Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yihudaa 1:4 - Waadaa Haarawa

4 Ka isaanitti murteeffamu ta'uu yeroo baayi'een duranatti ka isaanitti barreeffame, namoonni tokko tokko gara keessan huluuqanii aseenanii jiran, isaan'llee kennaa Waaqaa ka bilisaa gad dhiifamammuma'aan ka jijjiiran, Waaqa worra hin waaqeffanne, inni qoftti bulichaa keennaa fi Gooftaa keenna ka ta'e, Yesus Kristosiin'llee ni waakkatan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

4 Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif, isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne, badhadha Waaqaa seebaruma'ati worra jijjiiran, ka ufummatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e, Yesuus Kiristoosiin hin ganan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif; isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne; worra badhadha Waaqaa seebarumma'atti jijjiiran, ka ufumatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e Yesuus Kiristoosiin hin ganan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yihudaa 1:4
32 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

garuu naminni marrinuu eega rafeen duubatti diinni dhufeeti qamadii keessatti, ingirdaada facaasee ni deeme.


Jireenni bara baraa'llee si qofa, ati qoftti Waaqa dhuga'aatii fi Yesus Kristosii ergite'llee, beeku'u.


Inni'llee deemee Waaqinni kennaa isaa ka bilisaa ummataaf attamitti akka kenne yeroo argetti ni gammade, marrinuu onnee guutu'uun jabaatanii Goofta'aaf amanamoota ta'anii, akka jiraataniif isaan ni gorsse.


Nu'u keessaa namoonni tokko tokko uduu nu'u isaan hin ajajin gara keessan dhufanii, dubbii isinitti himaniin akka isin hin rakkisanii fi dubbii isinitti bitaa akka taasisan dhageennee jirra,


Garuu jidduu keennaan huluuqanii dhossa'aan worri aseenan obboleeyyan dharttoonni tokko tokko akka gadooman barbaadanii turan, namoonni kunniin basaasaaf jidduu keenna huluuqanii ka aseenan, Yesus Kristosiin bilisummaa qabnnu fudhanii, gara garbumma'aa titti nu deebisu'uuf yaadaniiti.


Yaa obboleeyyan! Isin ammoo bilisumma'aaf waamamittanii jirttan, garuu tokko ka bira'aa jaalalaan haa tajaajilu malee, bilisummaan keessan kun sababaa fedhii foonii ittiin raawwattan hin ta'in.


Ammaa achitti daba sossoba namootaatiin ka qophaaye, bubbee barisiisa dogoggorssa'aatii fi honbololatti'iin garanaa fi garas dhiibamanii akka daa'imman fudhatamanii hin taanu.


Worra isaatiif, gonkumaa maatii isaa ka dhiyo'ootiif ka hin yaanne, inni amantii isaa ka waakkate, gonkumaa woruma hin amanne caala'atti'llee hamaa hammaata'a.


Obissaan dhaabannee yoo argaminne, isaan woliin ni moona yoo waakkanneen inni'llee, ammoo nu ni waakkata.


Namoonni kunniin gara mana maraa huluuqanii aseenu'uun, dubarttoota cubbuun baayi'een isaan irratti tuulameef, hawwii adda addaatiin worra eemaraman, dubarttoota hafuuraan dadhabddootaa ta'an, akka namoota isaan qabaniiti.


Akka tajaajilttoota Waaqaa ta'aatii bilisumma'aan jiraadhaa malee, bilisummaa keessan haguuggama hammeennaa hin taasisinaa.


Dabalee'llee, «Kunoo! Dhagaan namoota gufachiisu, Kunoo! namoota gufachiisee dhagaan kuffisu» ni jedha. Isaan'llee dubbii isaa amanuu dhabuu isaaniitiin ni gufatan, durssanii'llee isaan kanaaf worra ramadaman.


Kitaabnni Qulqulluun akkuma jedhutti, «Qulqullaawomaan fayyu'uuf ka danda'u sarddamaan yoo ta'e naminni Waaqa hin waaqeffanne attam ta'u'uuf ree?»


Keessummaanuu isaan sanniin worra kajeellaa isaanii ka foonii battii ta'e horddofanii fi aangoo Waaqaa worra tuffatan, murti'iif eegee isaan ni turssiisa.


gocha saalifachiisaa worra seeraan alattiin guduunfata'aa ni jiraata ka ture Looxii qulqullaawomaa garuu, ni fayyiseen,


Waaqa namoonni hin waaqeffanne sami'ii fi arddiin amma jiran haga yeroo itti badanii haga guyyaa murti'ii titti, ibiddaan eeggamanii ni turan.


Eegaa Yesus Masihicha ta'uu ka waakkatu malee, sobaan eennu ree? Inni'llee mormmataa Kristositi, Waaqa Abba'aa fi Ilmaa'llee ni waakkata.


namoota Waaqa hin waaqeffanne saniin irratti waayee waan hamaa raawwataniitiin isaan ni adaba, Waaqinni'llee dhugamattuu kanniin cubbamoota isa hin waaqeffanne irratti, waayee isaan irratti wonittoota dubbatanii maraaf isaanitti ni murtteessa.»


Isaan, «Bara muumme'ee titti fedhii Waaqaa irraa ka fagaatan, fedhii hamaa mataa isaanii ka horddofan baldditoonni ni dhufan» isaaniin jedhanii turan.


Yaa Gooftaa, si'i ka hin sodaannee fi maqaa kee'llee ka hin kabajine eennu? ati qoftti Qulqullu'u, murtiin kee ka dhuga'aa waan muldhateef, ummatoonni marrinuu dhufanii, si duranatti ni sagadan.»


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ