Ergaa Yaaqoob 1:1 - Waadaa Haarawa1 Biyya lafaa mara keessatti ka bittinnaayan gosoota kudha lamaaniif, tajaajilaa Waaqaa fi Gooftaa Yesus Kristosii ka ta'e Yaaqoobiin irraa ergaa ergame, Nageenni isiniif haa ta'u. အခန်းကိုကြည့်ပါ။WAADAA LAMMATAA1 Garbicha Rabbiitii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii Yaaqoobiin irraa, gosoota kudha lama worra bittinnooftaniif nageenni isinii haata'u. အခန်းကိုကြည့်ပါ။Kitaaba Woyyuu1 Yaaqoobii garbicha Rabbiitii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii irraa, gosoota kudha lama worra bittinnooftaniif nageenni isiniif haa ta'u. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Xalayaa barreeffame'llee harka isaanii titti ni ergan, xalayaan'llee akkana ka jedhu ture, «Nu'u ergamittoonninii fi jaarsotiin obboleeyyan keessan taane, Anxokiya'aa fi Sooriya'atti, Kiliiqiyaa'llee worra jiraatan gosa Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee obboleeyyan keenna worra taataniif, nagaya ni dhiyeessina,
Yaaqoob ka isaan erge namoonni tokko tokko gara Anixokiya'aa dhufuu isaaniitiin duranatti, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee jiddu'utti worra amanan woliin ni nyaatan ture, eega isaan dhufaniin duubatti garuu, «Gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneetii worri amanan gadoomuu ni qaban» gareewwan jedhan sodaachu'uun, ufi duuba deebi'anii ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa ni fooyaman.
Akka utuba'aa fakkaatanii durssitoonni mulidhatan Yaaqoob, Phexirosii fi Yohaannis'llee, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa addaa ka tajaajilaa kana akka naaf kenne yeroo hubatanitti, anaa fi Baarnaabaasiin malikata nu'u woliin hirmmaachuu isaanii ka ta'e harka isaanii ka mirgaa nuuf ni kennan, nu'u gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee akka deeminuuf isaan'llee gara Yihudotaa akka deemaniif, wolii ni galan.