Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yaaqoob 2:5 - Waadaa Haarawa

5 Yaa obboleeyyan jaalatamttan! dhagayaa, Waaqinni amanti'iin dureeyyii akka taatanii fi worra isa jaalataniif abddii isaanii ka kenne, mootummaa isaa akka dhaalaniif hiyyeessota biyya lafa kanaa hin filanne ree?

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

5 Obboleeyyan jaalatamtoota dhagayaa'a, Rabbi akka amanta'aan dureeyyii ta'aniif, akka isaan jeennata inni worra isa jaalataniif waadaa gale san galaniif hiyyeessota adunyaa tanaa filateeraa mii?

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

5 Obboleeyyan jaalatamtoota dhagayaa'a! Rabbi akka amanti'iin dureeyyii ta'anii fi akka isaan jeennata inni worra isa jaalataniif waadaa gale san galaniif hiyyeeyyii adunyaa tanaa filateeraa mii?

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yaaqoob 2:5
54 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Kunoo, jaamonni ni argan, hokkolttoonni qajeelanii ni deeman, waashayonni ni qulqullaayan, duudonni ni dhagayan, worri du'an ni ka'an, hiyyeeyyi'iif'llee wongeelli ni lallabama,


Yeroo sanitti nugusichi gara mirga isaatiin worra jiraniin akkana ni jedha, isin Abbaan kiyya ka isin eebbise! Kootaa! biyyi lafaa yeroo uumamee jala qabee mootummaa isiniif qophaaye dhaalaa!


«Mootummaan Sami'ii ta isaanii waan taateef, jireenna isaanii ka hafuuraatiin hiyyeeyyii ta'uun isaanii worri itti dhagayamu, ka eebbifaman.


Ummata'llee irra deebi'ee gara isaa waamee, akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Isin marri keessanuu hubanna'aan ana dhageeffadhaa.


«Mataa isaatiif arddii irratti qabeenna ka wolitti qabatu, Waaqa duranatti garuu naminni hiyyeessa ta'e, akkanuma kana ni ta'a.»


«Isin akka gobbuu maandha'aa ka taatan worri kiyya hin sodaatinaa, Abbaan keessan ka sami'ii mootummaa isinii kennu'uuf jaalatee jira.


«Kanaan duubatti'llee namichi hiyyeessaa ni du'e, maleeyikkoon'llee gara ammuu Abrahaamii ni fidaniin, akkuma kana namichi dureesschi'llee du'ee ni awwaalame.


«Abrahaam garuu akkana jedheen, ‹yaa ilma kiyya, ati bara jireenna kee ka biyya lafaa titti waan mishaa baayi'ee argattee akka gammade yaadadhu, Alaazaar garuu rakkinna irra ture, kanaaf amma inni asitti yoo gammadu ati ni makkaraartta.


Kanaaf akkuma abbaan kiyya ana muude, ani'llee isin ni muuda.


Yesus'llee ol jedhee gara barattoota isaa laala'aa akkana isaaniin jedhe, Mootummaan Waaqaa teessaniitii, isin hiyyeesonni ka eebbifamittan!


Haa ta'u malee namoota aangoo qaban yookiin Fariisota keessaa ka isatti amanan ni jiranii ree?


Isxifaanos'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa obboleeyyanii fi abbootii kiyya! Mee ana dhageeffadhaa! Abbaan keenna Abrahaam Kaanaan jiraachu'uuf uduu hin deeminiin duranatti, uduma Mosophotaamiyaa jiru, Waaqinni ulfinnaa isatti muldhateeti,


Eega Ijoollee Waaqaa taane dhaalttota isaati, Kristosiin woliin'llee ni dhaalla, amma qoodamtoota rakkinna Kristosii yoo taane, maai'ii ammoo qoodamtoota ulfinna isaa ni taana.


Haa ta'u malee kitaabanni, «Ijji namaa ka hin ariginiin, gurri namaa'llee ka hin dhagayin, onneen namaa'llee ka hin yaadin, Waaqinni worra isa jaalatuuf qopheessee jira» jedha.


Kun marrinuu faayiddaa keessaniif ka ta'e kennaan isaa ka bilisaa ka irraa hafee haguma namoota baayi'eef gayeetiin, galanni ulfinna Waaqaatiif ta'u akka baayi'atuuf.


Gaddi yoo nurra gayu'llee yeroo maraa ni gammadinna, hiyyeeyyii taanee uduu jirru, baayi'eewwan dureessota ni taasfnna, womaayuu ka hin qabnne yoo taanu, waan maraa ni qabnna.


Isin kennaa bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii ni beekittan, inni yoma dureessa ta'e'llee hiyyeessa ta'uu isaatiin, isin dureeyyii akka taataniif waayee keessaniif jedhee hiyyeessa ni ta'e.


Abddii attamiitiif akka waamamittanii fi ulfinna qabiyyee Qulqulloonni dhaalanii hagam baayi'ee akka ta'e akka beekittaniif, ijji onnee teessanii akka isinii ifuuf ni kadhadha.


Ani ka Qulqullaayomota maraa gadii yoma ta'e'llee, daangaa ka hin qabnne durummaa Krirstosii ummata Waaqa dhuga'aa hin amannetti akka dubbadhuuf, kennaa Waaqaa ka bilisaatiin carraan kun naaf ni kenname.


Yeroo maraa isin gorssa'aatii fi isin jajabeessa'aa mootummaa isaatii fi ulfinna isaa'llee akka qoodamttaniif ka waamamittan, akkaataa waan Waaqinni ittiin gammaduutii akka jiraattaniif yaboo akka isiniin jenne ni beekittan.


Wonitti kun marrinuu ka muldhisu murtiin Waaqaa sirrii ta'uu isaatii fi isin'llee Mootummaa isaa ka rakkinna fudhattaniif gayeessota ka isin taasisu ta'uu isaati.


Akkuma kana hujii mishaa akka hojjataniif, hujii misha'aan'llee dureeyyii akka ta'aniif, arijjoomu'uu fi waan qaban'llee qooduuf qophaayota akka ta'aniif, isaan ajaji.


Gooftaan waan hamaa kamiin mara irraayyuu ana ni fayyisa, Mootummaa isaa ka samii jirttuun'llee ana ni gaya, isaaf baraa haga baaraa titti ulfinni haa ta'u! Ameen.


Ammaa achitti gonfanni qulqullumma'aa qophaayee ana ni eeggata, gonfaa kana'llee Gooftaan murtii sirri'ii murtteessaa ta'e sun guyyaa sanitti naaf ni kenna, ka kennu'llee ana qofaaf uduu hin ta'in, muldhachuu isaa worra jaalatan maraaf.


Ufi duranatti'llee gatii fudhachu'uuf jiru waan argeef, qabeenna biyya Gibxii irra waayee Masihichaatiif salphachuun, ka caaluu ta'uu ni yaade.


Gooftaan akkaataa waadaa isaatiin waahellan isaatiif ka kennu gonfata jireennaa waan fudhatuuf, qormmaatcha obissee jabaatee naminni dhaabatu, ka eebbifame.


Ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Hin sobaminaa!


Ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Kana hin dagatinaa, naminni marrinuu dhagayu'uuf ka dadafe, dubbachu'uu fi dalanu'uuf'llee, ka barfate haa ta'u.


Jireenna isaatiin gad aanaa ka ta'e oboleessi ta'e Waaqinni ol waan isa qabuuf, haa gammadu.


Inni'llee ka hin badinne, ka tajaajilaan ala hin taanee fi qabiyyee hin moofinne sami'itti isiniif qopheesee jira.


Bifa kanaan gara Mootummaa bara baraa ka taatee, gara Gooftaa keennaatii fi gara Mootummaa qoricha keenna Yesus Kristosii galu'uuf, mirgi guutuun isiniif ni kennama.


rakkinnaa keetii fi hiyyummaa kee'llee ni beeka, haa ta'u malee ati dureessa, Yihudota uduu hin ta'in nu'u Yihudota worri jedhan, miseenssa sheexanaa ka ta'an, maqaa kee akka balleessan ni beeka,


injifatee ka moo'u kana ni dhaala, ani Waaqa isaa ni ta'aaf, inni'llee ilma kiyya ni ta'a,


Dureessa ta'u'u'uuf ibiddaan ka qoratame worqqii ana irraa akka bituuf, qaama kee ka qaani'ii dhoffachu'uuf uffata adii akka uffattuuf, argu'uuf'llee akka danddeettu qoricha ijaa bittee akka dibattuuf si gorssa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ