Ergaa Yaaqoob 3:6 - Waadaa Haarawa6 Arrabnni'llee akkuma ibiddaati, arrabinni kutaalee qaamota keennaa jiddu'utti ka argamittu biyya lafaa hamttu'u, qaamnni keenna'llee ni faaltti, akka ibidda asaabaa keessaa bayuu titti'llee adeemissa jireenna keennaa mara ni gubddi. အခန်းကိုကြည့်ပါ။WAADAA LAMMATAA6 Arrabni ibidda; arrabni qaama nafaa jidu'utti adunyaa hamtu'u; qaama nafaallee hin batteessa; foon maraa hin xureessa; deemsa jireenna keennaa maraa hin guba; Ibidda asaabaatittillee hin gubata. အခန်းကိုကြည့်ပါ။Kitaaba Woyyuu6 Arrabni ibidda; arrabni qaama nafaa jiddu'utti adunyaa hamtu'u; qaama nafaallee hin batteessiti; foon maraa hin xureessiti; deemsa jireenna keennaa maraa hin gubdi; Ibidda asaabaatittillee hin gubatti. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Kanaaf gara keessan yeroo dhufu inni nu arrabissa'aatii fi nu salphisa'aa, hujii inni raawwate hamaa mara marattuu ni dubbadha, kun uduu isaa hin gayin hafee, inni mataan isaatuu obboleeyyan ufitti hin fudhatu. Kuunniin'llee akka isaan ufitti hin fudhanneef ni dhoogga. Woldaya amanti'iitii'llee isaan ni baasa.
garuu bineenssichi ni qabame, isa woliin'llee isa duranatti baasa baayi'ee ni taasisa ka ture nabiyyichi dharaa'llee ni qabame, inni malikanni bineenssichaa isaan irra ni jira worra turanii fi suuraa bineensichaatiif'llee ni sagadan ka turan, maalalee raawwata'aa isaan ni dogoggorssa ture, kunniin marrinuu gara ibidda garba ciisa'aa dinni'iin gubatuu titti, lubbuma isaanii woliin ni gataman.