Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yaaqoob 5:7 - Waadaa Haarawa

7 Yaa obboleeyyan! eegaa Gooftaan haga dhufutti obissaan eegaa, qotee bulaan laftti isaa rooba jalqabaatii fi maa'ii haga argatutti akkuma obissa'aa, gatii guddaa ka qabu firii lafa isaa ni eeggata.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

7 Eegasuu obboleeyyan tiyya, haga Gooftaan dhufuuf obsaa'a. Qotee bulaan haga rooba duraatiif ka maayessaa argatuuf obsa'aa daraaraa lafaa kabajjamaa eeggata.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

7 Eegasuu obboleeyyan tiyya! haga Gooftaan dhufuuf obsaa'a. Qonnaan bulaan haga rooba duraatii fi ka maayessaa argatuuf obsa'aa daraaraa lafaa kabajjamaa eeggata.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yaaqoob 5:7
32 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ilmi Namaa ulfinna Abbaa isaatiin ta'ee maleyikkootaan woliin ni dhufa, yeroo sanitti'llee tokkoo tokkoof akka hujii isaatiin, gatii isaa ni kafalaaf.


Dhugamaan isiniin jedha, Ilmi Namaa ulfinna mootummaa isaatiin yoo dhufu haga arganitti, worra asi dhaabatan keessaa namoonni hin duune ni jiran.»


Akkuma Bakakkaan sami'itti mishi jedhee baya adu'uutii haga dhiyaa titti muldhattu, dhufaatiin Ilma Namaa'llee akkanuma ni ta'a.


Akkuma kana Ilmi Namaa saa'aatii isin hin yaadinnetti, waan dhufuuf, qophaaya'aatii jiraadhaa.»


Uduu hin turin dadafaan isaanii ni murtteessa isiniin jedha. Garuu Ilmi Namaa yeroo itti dhufutti, arddii irratti amantii ni argata laata?»


kanaan duubatti'llee Ilmi Namaa huminna ol aana'aa fi ulfinnaan, duumessa irraan yoo dhufu, namoonni ni arganiin.


Lafa mishaa irra sanyiin bu'e ka muldhisu garuu, onnee misha'aa fi qalbbii qajeelttu'uun dubbii dhagayanii worra eegan, isaan'llee worra dubbi'iin jabaatanii, firii daraaran.»


Yesus'llee, «Haga ani dhufutti akka jiraatuuf yoo eeyyame, si maalttu galche? Ati ana horddof!» jedheen.


Sababa kanaan obboleeyyan jiddu'uu, «Barataan kun hin du'u!» oduun jedhu ni tamisa'e, garuu Yesus, «Haga ani dhufutti akka jiraatuuf yoo eeyyame, si maalttu galche?» jedhe malee, «Hin du'u» hin jenne.


Kitaabban qulqulluuwwan irraa obissaa fi jajabeenna argannuun, abddii akka qabaannuuf, barsiisommi durssanii barreeffaman marrinuu, barnnootaaf akka ta'an barreeffamanii jiran.


Hujii misha'aan jabaachuun galataa fi ulfinna, jireenna hin banne'llee worra barbaadaniif, Waaqinni jireenna bara baraa isaaniif ni kenna.


Kanaaf muldhachuu Gooftaa keenna Yesus Kristosii eeggachu'uun yeroo jiraattantti, kennaan hafuurayaan woyiituu isin irraa hin dhidhatu.


Nu'u garuu Hafuura Waaqaatiin abddii qulqullaawoma amanti'iin ni eegganna.


Abddii kutachuu yoo dhabaanne yeroon yoo gayetti callaa wolitti waan qabnnuuf, hujii mishaa hojjachu'uuf dadhabuu hin qabnnu.


Gooftaan jajabinna huminna isaa ol aana'aa maraan isiniif haa kennu, obissaan'llee waan maraa danda'uuf gammachu'uun ka qophoofttan ta'uuf isin haa gayu,


Waaqa keennaa fi Abbaa keenna duranatti amantiin keessan ka hojjatu, jaalalaaf ka raawwattanii fi Gooftaa keenna Yesus Kristositiin abddii qabddan obissaan eeggachuu keessan, nu'u uduu addaan hin kutin ni yaadanna.


Eegaa abddiin keenna yookiin gammachuun keenna yookiin Gooftaan keenna Yesus Kristos yeroo dhufu isa duranatti ka ittiin dhaadannu, gonfaan keenna ka injifanno'oo isinii mitii ree?


Bifa kanaan Gooftaan keenna Yesus qulqullaawota mara woliin yeroo itti dhufutti Waaqa keennaa fi Abbaa keenna duratti, onneen teessan ka ashaa hin qabnnee fi Qulqulluu akka ta'uuf isin ni jajabeessa.


Abrahaam'llee obissaan eeggatee waan abddii taasfameef ni argate.


Yaa obboleeyyan! Ufii keessan wol hin hamatinaa, nama ka hamattu yookiin nama irratti ka murtteessu seera ni hamata, seera irratti'llee ni murtteessa, seera irratti yoo murtteessite ammoo murtteessaa ta'uu keeti malee, seera raawwata'aa miti.


Yaa obboleeyyan, maqaa Goofta'aatiin nabiyyoonni dubbatan rakkinna obissaan fudhachu'uun, fakkeenna ta'uu isaanii beekaa.


Woriqqiin keessan fi qarshiin keessan'llee danddaayee jira, dandayuun isaa'llee ragaa isinitti ni ta'a, foon keessan'llee akka ibiddaa titti ni nyaataan, guyyoota muumme'ee kanniintti'llee qabeenna baayi'ee kuufttanii jirttan.


isaaniif, «Gooftaan Yesus ni dhufa jedhamee abddiin kennamee hin turee moo? Eegaa eessa jira? Abootiin keenna ta duraanii yeroo itti du'anii kaasee, wonitti marrinuu jalqaba uumamaatii jalaqabee akkuma jirutti» jedha.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ