Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




2 Gara Ximotewoosii 2:3 - Waadaa Haarawa

3 Ati'llee lolttuu Yesus Kristosii mishaa ta'u'uun anaan woliin rakkinna fudhadhu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

3 Loltuu mishaa Yesuus Kiristoosii ta'iitii, rakkinna na Woliin qoodami.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Loltuu mishaa Yesuus Kiristoosii ta'iitii rakkinna na woliin qoodami.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




2 Gara Ximotewoosii 2:3
20 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Kanaaf lolttoonni akkaatama ajajamaniin Phaawulosiin halikaniin fuudhanii, gara Antiiphaaxriisii ni geessaniin.


Jaalala naminni qabu maraa ni danda'a, mara irrattuu amantii isaa ni kaaya, mara irratti abddii ni taasisa, waan maraanuu ni dhaabata.


Mindaa malee qarshii mataa isaatiin lolttumma'aan ka tajaajilu eennu? Woyinnii dhaabee firii isaa irraa ka hin nyaanne hoo eennu? Gobbuu tissa'aa aanan gobbu'uu ka hin dhuginne eennu?


Nu'u rakkinna yoo fudhannu isin jajabeennaa fi fayyinna ni argattan, nu yoo jajabaannu ammoo isin'llee rakkinna bifa nu'u fudhannuu obissaan fudhattanii ni jajabaattan.


Yaa ilma kiyya Ximotewos! Akkuma asiin durana waayee keetiif waan Waaqinni dubbateen himametti, ajaja itti aanee jiru yaboo'oon sitti ni kenna, waan Waaqinni akka himamuuf si kenne horddofu'uun, lola mishaa ta'e loli,


Yesus Kristosiin akkaataa abddii jireenna argameetiin, fedhii Waaqaatiin barataa Yesus Kristosii ka ta'e Phaawulosiin irraa ka ergame,


Egaa waayee Gooftaa keennaa ragaa bayu'uuf hin saalifatin, waayee isaatiif ka itti hidhame anatti'llee hin saalfatin, garuu huminna Waaqinni siif kennuun, anaan woliin rakkinna fudhadhu.


Kanaaf isaan'llee karaa Yesus Kristositiin fayyinniissa argamuu fi ulfinna bara baraa akka argataniif, namoota Waaqinni isaan filateef jecha waan maraa ni obissa.


Waayema wongeela kanaatiin'llee akka yakkamaa titti birbiraataan hidhamee rakkinna ni fudhadha, dubbiin Waaqaa garuu hin hidhamu.


akkuma kana ari'atama kiyyaa fi rakkinna kiyya ni beekitta, Anxokiya'aa fi Iqoniiyumi, Lisxira'aatti'llee waan ana irra gayee fi obissaan ari'atama fudhadhe'llee ni beekitta, Gooftaan garuu mara jalaayyuu ana ni fayyise.


Ati garuu waan maraanuu ufi eeggataa ta'i, rakkinna fudhachu'uun jabaadhu, hujii lallabduummaa wongeela raawwadhu, tajaajila kee'llee maraa raawwadhu.


obboleettii teenna Aaphifiiya'aaf, nu'uun woliin'llee lolttuu Kristosii ka ta'e Arkiphosiif, akkuma kana amanttoota mana keetitti wol gayaniif'llee,


Ifin eega isinii ifeen duubatti rakkinna baayi'ee fudhattanii guyyoota itti obissitan sanniin yaadadhaa.


Dallanssuu nugusichaa'llee uduu hin sodaatin biyya Gibxiitii ka baye'llee amanti'iin, Waaqa ijaan hin argaminne'llee akka waan arigeenii ta'ee, kaayyoo isaatiin ni jabaate.


Abrahaam'llee obissaan eeggatee waan abddii taasfameef ni argate.


Gooftaan akkaataa waadaa isaatiin waahellan isaatiif ka kennu gonfata jireennaa waan fudhatuuf, qormmaatcha obissee jabaatee naminni dhaabatu, ka eebbifame.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ