Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yihudaa 1:1 - Waadaa Haarawa

1 Tajaajilaan Yesus Kristositii fi obboleessa Yaaqoobii ka ta'e Yihudaa irraa, Worra waamamittan, Waaqa Abba'aatiin ka jaalatamttan, Yesus Kristosiin ka eegamttan maraaf,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

1 Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

1 Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yihudaa 1:1
40 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Filiiphoos, Bartolomewos, Toomaas, Maatewosii qaraxichi, ilma lilfiyoosii Yaaqoobii fi Taadeewos,


Kun ilmi muka boca'aatii mitii? Haati hoo Mariyaam ta jedhamtuu mitii ree? Obboleeyyan isaa hoo Yaaqoob, Yooseef, Simoonii fi Yihuda'aa mitii?


Indriyaas, Filiphos, Bartolomewos, Maatewos, Toomaas, ilma Alfewosii Yaaqoobiin, Taadewosii fi Simoonii hinaafticha.


Itti aanssanii'llee, «Haa ta'u malee kun ilma Maariyaamii muka bocaa sanii mitii? Obboleessa Yaaqoobii, Yoosaa, Yihuda'aa fi obboleessa Simooniitii mitii? Obboleetiiwwan isa ka dubaraa'llee worruma asi nu woliin jiranii mitii?» jedha'aa, tuffachu'uun, uduu ufitti hin fudhatiniin, ni hafan.


Ilma Yaaqoobii Yihuda'aa fi Yesusiin dabarssee ka kenne, Yihudaa Asiqoroticha.


Ana tajaajilu'uuf ka barbaadu ana haa horddofu, bakka ani jirutti tajaajilaan kiyya'llee achi ni ta'a, ka ana tajaajilu'llee Waaqinni Abbaan ni kabajaan.»


«Nama biyya keriyootii uduu hin ta'in Yihudaan bira'aa, yaa Gooftaa! Mataa kee biyya lafaatiif uduu hin ta'in nu'utti ka muldhifttu attamitti?» jedheen.


anatu isin filate malee isin ana hin filanne, deemttanii firii baayi'ee akka daraarttaniif, firiin keessan'llee jiraataa akka ta'uuf, isin ni muude. Kanaaf waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa, Waaqinni Abbaan isiniif ni kenna.


Hamaa irraa isaan akka eegidduuf malee, biyya lafaatiin ala akka isaan fidduuf si hin kadhadhu.


Dhugamaanuu isaan qulqulleessi, dubbiin kee dhuga'a.


Isaan dhugamaanuu Qulqullaayomota akka ta'aniif, ani'llee mataa kiyya waayee isaaniitiif, ufi Qulqulluu ni taasisa.»


Fedhiin ka ana ergee'llee, ka naaf kenne mara keessaa tokkoma'llee uduu hin balleessin guyyaa muumme'ee titti, du'aa akka isaan kaasuuf.


Gara Yerusaalemii'llee dhufanii mana wol irroo keessa jiraatantti ol ni bayan, isaan'llee, «Phexiros, Yohaannis, Yaaqoob, Indriyaas, Filiphos, Toomaas, Bartolomewos, ilma Alfewosii Yaaqoobiin, Hinaaftticha Simoon ilma Yaaqoob Yihudaa» fa'a.


«Amma'llee isin ijaaru'uu fi qulqullaayomota jiddu'utti'llee qabiyyee isinii kennuu Waaqa dandda'uu fi dubbii kennaa bilisaa titti'llee, yaboo kennee jira.


Halkan dabrre ka isaa ka ta'e Waaqinni ani sagaduuf, maleyikkaan erge ana bira dhaabatee,


Tajaajilaa Yesus Kristosii ka ta'e, ergamittumma'aaf ka waamame, wongeela Waaqaa'llee barsiisu'uuf ka filatame, Phaawulosiin irraa ka ergame.


Isin'llee ka Yesus Kristosii akka taataniif, worra Waaqinni waamee jiddu'uu turttan.


Namoonni bifa kanaa kunniin mataa isaanii malee Gooftaa keenna Kristosiin hin tajaajilaniin. Jechoota lallaafaa ta'an ka nama jajaniin onnee namoota gara laafeyyi'ii ni soban.


Amma garuu garbrummaa cubbu'uu jalaa bilisa baatanii jirttan, tajaajilttoota Waaqaa ta'uu keessaniin qulqullaayomaa ni argattan, muummeen Qulqullummaa'llee jireenna bara baraati.


Durssee worra murtteesse ni waame, worra waamee'llee ni qulqulleesse, worra qulqullaayomsse'llee isaan ni kabaje.


Nu'u meeshaa isaa ka dhiifamaa'llee Yihudota qofa irraa uduu hin ta'in, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne keessaa'llee nu waamee jira.


Magaalaa Qorontoosii titti ta argamttu woldaya amanti'ii ka Waaqaatiif, keessa isi'ii titti'llee Kristos Yesusiin worra qulqullaayanii fi worra qulqullaayomota akka ta'aniif waamamaniif, akkuma kana bakka marattuu isaanii fi nu'uu Gooftaa ka ta'e, maqaa Gooftaa keenna Yesus Kristosii worra waaman maraaf,


Isin keessaa'llee tokko tokkoon keessan akkuma kana turttan, ammaa garuu maqaa Gooftaa Yesus Kristositii fi hafuura Waaqa keennaatiin cubbuu irraa miicamttanii jirttan, Waaqaaf'llee ka addaan baye ummata Qulqulluu taatanii jirttan, qulqullaayomttanii'llee jirttan.


Kristos kana ka taasise woldaya amanti'ii Qulqullaawomssu'uuf barbaadeeti ka isii Qulullaawomssee'llee, karaa dubbii isaatiin bishaaniin miiceeti.


Yeroo maraa isin gorssa'aatii fi isin jajabeessa'aa mootummaa isaatii fi ulfinna isaa'llee akka qoodamttaniif ka waamamittan, akkaataa waan Waaqinni ittiin gammaduutii akka jiraattaniif yaboo akka isiniin jenne ni beekittan.


Mataan isaatuu Waaqinni nagayaa waan maraanuu isin haa qulqullaawomssu, hafuurri keessan, lubbuun teessanii fi qaaminni keessan marrinuu, guyyaa Gooftaan keenna Yesus Kristos itti dhufuuf, ashaa malee eeggamee haa jiraatu.


Inni waayee hujii mishaa nu'u raawwanneetiif uduu hin ta'in, fedhii mataa isaatii fi kennaa isaa ka bilisaatiin nu ni fayyise, Qulqulluumma'aaf'llee nu ni waame, kennaa isaa ka bilisaa kana'llee barootaan duranatti karaa Yesus Kristositiin, nuuf ni kenne.


Gooftaan waan hamaa kamiin mara irraayyuu ana ni fayyisa, Mootummaa isaa ka samii jirttuun'llee ana ni gaya, isaaf baraa haga baaraa titti ulfinni haa ta'u! Ameen.


Kanaaf qoodamtoota waamicha samii ka taatan yaa amanttoota qulqulloofttan nana! ergamittichi amantii keennaatii fi itti gaafatamaa qeesotaa Yesusiin yaadadhaa.


Biyya lafaa mara keessatti ka bittinnaayan gosoota kudha lamaaniif, tajaajilaa Waaqaa fi Gooftaa Yesus Kristosii ka ta'e Yaaqoobiin irraa ergaa ergame, Nageenni isiniif haa ta'u.


Waaqinni Abbaan akkaatama bu'uura durssee beekeetiin isin worra filatamittaniif, Yesus Kristosiif ajajamu'uu fi dhiiga isaatiin fiicamttanii, qulqullaayu'uuf, Hafuura Qulqullu'uun'llee ka Qulqulloofttaniif, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa baayi'atu.


Isin'llee guyyaa muumme'ee titti fayyinna muldhatuuf karaa amanti'iitiin, huminna Waaqaatiin eegamttanii jirttan.


Isin garuu dukkana keessaa gara ifa maalalchiisuu titt ka isin waame, hujii maalalchiisaa Waaqaa akka labissitaniif dhaloota filatame, qeesota nugusaa, Waaqinni mataa isaatiif ka isin taasise, ummata Qulqullu'u.


Yeroo muraasaaf rakkinna eega fudhattaniin duubatti Kristosiin gara ulfinna bara baraa titti ka isin waame, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaa maraa, mataan isaatuu rakkinna fudhattan mara jalaa isin ni fayyisa, isin irkisa, isin jajjabeessa, isin hunddeessa'lle'e.


Tajaajilaa Yesus Kristositii fi ergamitticha ka ta'e, Simoon Phexirosiin irraa, Waaqa keennaa fi qoricha kennaa Yesus Kristosiin irraa karaa qulqullaawoma argamuutiin, akkuma amantii nu'u arigannee ka jiru amantii kabajame worra argattaniif,


Gooftaan keenna Yesus Kristos dhiifama isaatiin gara jireenna bara baraatiin akka isin gayuuf eeggachu'uun, mataa keessan jaalala Waaqaa keessatti eeggadha'aanii.


Yaa waaheloota! Waayee fayyinna wolitti qabnnuu isinii barreessu'uuf haalaan barbaadee ture, amma garuu haala irra deebii hin qabnneen, Waaqinni ummata isaatiif yeroo tokko waayee amantii kenneetiif, akka ciminnaan akka woldhaanttan gorssu'uuf, isinii barreessu'uun dirqama natti ni ta'e.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ