Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yaaqoob 3:2 - Waadaa Haarawa

2 Nu'u marri keennaa yeroo baayi'ee ni dogoggorra, haasaya isaatiin ka hin dogoggorre inni qaama isaa toowachu'uuf ka danda'u, nama muda maleessa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 Nu martinuu waan hedduun hin dogoggora; namni waan ufii dubbatuun hin dogoggore, inni nama nafa ufii tooyatuu danda'uu fi nama guutu'u.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Nu martinuu waan hedduun hin dogoggorra; namni waan ufii dubbatuun hin dogoggorre, inni nama nafa ufii tooyatuu danda'uu fi nama guutu'u.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yaaqoob 3:2
29 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isin yaa ilmaan bofaa! hamaaleyyiiwwan yoo taatan, waan mishaa dubbachu'uuf attamitti dandeettan ree? Naminni afaan isaatiin dubbatu, onnee isaa guutee waan hafe.»


Jecha kee irraa ka ka'een siif ni murtteeffama, jechuma kee irraa ka ka'een'llee' sitti ni murtteeffama.»


Akkan jedhamee akkuma barreeffame, «Tokko'llee naminni qulqullaayomaan hin jiru, tokkoo hin jiru,


Kanaaf seerri hujii irra oolee ni arga, waan mishaa raawwachuu yoo barbaadu, waan hamaa raawwachu'uuf ni dirqama.


Kanaaf kaanniin gara wol dorgommi'ii eega waameen duubatti, ani mataan kiyyaa wol dorgommi'iin ala ta'ee akka hin argaminneef, qaama kiyya toowata'aa akka naaf ajajamu ni taasisaan.


Garuu Yesus Kristostti amanu'uun ka argamu dubbii abddi'ii worra amananiif akka kennamu kitaabnni Qulqulluun akka jedhutti, biyyi lafaa guutuun cubbu'uuf bitamu'uun, hidhamaa cubbu'uu ta'ee jira.


Fedhiin foonii fedhii Hafuurayaa woliin wol fugisa, Hafuuraa fi fooni ufii isaaniitii wolitti masaanuu ni ta'a, kanaaf isin waan barbaaddan raawwachu'uuf hin danddeettan,


Tokkoon tokkoon namaa Kristosiin nama gayeessaa akka ta'u taasfnnee dhiyeessu'uuf nama maraaf ogummaa mara barsiisu'uu fi gorssu'uun, waayee Kristosii ni lallabnna.


Worra keessan ka ta'e tajaajilaan Yesus Kristosii Ephafaarm nagaya isiniif ni dhiyeessa, jireenna hafuuraatiin guddachu'uun jabaattanii akka dhaabattanii fi fedha Waaqaa maraa akka raawwattaniif, inni yeroo maraa isiniif ni kadhata.


fedhii isaa raawwachu'uuf akka geettan waan mishaa maraan isin haa hidhachiisu, ka gamachiisu karaa Yesus Kristositiin nu irratti haa raawwatu, Yesus Kristosiif'llee baraa haga baraa titti'llee, ulfinni haa ta'u! Ameen.


Arraba isaa uduu hin toowatin Waaqa ni waaqeffadha naminni jedhu, ufi ni soba, waaqeffannaan isaa'llee tasa.


Obissaan jabaattanii dhaabachuun keessaniin womaa isinitti uduu hin dhidhatin muda maleeyyi'ii fi guutuu akka taataniin ka isin gayu haa ta'u, isin irraa uduu hin dhidhatin.


Naminni ajajoota keessaa tokko diigee ka hafan maraa yoma raawwatee, marumaayyuu akka waan diigee titti ni laakkayama.


Kitaabnni Qulqulluun akka jedhutti, «Jireenna ka jaalatuu fi guyyoota mishaa'llee argu'uuf ka barbaadu, arrabinni isaa waan hamaa akka hin dubbanneef, hidhiin isaa'llee waan dabaa akka hin dubbanneef, haa dhooggu.


Yeroo muraasaaf rakkinna eega fudhattaniin duubatti Kristosiin gara ulfinna bara baraa titti ka isin waame, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaa maraa, mataan isaatuu rakkinna fudhattan mara jalaa isin ni fayyisa, isin irkisa, isin jajjabeessa, isin hunddeessa'lle'e.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ