Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




2 Gara Ximotewoosii 2:2 - Waadaa Haarawa

2 Ragoota baayi'ee duranatti barsiisa ana irraa baratte kaanniin barsiisu'uuf, dandeettii worra qabanii fi namoota amanamaniif yaboo kenni.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 Ka namni hedduu ragaa bayeef ka narraa dhagette kanallee akkasuma worra barsiisuu danda'aniif namoota amanamaa ta'aniitti yaboo kenni.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Ka namni hedduu ragaa bayeef, ka na irraa dhageette kanallee akkasuma worra barsiisuu danda'aniif namoota amanamaa ta'anitti yaboo kenni.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




2 Gara Ximotewoosii 2:2
33 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Inni'llee, «Eegasuu waayee dhossaa Mootummaa Sami'ii ka sirri'itti beeku barsiisaan seeraa, mana kuusaa meesha'aatii haarawa ka ta'ee fi moofaa ka ta'e ka baasu, abbaan qabeennaa fakkaata» jechu'uun, isaaniif ni deebise.


«Eegaa wonittoota kanniin maraa durssee isinitti himee jira,


Gooftaan Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Eegaa, maatii isaa akka ta'utti isaan haa bulichu'uu fi tajaajiltoota isaatiif'llee nyaata isaanii yeroo ramadametti akka isaanii kennuuf, tajaajilaa gooftaan isa muudeen amanama'aa fi qaruuteen eennu?


Worri yaboon baayi'eewwan itti kenname'llee amanamoota ta'anii argamuu qaban.


Garuu ka nu yeroo maraa Kristosiin injifattoota taasisee nu eemaru'uu fi akka shittoo dibataa ka foolii mishaa qabuu titti, beekkomissa waayee Kristositiif qabnnu bakka maraa akka geessinu, ka nu taasisu Waaqa nu taasisuuf galanni haa ta'u!


Tajaajila keenna raawwachu'uuf akka dandeennu gayaa ka nu taasisu Waaqaa malee, nu mataa keennatti womaayyuu raawwachu'uuf, gaya'aa miti.


Kana'llee bakka keenna tajaajilaa amanamaa Kristosii ka ta'ee fi nu'uun'llee woliin ka hojjatu, jaalatamaan Ephaafraas isinitti himee jira.


Ana tajaajilaaf muudu'uun amanamaa taasisee ka ana laakkayee fi ka naa kenne, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin ni galateeffadha.


Yaa ilma kiyya Ximotewos! Akkuma asiin durana waayee keetiif waan Waaqinni dubbateen himametti, ajaja itti aanee jiru yaboo'oon sitti ni kenna, waan Waaqinni akka himamuuf si kenne horddofu'uun, lola mishaa ta'e loli,


Wonitti Waaqinni hime yeroo siif dubbatametti jaarsonni woldaya amanti'ii'llee harka isaanii yeroo si irra kaayanitti, ka siif kenname ka si keessa jiru kennaa hafuurayaa hin dagatin.


Barsiisa kana amantoota uduu hubachiifttee, dubbii amanti'iitii fi barsiisa mishaa horddofttu soorata'aa ka guddatte, tajaajilaa Yesus Kristosii mishaa ni taata.


Harka kee irra kaayu'uun eennuun'llee muudu'uuf hin ariifatin, mataa kee qulqullinnaan eeggadhu malee, namoota kaanniin woliin cubbu'uun hin hirmmaatin.


Lola mishaa amanti'ii loli, ati gara isaa yeroo waamamittetti ragoota baayi'ee duranatti ragummaa sirri'ii ta'e ka kenniteef, jireenna bara baraa qabadhu.


Ati garuu barsiisa kiyya, akkaataa jireenna kiyyaa, kaayyoo kiyya, amantii kiyya, obissa kiyya, jaalala kiyyaa fi waan qabadheen jajabaachuu kiyya horddof,


Ati garuu ka baratte eennuun irraa akka ta'e waan beekittuuf, ka barattee fi dhugaa hubatteen'llee jabaadhu.


Kanaaf waan maraanuu akkuma obboleeyyan isaa ta'uu qaba ture, bifa kanaan cubbuu namootaa dhabamisiisu'uuf jedhee, Waaqa tajaajilu'uuf amanama'aa fi itti gaafatamaa qeesotaa ni ta'e.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ