ee ka hin dhuginne, qarshi'iif worra hin haafofinne ta'u qaban,


Jaarsa akka abbaa keetii taasisii gorssiin malee itti hin baanatin, dargaggeeyyii dhiiraa akka obboleeyyan keetii titti,


Ragummaan kun'llee dhuga'a, kanaaf amantii guutuu akka qabaattaniif, namoota kanniintti baanadhu.


Kana irra keessummaa ka simatu, waan mishaa ta'e ka jaalatu, mataa isaa ka toowatu sirrii ka ta'e, tajaajila Waaqaatiif ka fooyame, ka hagatti jiraatu haa ta'u.


Ati'llee waan mishaa ta'e raawwata'aa waan maraanuu fakkeenna isaaniif ta'i, dhugummaa barsiisa keetiitiin'llee, atoomessa ta'uu kee muldhisi,


Ta'u'llee akkas taasisuu irra waayee Yesus Kristositiif hidhamaa ka ta'e, ani jaarssi Phaawulos, jaalalaan kadhachu'uuf ni filadha.


Kanaaf onnee keessan kakaasa'aatii huji'iif qophaayaa, hagatti jiraadhaa, Yesus Kristos yeroo itti mulidhatutti kennaa isaa ka bilisaa ka argattaniif, abddii guutuu qabaadhaa.


Eegaa muummeen waan maraa dhiyaatee jira, jabaatiinssaan dhaabattanii kadhachuu akka dandeettaniif sammuu tasgabbaaye qabaadhaa, hagatti'llee jiraadhaa.


Hagatti jiraadhaa, dammaqaa! diinni keessan sheexanni waan liqimssu barbaadu'uun akka leencca aaduu, naannoo keessan asii fi achi ni naannaya.


beekkomissa irratti mataa ufii toowachuu, mataa ufii toowachuu irratti'llee obissaan dhaabachuu, obissaan dhaabachuu irratti'llee, Waaqa waaqeffachuu,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ