Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yaaqoob 1:4 - Waadaa Haarawa

4 Obissaan jabaattanii dhaabachuun keessaniin womaa isinitti uduu hin dhidhatin muda maleeyyi'ii fi guutuu akka taataniin ka isin gayu haa ta'u, isin irraa uduu hin dhidhatin.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

4 Isin worra ciniinnattan, worra obsi keessan bilchaateef guutuu ta'e, worra dhidhina hin qabne akka taatan isin taasisa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Isin worra ciniinnattan, worra obsi keessan bilchaatee fi worra guutuu ta'e, worra dhidhinna hin qabne akka taatan isin taasisa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yaaqoob 1:4
26 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Sababaa kiyyaan nama mara biratti ka jibbamttan ni taatan, garuu haga muumme'ee titti jabaatee ka dhaabatu ni fayya.


Dargaggeessi'llee «Ajajoota kanniin raawwadhee jira, ka bira'aa wonitti ana jalaa dhidhatu maali'i?» jedhe.


Kanaaf akkuma Abbaan keessan ka sami'ii mud-maleessa ta'e, isin'llee muda maleeyyii ta'aa.


Yesus'llee laaleeniiti ni jaalateen, akkana'llee ni jedheen, «Wonitti tokko qoftti si hafee jira, deemii, waan qabddu maraa gurgurii hiyyeesotaaf kenni, qabeenna wolitti qabame sami'itti ni argata, kanaan duubatti koottuu, ana horddof.»


Yesus kana yeroo dhagayetti namichaan, «Eegasuu amma'llee waan tokko raawwachu'utu si hafa, waan qabddu maraa gurgurii qarshii hiyeessotaaf kenni, sami'itti qabeenna kuufame ni argatta, achiin duubatti'llee koottuutii ana horddofi!» jedheen.


Obissa keessaniin lubbuu keessan ni fayyifattan jedhe.


Lafa mishaa irra sanyiin bu'e ka muldhisu garuu, onnee misha'aa fi qalbbii qajeelttu'uun dubbii dhagayanii worra eegan, isaan'llee worra dubbi'iin jabaatanii, firii daraaran.»


Ani ka kadhadhu ani isa keessa ati'llee ana keessa taate, isaan'llee dhugamaan tokko akka ta'aniif, akkuma kana ana akka ergitee fi haguma ana jaalatteen, isaan'llee akka jaalatte biyyi lafaa akka beekuuf.


Garuu jireenna hafuuraatiin worra bilchaataniif dubbii ogumma'aa ni dubbanna, haa ta'u malee ka dubbannu ogummaa biyya lafa tanaa yookiin badii muumme'ee titti ka ta'u, ogummaa beekittota biyya lafa tanaatii miti.


Abddii kutachuu yoo dhabaanne yeroon yoo gayetti callaa wolitti waan qabnnuuf, hujii mishaa hojjachu'uuf dadhabuu hin qabnnu.


Worra keessan ka ta'e tajaajilaan Yesus Kristosii Ephafaarm nagaya isiniif ni dhiyeessa, jireenna hafuuraatiin guddachu'uun jabaattanii akka dhaabattanii fi fedha Waaqaa maraa akka raawwattaniif, inni yeroo maraa isiniif ni kadhata.


Mataan isaatuu Waaqinni nagayaa waan maraanuu isin haa qulqullaawomssu, hafuurri keessan, lubbuun teessanii fi qaaminni keessan marrinuu, guyyaa Gooftaan keenna Yesus Kristos itti dhufuuf, ashaa malee eeggamee haa jiraatu.


Ka fayyadu'llee naminni Waaqaa muda maleessa akka ta'uu fi hujii mishaa kamiinuu hojjachu'uuf, gayaa ta'ee akka argamuuf.


fedhii isaa raawwachu'uuf akka geettan waan mishaa maraan isin haa hidhachiisu, ka gamachiisu karaa Yesus Kristositiin nu irratti haa raawwatu, Yesus Kristosiif'llee baraa haga baraa titti'llee, ulfinni haa ta'u! Ameen.


Isin keessaa naminni ogummaan itti dhidhate yoo jiraate Waaqa haa kadhatu, Waaqinni'llee ni kennaaf, inni'llee womaa uduu garaa isa hin hanqatin maraafuu arjoomaan Waaqa arjjaa kennu.


Nu'u marri keennaa yeroo baayi'ee ni dogoggorra, haasaya isaatiin ka hin dogoggorre inni qaama isaa toowachu'uuf ka danda'u, nama muda maleessa.


Yeroo muraasaaf rakkinna eega fudhattaniin duubatti Kristosiin gara ulfinna bara baraa titti ka isin waame, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaa maraa, mataan isaatuu rakkinna fudhattan mara jalaa isin ni fayyisa, isin irkisa, isin jajjabeessa, isin hunddeessa'lle'e.


Wonittoota kanniin ka hin qabnne garuu waan fago'oo argu'uuf ka hin dandeenne jaama'a, cubuuwwan isaan ka dabrran irraa'llee qulqullaawomuu isaa dagatee jira.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ