Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yaaqoob 5:16 - Waadaa Haarawa

16 Kanaaf akka fayyitaniif cubbuu keessan ufii keessan wolitti himadhaa, tokkoon tokkoon'llee ka bira'aatiif haa kadhatu, kadhannaan nama Qulqullu'uu bu'aa baayi'ee ka argamissiisu, huminna ol aanaa ni qaba,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

16 Cubbuu keessan wolitti himadhaa'a, akka fayyitaniifillee tokko ka biraatii haa kadhatuu. Faateen nama qajeela'aa hunna waan qabduuf waan guddaa gooti.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

16 Cubbuu keessan wolitti himadhaa'a; akka fayyitaniifillee tokko ka biraatii haa kadhatuu. Faateen nama qajeela'aa hunna waan qabduuf waan guddaa gooti.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yaaqoob 5:16
68 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Amantanii kadhanna'aan waan kahattan maraa, ni argattan.»


Cubbuu isaanii himata'aa, laga Yoordaanosii, harka Yohaannisii titti ni cuuphaman turan.


Arddii Yihuda'aatii fi magaalaa Yerusaalemiitii'llee namoonni baayi'een gara isaa ni dhufan ture, cubbuu isaanii'llee himata'aa Laga Yoordaanosii titti, harka isaatiin ni cuuphaman ture.


Kanaaf ergamittoonni achii bayanii wongeela barsiisa'aatii fi dhukkubisatoota fayyisa'aa, gandoota mara keessaan ni dabrran ture.


Waaqinni cubbamootaaf akka hin dhageenne waan beekkame, garuu Waaqa ka Waaqeffatuu fi fedhii isaa'llee naminni raawwatu yoo jiraate, Waaqinni isa ni dhagayaaf.


«Dabalee'llee Waaqinni Yesusii Nazireetii Hafuura Qulqullu'uun akka isa dibee fi humnna'llee akka kenneef ni beekittan, Waaqinni'llee isa woliin ni jira waan tureef, inni'llee waan mishaa raawwata'aa, worra daabiloosiin qabaman maraa fayyisa'aa, asii fi achi ni dedeebi'e.


Amantootaa keessa'llee baay'eewwan isaanii, hujii hamaa isaanii irraa ifatti himatanii deebi'aa, ni dhufan ture.


Simoon'llee, «Waan amma dubbattan keessaa tokkommaanuu akka narra hin geenneef, isinummaan mataan keessan gara Waaqaa naaf kadhadhaa» isaaniin jedhe.


Akkan jedhamee akkuma barreeffame, «Tokko'llee naminni qulqullaayomaan hin jiru, tokkoo hin jiru,


Waayee ajajamuu dhabuu Addaamiitiin baayi'eewwan cubbamoota akkuma ta'an, akkuma kana waayee ajajamuu Kristositiin'llee baayi'eewwan, ni qulqullaawoma.


Kanaaf kana guyyaa itti dhageennee jala qabee isin ogummaa hafuuraya'aa fi hubannaa maraan, fedhii Waaqaa ka hubattanii beekkomissa guutuu akka qabaattaniif, isinii kadhachu'uu fi Waaqa gaaffachuu irraa nu'u addaan hin kunne.


Mataan isaatuu Waaqinni nagayaa waan maraanuu isin haa qulqullaawomssu, hafuurri keessan, lubbuun teessanii fi qaaminni keessan marrinuu, guyyaa Gooftaan keenna Yesus Kristos itti dhufuuf, ashaa malee eeggamee haa jiraatu.


Abeel kitimaa Qaaye'lii ka caalu Waaqaaf ka dhiyeesse amanti'iin, Waaqinni kennaa Abeel Mana Waaqaatiif dhiyeesse gammachu'uun yeroo fudhatetti, Abeel amanitii isaatiin qulqullaawomaa ta'uun isaa ni ragaayeef, Abeel yoma du'e'llee karaa amantii isaatiin, amma'llee dubbata'aa ni jira.


Amma'llee waayee wonittoota ijaan hin muldhaneetiif Waaqinni yeroo ufi eeggachiiseentti Noohi Waaqa sodaachu'uun, maatii isaa fayyifachu'uuf doonii ka hojjate amanti'iin, amantii Noohiitiin'llee biyyi lafaa cubbamaa ta'uun beekkamee itti ni murtteeffame, Nohi'llee qulqullaawoma amanti'iin argamu ni dhaale.


Ka hokkolaa ta'e akka fayyuuf malee bakka isaatii bayee akka wol gad hin dhiifinneef, miila keessaniif karaa qajeelaa filadhaa.


Nuuf kadhadhaa, sammuu qulqulluu akka qabnnu nu sirri'itti ni beekinna, karaa maraanuu amala misha'aan jiraachu'uuf ni hawwinaa,


Cubbuu irraa fooyaminnee qulqullumma'aan akka jiraannuuf, inni mataan isaatuu foon isaatiin cubbuu keenna fannoo irratti ni baadhate, madaa isaatiin isin fayyitanii jirttan.


Ajajoota Waaqaa ka raawwannuu fi waan isa gammachiisu'llee ka raawwannu waan taaneef, waan kadhannuu maraa isa irraa ni ariganna.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ