Ergaa Yaaqoob 3:1 - Waadaa Haarawa1 Yaa obboleeyyan! Nu'u barsiisota worri taane murtii caalaa ta'e akka fudhannu ni beekittaniitii, isin keessaa baayi'eewwan barsiisota hin ta'in. အခန်းကိုကြည့်ပါ။WAADAA LAMMATAA1 Obboleeyyan tiyya! Marti keessan barsiisota hin ta'inaa'a. Worri akkasii murtii caalu akka argatu waan beettaniif. အခန်းကိုကြည့်ပါ။Kitaaba Woyyuu1 Obboleeyyan tiyya! Marti keessan barsiisota hin ta'inaa'a. Worri akkasii murtii caalu akka argatu waan beettaniif. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Woldaya amantiii ta Anxokiyaa jirttutti nabiyyoota jedhamanii ka waamaman wongeela lallabddootaa fi barsiisonni ni jiran turan, isaan'llee, Baarnaabaas, gurraacha ka jedhame Simooniin, Luukiyosii Qareena'aa, bulichaa kutaa bara arfaffa'aa woliin guddate Heerodisii ka turan Maanaahee fi Saa'olii'llee ni turan.
Kanaaf Waaqinni tokkoon tokkoon namaa Mana Waaqeffanna'aa keessatti tajaajila adda ta'e akka qabaatu taasisee jira, bu'ura kanaan'llee jalqaba ergamittoota, lammaffaa nabiyyoota, sadaffaa barsiisota muudee jira. Itti aanssee'llee baasaa worra raawwatan, itti aanssee'llee kennaa fayyisu'uu worra qaban, namoota gargaaru'uuf worra kennaa qaban, bulchitootaa fi afaanota adda addaatiin namoota dubbatan ramadee jira.
Durissitootaa teessaniif ajajamaa, aangoo isaanii jala'llee ta'aa, isaan'llee itti gaafatama gaafatamaniin waan qabaniif waayee lubbuu teessaniitiif ni jabaatan, isin yoo ajajamittaniif isaan'llee hujii isaanii gammachu'uun ni raawwatan, kana ta'uu yoo dhabaate garuu hujii isaanii gaddaan ni hojjatan, kun'llee ka isin fayyadu hin ta'u.