Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Tiito'oo 1:4 - Waadaa Haarawa

4 Amantii wolitti qabnnuun dhugamaan ilma kiyya ka taate Tiitosiif, Waaqa Abba'aa fi Fayyisaa keenna Yesus Kristosiin irraa, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni siif haa ta'u.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

4 Tokkummaa amanta'aatiin Tiitoo ilma kiyya ka dhuga'aatiif: Rabbi Abbaan, qoricha keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, araaraa fi nageenni sii haata'u.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Tokkummaa amanta'aatiin Tiitoo ilma kiyya ka dhuga'aatiif: Rabbi Aabbaan, qoricha keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, araaraa fi nageenni sii haa ta'u.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Tiito'oo 1:4
31 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Kunoo, adha magaalaa Daawiitii titti Fayyisaan isiniif dhalatee jira, Inni'llee Gooftaa Kristos.


Dubarttiin'llee, «Ammaa achitti isa ka amannuun dubbii ati nutti himtte qofaan uduu hin ta'in, nu mataan keennaa waan isa dheeeffannee fi dhugamaanuu inni Fayyisaa biyya lafaa akka ta'e waan beekinneef» isi'iin jedhan.


Kana'llee jechuun kiyya ani amantii keessaniin, isin'llee amantii kiyyaan, ufii keennaa akka wol jajabaasnuuf.


Kanaaf worra Roomaa jiraattanii fi worra Waaqinni isin jaalateef worra isaa akka taataniif, ka isin waame maraaf, Abbaa keenna Waaqaa fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Tiitoos gara keessan akka dhufuuf ni kadhadheen, obboleessa keenna san'llee isaan woliin ergeenii jira, eegaa, Tiitoos isinitti ni fayyadamee ree? Anaa fi inni ka isin tajaajille hafuura tokkoon hin turree ree? Adeemissi keenna hoo tokko hin turree ree?


garuu obboleessa kiyya Tiitoosiin waan hin argatiniif, qalbbiin tiyya hin boqanne, kanaaf kristaanota achi jirantti nagaya dhaamee, gara Maqedooniya'aa ni deeme.


Haa ta'u malee, «Amane, kanaaf dubbadhe» jedhamee, akkuma barreeffame, nu'llee hafuuruma amanti'ii tokko sun waan qabnnuuf ni amanna, kanaaf'llee ni dubbanna.


Garuu Waaqinni worra salphatan jajabeessu, dhufaatii Tiitoosiitiin nu ni jajabeesse.


Haga ani isiniif yaadu Tiitoos'llee isiniif onne'een akka yaadu, Waaqinni taasise haa galatoomu.


Waayee Tiitoosii beekuu yoo barbaachise isin garggaaru'uun ka ana woliin hojjatu waahelli hujii kiyyaati, isaan woliin waayee worra dhufan obboleeyyan bira'aa yoo ta'e, isaan ulfinna bakka bu'oota woldaya amanti'iitiif ka dhaabatan.


Hujii kana durssee ka jalaqabe Tiitoosiin waan tureef amma'llee hujima arjoomaa keessan kana gara muumme'eetiin akka gayuuf, isuma kadhadhaanii jira.


Tiitoosiin anaan woliin ni jira ture yoma Giriikicha ta'e'llee akka gadoomuuf, hin dirqamsiifamnne.


Yesus Kristostti amanu'uun marri keessanuu ijoollee Waaqaati.


Marri keessanuu Yesus Kristosiin tokko waan taataniif, Yihudichaa fi Giriikicha, tajaajila'aa fi Gooftaa, dhiiraa fi dubarttii jidduu, garaa garummaan woyiituu hin jiru.


Abbaa keenna Waaqaa fi Gooftaa Yesus Kristosiin irraa, kennaan bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Qolaasiyaas ka jiraatan, Kristosiin Qulqullu'uu fi amanamttoota amanttoota ta'aniif, Waaqa keenna Abbaa biraa, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Ana tajaajilaaf muudu'uun amanamaa taasisee ka ana laakkayee fi ka naa kenne, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin ni galateeffadha.


Yesus Kristosiin akkaataa abddii jireenna argameetiin, fedhii Waaqaatiin barataa Yesus Kristosii ka ta'e Phaawulosiin irraa ka ergame,


Ilima kiyya ka jaalatame Ximotewosiif, Waaqa Abbaa Gooftaa keenna Yesus Kristosiin biraa'llee, kennaan isaa ka bilisaa, dhiifamaa fi nageenni'llee si'iif haa ta'u.


Deemaas biyya lafaa kana jaalatee ana irraa fooyamee jira, gara Tasaloonqee'llee deemee jira, Qeersqiis gara Galaatiya'aa, Tiitoos'llee gara Dilmaaxiyaa deemanii jiran.


Barichi yeroo gayetti'llee ajaja Fayyisaa keenna Waaqaatiin ani akka lallabuuf karaa yaboo natti kennameetiin, Waaqinni dubbii isaa ni muldhise.


Bifa kanaan abddii keenna ka eebbifame akkuma kana ka Waaqa kenna ol aana'aa, ulfinna fayyisaa keenna Yesus Kristosii muldhachuu isaa ni eegganna.


Tajaajilaa Yesus Kristositii fi ergamitticha ka ta'e, Simoon Phexirosiin irraa, Waaqa keennaa fi qoricha kennaa Yesus Kristosiin irraa karaa qulqullaawoma argamuutiin, akkuma amantii nu'u arigannee ka jiru amantii kabajame worra argattaniif,


Bifa kanaan gara Mootummaa bara baraa ka taatee, gara Gooftaa keennaatii fi gara Mootummaa qoricha keenna Yesus Kristosii galu'uuf, mirgi guutuun isiniif ni kennama.


Gooftaa keennaa fi Fayyisaa keenna Yesus Kristosiin beeku'uun battummaa biyya lafaa jalaa eega bayaniin duubatti, deebi'anii battummaa saniin qabamanii yoo injifataman, ka duranii irraa haalli mai'ii caala'atti hamaa isaanitti ni ta'a.


kana irra Gooftaa keennaatii fi qoricha Yesus Kristosiin kennaa isaa ka bilisaatii fi isa'llee beeku'uun ol ol jedhaa, isaaf amma'llee, baraa baratti'llee ulfinni haa ta'u! Ameen.


Kanaan durana nabiyyoonni Qulqulluuwwan dubbii dubbatanii fi karaa isin ergamittootaatiin ajaja argattan, ajaja Gooftaa keennaa fi Fayyisaa keennaa, akka yaadattaniif ni barbaada.


Waanuma kamiinuu akka fedha isaa titti yoo kadhanne, akka nuuf dhagayu ni abiddanna.


Yaa waaheloota! Waayee fayyinna wolitti qabnnuu isinii barreessu'uuf haalaan barbaadee ture, amma garuu haala irra deebii hin qabnneen, Waaqinni ummata isaatiif yeroo tokko waayee amantii kenneetiif, akka ciminnaan akka woldhaanttan gorssu'uuf, isinii barreessu'uun dirqama natti ni ta'e.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ