Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Ibirootaa 5:1 - Waadaa Haarawa

1 Tokkoon tokkoon itti gaafatamaan qeesotaa namoota jiddu'uu filatamee dhimma Waaqaan woliin wolitti nama fiduuf bakka namootaa bu'anii kenna'aa fi kitimaa dhiyeessu'uuf, ni muudaman.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

1 Gadichi guddichi maruu waan cubbu'uutiif ciinca'aaf kennaa dhiyeessu'uuf nama keessaa filamee waan Rabbii maraa irratti muudama.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

1 Bulchoonni gugurdaan gadootaa maruu namoota keessaa filamanii waan Rabbiitiif bikka namootaa kennaa ciincaa cubbu'uu dhiyeessu'uuf muudaman.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Ibirootaa 5:1
17 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Tokkoon tokkoon itti gaafatamaa qeesotaa ka muudamu kenna'aa fi kitimaa dhiyeessu'uuf, kanaaf'llee qeesichi kun ka dhiyeessu waan tokko qabaachuu barbaachisa.


Tokkoon tokkoon qeesotaa cubbuu dhabamisiisuu ka hin dandeenne kitimaawwan sanniin yeroo mara dhiyeessaa, guyyaa guyya'aan dhaabatee ni tajaajila.


Abeel kitimaa Qaaye'lii ka caalu Waaqaaf ka dhiyeesse amanti'iin, Waaqinni kennaa Abeel Mana Waaqaatiif dhiyeesse gammachu'uun yeroo fudhatetti, Abeel amanitii isaatiin qulqullaawomaa ta'uun isaa ni ragaayeef, Abeel yoma du'e'llee karaa amantii isaatiin, amma'llee dubbata'aa ni jira.


Kun'llee yeroo ammaatiif fakkeenna, kennaan Mana Waaqaatii fi kitimaan bifa kanaan dhiyaatan, sammuu nama dhiyeessuu gonkumaa qulqulleessu'uunii hin danda'an,


Inni'llee akkuma Qeesonni ol aanttonni kunniin duraan durssee waayee cubbuu mataa isaatiif, maaii'llee waayee cubbuu ummataatiif guyyama guyya'aan kitimaa dhiyeessuun isa hin barbaachisu, maraa isaa kitimaa taasisee yeroo dhiyeessetti'llee, waan kan haala irra deebii hin qabnneen raawwatee jira.


Kanaaf waan maraanuu akkuma obboleeyyan isaa ta'uu qaba ture, bifa kanaan cubbuu namootaa dhabamisiisu'uuf jedhee, Waaqa tajaajilu'uuf amanama'aa fi itti gaafatamaa qeesotaa ni ta'e.


Waayee kanaan Yesus Kristosiin Waaqa tajaajilu'uuf danda'uu kiyyaan, ufi ni dhaada.


Ani ka fudhadhee sadarkkaa jalqabaa waan jiru isiniif dabarssee jira, wonitti isiniif dabarsse'llee kitaaba Qulqulluu keessatti akkuma barreeffame, Kristos waayee cubbuu keennaatiif ni du'e,


Akkaataa seeraatiin qeesonni kennaa Mana Waaqaa dhiyeessan waan turaniif inni arddii irra uduu jiraateetii, qeesicha hin ta'u ture,


Kristos garuu yeroo maraaf ka ta'u kitimaa tokko eega dhiyeesseen duubatti, mirga Waaqa Abba'aatiin taa'ee jira.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ