Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




3 Ergaa Yohaannis 1:6 - Waadaa Haarawa

6 Isaan'llee waayee hujii jaalalaa ka isaanii raawwatteetiif woldayoota amanti'ii duranatti ragaa bayanii jiran, amma'llee haala Waaqinni gammachiisuun, adeemissa isaaniitiin isaan yoo garggaartte misha'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

6 Waan jaalala keetiitiif isaaniif woldaa amantootaa afo'otti rageera. Akka Rabbi jaalatutti imala isaaniititti yoo isaan gargaarte, waan mishaa goote.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

6 Waan jaalala keetiitiif isaaniif woldaa amantootaa afo'otti rageera. Akka Rabbi jaalatutti imala isaaniititti yoo isaan gargaarte waan mishaa goote.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




3 Ergaa Yohaannis 1:6
15 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yeroo maraa isin gorssa'aatii fi isin jajabeessa'aa mootummaa isaatii fi ulfinna isaa'llee akka qoodamttaniif ka waamamittan, akkaataa waan Waaqinni ittiin gammaduutii akka jiraattaniif yaboo akka isiniin jenne ni beekittan.


Seera beekaa ka ta'e Zeenaasii fi Apholos adeemissa isaanii akka jala qaban isaan taasis, waan isaan barbaachisu maraanuu isaan gargaar.


Kanaaf isaan woldaya amanti'iitiin ergamanii ni deeman, Finiiqe'ee fi Samaariya'aan yoo dabrrantti'llee, waayee gara Waaqaa deebi'uu ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee ni dubbatan, odduun kun'llee kirstaanota maraa ni gamaachiise.


Hamaa raawwattanii adabbii yoo fudhattan yoo obissitan, galata maal qabaattan? Garuu mishaa raawwattanii rakkinna yoo fudhattan yoo obissitan, Waaqa biraa galata ni argattan.


Akkuma kana Goofta'aaf karaa barbaachisaa ta'een jiraachu'uun, dhugamaan isa akka gammachiifttan hujii mishaa kamiinuu hojjachu'uun, firii akka daraarttanii fi Waaqa'llee beeku'uun guddata'aa akka deemittaniif ni kadhanna.


Haa ta'u malee isin qoodamtoota rakkinna kiyyaa taatanii arigamuu keessaniif, mishaa ni raawwattan.


isin laalu'uuf ka karoorffadhe'llee, gara Maqedooniya'aa yoo dabrruu fi achii'llee yeroo deebi'utti ture, haala kanaa'llee gara biyya Yihuda'aa adeemissa kiyya ka taasisu irratti, ana gargaarttan jedhee yaadee ture.


gara Isphaaniyaa yeroo deemutti, karama saniin isin laaluu'uuf'llee karoorffadhee jira. Yeroo muraasaaf isin woliin gammadee eega tureen duubatti, deemissa kiyya itti fufu'uuf ka gargaarssa ana dandeesisu akka naaf taasfttan, abddii ni taasisa.


Yeroon achitti turru yeroon yoo raawwatu isaan biraa fooyaminnee adeemissa keenna itti ni fufnne, marrinuu haadha worraa isaaniitiif ijoollee isaanii woliin ta'anii, haga baya magaalaa titti nu geegessan, garba ciisaa biratti jilbbiiffannee eega kadhanneen duubatti, nagaya wolitti dhaamnnee addaan ni deeminne.


Deemtriusiif naminni marrinuu haala misha'aan ragaa ni bayaaf. Dhugaan mataan isiituu ufii isi'iitii ragaa ni baati. Nu'llee ragaa ni baanaaf, ragummaan keenna'llee dhugaa ta'uu ni beekitta.


sababaa waaqota harkaan hojjatameetiif qalamu'uutiin nyaata battaaye hin nyaatnaa, dhiiga'llee hin nyaatnaa, foon horii hudhamee du'ee'llee hin nyaatnaa, dhiiga'llee hin nyaatnaa, sagaagala irraa fagaadhaa, wonittoota kanniin mara irraayyuu yoo eeggamittan mishaa ni raawwattan, nagayaan ta'aa.»


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ