Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yihudaa 1:16 - Waadaa Haarawa

16 Namoonni kunniin yeroo maraa ka guungumanii fi womaanuu ka hin gammanne, fedhii mataa isaanii hamaa ka horddofan, afaan isaanii jecha ufi tuulumma'aatiin ka guuttame, faayiddaa mataa isaanii barbaadu'uuf nama ni shelatan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

16 Kunniin worra akka fedha dharraa ufiitiin jiraata'aa gugumanii fi worra waan hiree ufiitiif gururi'an. Isaan akka isaanii toluuf nama wol caalchisa'aa hagaa ol dubbii guddaa dubbatan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

16 Kunniin worra akka fedha dharraa ufiitiin jiraata'aa guungumanii fi worra waan hiree ufiitiif gururi'an. Isaan akka isaanii toluuf nama wol caalchisa'aa hagaa ol dubbii guddaa dubbatan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yihudaa 1:16
38 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Fariisotaa fi barsiisonni seera garuu kana arganii, «Kun ammoo cubbamoota ufitti ni fudhata, isaan woliin'llee ni nyaata» jedha'aa, Yesusiin irratti ni guunguman.


Namoonni kana argan marrinuu, «Naminni kun gara mana cubbama'aa afeeramu'uuf ni aseene!» jedhanii, Yesusiin irratti ni guunguman.


Fariisootaa fi worra isaanii ka ta'an barsiisonni seeraa, «Worri qaraacotaatii fi worri cubbamootaan woliin nyaattanii fi dhugiddan waayee maali'iitiif?» jedhanii, barattoota Yesusii irratti ni guunguman.


Kanaaf Yesus, «Buddeenni sami'ii bu'e ana» jechuu isaatiin, Yihudonni isa irratti ni guunguman.


Yesus'llee barattoonni isaa waayee kanaaf akka guunguman hafuura isaatiin beekee akkana isaaniin jedhe, «Wonitti kun isin ni gufachiisa ree?


Isaan keessaa tokko tokkoon isaanii akka guungumanii fi maleeyikkaa ajjeesuun akka badan, isin'llee hin guunguminaa.


Eegaa Hafuuraan qajeelfama'aatii jiraadhaa, fedha foonii'llee hin raawwatinaa isiniin jedha.


Namoonni ka Yesus Kristosii ta'an foon gubata isaatii fi hawwa isaa woliin fannisaniinii jiran.


Hujima kamiinuu yoo hojjattanitti hin guunguminaa yookiin wol hin mormminaa.


Akka ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka Waaqa hin beekinnee titti, hawwii sagaagalaa hin qabaatin.


sammuun isaanii ka battaayee fi namoota dhugaan isaan jalaa badeen ka raawwatamu mormmii addaan hin cinne, namoonni akkana kunniin Waaqa waaqeffachuun isaaniif toofittaa qabeenna ittiin argatan fakkaatee, isaanitti ni muldhata.


Namoonni barsiisa jireenni ittiin argamu dhagayu'uuf yeroon itti hin barbaadnnetti ni dhufa, barsiisota waan isaan jaalatan isaanitti himan wolitti ni qaban.


Ijoollee ajajamoota taatanii beekkomissa dhabaan duraan ni qabddan ka turttan, hawwa hamaa hin horddofinaa,


Yaa waahellan! Biyya lafaa kanatti keessummootaa fi galttoota waan taataniif lubbu'uun woliin ka wol woraanan, gubatoota hawwa foonnii irraa akka fagaattaniif, yaboo isiniin jedha.


Ammaa achitti'llee jireenna isaa ka arddiilessaa titti ka jiraatu fedhii foonii hamaa raawwachu'uun uduu hin ta'in, fedhii Waaqaa raawwachu'uun.


Keessummaanuu isaan sanniin worra kajeellaa isaanii ka foonii battii ta'e horddofanii fi aangoo Waaqaa worra tuffatan, murti'iif eegee isaan ni turssiisa.


Namoota dogoggoraan jiraatan jiddu'uu milqanii ka bayan keessaa namoota baayi'ee hin turin, tasa ka ta'e jecha ufi tuulumma'aa dubbachu'uun, kajeellaa gocha sagaagalaatiin woliin jechisiisu'uun, isaan ni soban.


Maraan duranatti kana hubadhaa, guyyoota muumme'ee titti ka balddanii fi hawwii isaanii hamaa worri horddofan baldditoonni ni dhufan,


namoota Waaqa hin waaqeffanne saniin irratti waayee waan hamaa raawwataniitiin isaan ni adaba, Waaqinni'llee dhugamattuu kanniin cubbamoota isa hin waaqeffanne irratti, waayee isaan irratti wonittoota dubbatanii maraaf isaanitti ni murtteessa.»


Isaan, «Bara muumme'ee titti fedhii Waaqaa irraa ka fagaatan, fedhii hamaa mataa isaanii ka horddofan baldditoonni ni dhufan» isaaniin jedhanii turan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ