Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yaaqoob 2:1 - Waadaa Haarawa

1 Yaa obboleeyyan! Gooftaa ulfinnaa Yesus Kristostti worra amantan yoo taatan, tokko ka bira'aa ni caala jechu'uun, nama jiddu'utti daloo hin raawwatinaa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

1 Obboleeyyan tiyya! Waan amantaa kabajjamaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii qabattaniif, fuula namaa laala'aa wol hin caalchisinaa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

1 Obboleeyyan tiyya! Waan amantii kabajjamaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii qabattaniif, fuula namaa laala'aa wol hin caalchisinaa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yaaqoob 2:1
29 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Farisoonni'llee barattoota isaanii namoota Heerodisii woliin'llee gara Yesusii erganii, «Yaa barsiisaa! Ati dhugaalessa ta'uu keetii fi karaa Waaqaa'llee dhuga'aan akka barsiifttu ni beekinna, nama'llee sodaachu'uun wonitti raawwatu hin jiru, namaaf'llee hin dalittu» eega isaan jedhaniin duubatti, akkana jedhanii ni gaafataniin.


Phexiros'llee akkana jechu'uun dubbachuu jala ni qabe, dhugamaanuu Waaqinni nama namaan akka wol hin caalchifnne ni hubadhe,


Yihudota ta'anii Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee, dhiifamaan gara Waaqaa titti akka deebi'anii fi Gooftaa keenna Yesus Kristostti akka amananiif, isaan ufi ni eeggachiisan.


Guyyaa muraasaan duubatti Feeliks haadha worraa isaa Yihudittii Drusilaa jedhamttu woliin ni dhufe, Phaawulosiin'llee waamsisee, waayee Yesus Kristostti amanuu, yoo dubbatu ni dhagaye.


Isxifaanos'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa obboleeyyanii fi abbootii kiyya! Mee ana dhageeffadhaa! Abbaan keenna Abrahaam Kaanaan jiraachu'uuf uduu hin deeminiin duranatti, uduma Mosophotaamiyaa jiru, Waaqinni ulfinnaa isatti muldhateeti,


Amanti'iin akka jabaattan ka isin taasisu kennaa hafuuraa akka isinii qooduuf, isin arguu ni hawwa.


Bittoota biyya lafa tanaa jiddu'uu ogummaa kana ka beeke eennu'llee hin jiru, beekaniinii ka jiraatan uduu ta'eetii Gooftaa ulfinnaa kana hin fannisaniiniiyyu ture.


Amantii Yuesus Kristosiin qabddanii fi jaalala amanttoota maraatiif qabddan maraa, dhageennee jirra.


amanti'ii fi sammuu mishaa qabaadhu. Namoonni tokko tokko sammuu isaanii gatuu isaaniitiin akkuma dooniin danbalii bishaaniitiin badu, amantii isaanii balleessanii jiran.


Waan raawwattu maraanuu tokko ka bira'aatiin uduu wol hin caalichisin yookiin eennuuf'llee uduu hin dalin, gorssa kiyya kana mara akka raawwatuuf, Waaqaa fi Yesus Kristosiin maleyikkoota filataman duranatti'llee yaboo siin ni jedha.


Tajaajilaa Waaqaatii fi barataa Yesus Kristosii ka ta'e, namoota Waaqinni isaan filate jabeessu'uu fi amanitii isaanii'llee guutumaa guutu'utti akka beekan isaan taasisu'uuf, ka muudame Phaawulosiin irraa ka ergame,


Bifa kanaan abddii keenna ka eebbifame akkuma kana ka Waaqa kenna ol aana'aa, ulfinna fayyisaa keenna Yesus Kristosii muldhachuu isaa ni eegganna.


Inni calaqisiinssa ulfinna ifa Waaqaati, Inni amala isaatiin Waaqaan woliin dhugamaanuu sirri'i. Dubbii isaa huminna qabeessaan biyya lafaa mara irkisee qabee jira, namoota'llee cubbuu irraa eega qulqulleesseen duubatti, sami'itti mirga Waaqa Ol Aana'aatiin taa'ee jira.


Ka fiiginnu'llee hundeessaa amantii keennaatii fi raawwataa ka ta'e Yesusiin laalu'uun, inni'llee sababaa gammachuu fuundura isaa dhaabatee jiruutiin salphinna fannoo irratti du'u'uu womattuu uduu hin lakkaayin, rakkinna fanno'ootii fi du'a'llee ni obisse, mirga teessoo Waaqaatiin'llee ni taa'e.


Ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Hin sobaminaa!


Ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Kana hin dagatinaa, naminni marrinuu dhagayu'uuf ka dadafe, dubbachu'uu fi dalanu'uuf'llee, ka barfate haa ta'u.


nama uffata faayaa bareedaa uffate kabaju'uun, «Asi bakka mishaa kana taa'i» ni jettaniin, hiyyeessan garuu «Ati ammoo achi dhaabadhu, yookiin miila kiyya jala taa'i» ni jettaniin,


Namoota jiddu'utti garaa garummaa yoo raawwattan garuu cubbuu ni hojjattan, seera dabrruu keessaniif'llee ni bagifatamittan.


Garuu ogummaan Waaqa biraa argamu jalqaba qulqullu'u, itti aanssee'llee nagaya jaalataa, misha'aa, ajajamaa, dhiifama taasisaa, ka firiin mishaan itti guute, dalo'oo fi fakkeessitummaa ka hin qabnne.


Tajaajilaa Yesus Kristositii fi ergamitticha ka ta'e, Simoon Phexirosiin irraa, Waaqa keennaa fi qoricha kennaa Yesus Kristosiin irraa karaa qulqullaawoma argamuutiin, akkuma amantii nu'u arigannee ka jiru amantii kabajame worra argattaniif,


Namoonni kunniin yeroo maraa ka guungumanii fi womaanuu ka hin gammanne, fedhii mataa isaanii hamaa ka horddofan, afaan isaanii jecha ufi tuulumma'aatiin ka guuttame, faayiddaa mataa isaanii barbaadu'uuf nama ni shelatan.


«Ajaja Waaqaa worra eeggatanii fi Yesusiin'llee amanu'uun qulqullaawota jabaatan dhaabatan irraa, obissi eeggamu asi irratti.»


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ