Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




2 Gara Worra Tasaloonqee 2:9 - Waadaa Haarawa

9 Naminni jeeqamaa ka dhufu baasa dogoggorssaa huminna sheexanaatiin baasaa fi malikatoota wonittoota maalale'ee'llee raawwachu'uun,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

9-10 Fayyu'uuf jaalala dhuga'aa worra hin fudhanneef, worra badaniif dhufti isaa maalalee maraa fi malkata sobdootaatiin, soba hamaa maraan, sobu'uun akka hujii seexanaatiin.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

9-10 Worra fayyu'uuf jaalala dhuga'aa hin fudhannee fi worra badaniif dhufti isaa maalalee maraa fi malkata sobdootaatiin, soba hamaa maraan, sobu'uun akka hujii seexanaatiin.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




2 Gara Worra Tasaloonqee 2:9
31 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa ni ka'an, isaan uduu danda'aniitii worruma filatamoota Waaqaa'llee dogoggorssu'uuf, baasa ol aana'aa fi wonittoota maalale'ee'llee ni muldhisan.»


garuu bineenssichi ni qabame, isa woliin'llee isa duranatti baasa baayi'ee ni taasisa ka ture nabiyyichi dharaa'llee ni qabame, inni malikanni bineenssichaa isaan irra ni jira worra turanii fi suuraa bineensichaatiif'llee ni sagadan ka turan, maalalee raawwata'aa isaan ni dogoggorssa ture, kunniin marrinuu gara ibidda garba ciisa'aa dinni'iin gubatuu titti, lubbuma isaanii woliin ni gataman.


Yeroo sanitti adeemissa hamaa biyya lafaa kana ni horddofttan turttan, akkuma kana qilleensa irra ka jiran huminnoota hafuurota hama'aatii ka bitamuuf ni ajajamittan turttan, inni'llee namoota hin ajajaminne irratti ka hojjatu hafuura hama'a.


Bofinni Hewaanin dabaan akkuma isii dogoggorssiiseen yookiin yaadinni keessan'llee badee, Kristosiif ka qabddan yaadinni qajeelaan, qulqulluu fi amanammummaa ni dhiifittan jedhee sodaadha.


Yesus'llee, «Isin baasaa fi maalalee yoo argitan malee, womaa hin amanttan!» jedheen.


Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa'llee ni dhufan, isaan uduu danda'anii worruma filatamanuu dogoggorssu'uuf, baasaa fi wonittoota maalale'ee ni raawwatan.


Ka isaan dogoggorssiise daabiloos, bineenissichii fi nabiyyichi dharaa gara jiran, dinni'iin ka gubatu ibidda garba ciisa'aa keessatti ni gataman, achitti'llee halkanii fi guyya baraa haga baraa titti, ni makkaraaran.


Ibisaan ifaa ammaa achitti si keessatti hin ibisu, qooniqqi ka fuudhuutii fi qooniqqi idaayyitti'ii'llee ammaa achitti si keessatti hin dhagayamu, daldalittoonni tee namoota ol aanttota arddi'ii ni turan, asimmaa keetiitiin ummata kee mara dogoggorssiiftee jirta.»


Xaraan ol aanaan'llee gara gadii ni gatame, inni'llee arddii mara ka dogoggorssiisu daabiloos yookiin sheexana jedhamee ka waamamu, bofa duraaniiti. Inni gara arddi'ii gadi ni gatame, maleyikkoonni isaa'llee isa woliin gadi ni gataman.


Yaaneesii fi Yaambres akkuma Muse'een mormmanitti namoonni kunniin sammuun isaanii worra badee fi waayee amanti'iitiin'llee worra kufaatiin isaan irra gaye waan ta'aniif, dhugaa ni mormman.


Kun'llee waan nama dinqisiisuu miti, Sheexanninuu maleyikkaa ifaa fakkaachu'uuf, mataa isaa ni jijjiira.


«Ati ilma sheexanaa, diina dhugaa maraa! Sossobu'uu fi hammeenni marri ka sitti guute, karaa qajeelaa Goofta'aa dabssuu hin dhiifttuu moo!


«Isin ijoollee abbaa keessan sheexanaati, fedhiin keessan'llee hawwii abbaa keessan raawwachu'u, inni'llee Jalqabumaa kaasee lubbuu ajjeesaa ture, dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhuga'aan woliin wolitti dhufeenna woyiituu hin qabu, inni dharaalessaa fi abbaa dhara maraa waan ta'eef, dhara yeroo dubbatutti mataa isaa irraa kaasee ni dubbata.


Eegaa isin ka hojjattan hujii abbaa keessaniiti.» Isaan'llee, «Nu'u sagaagalumma'aan diqaalota dhalannee miti, abbaa tokko ni qabnna, inni'llee Waaqa» jedhaniin.


Biyya lafaa kanatti bulichaa ka ta'e sheexanni onnee namoota hin amannee ni jaamisse, kanaan'llee bifa Waaqaatiin ka muldhate wongeelli Kristosii ka ulfinnaa ifa isaaniif ibisu akka hin arginneef, isaan ni taasise.


Xarichi'llee dubarttii irraatti dallanee fiixaa isi'ii worra hafaniin woliin wol woraanu'uuf ni deeme, isaan'llee ajajoota Waaqaa worra eeggatanii fi Yesusiif'llee amanamumma'aan worra ragaa bayan.


Nugusa'llee ni qaban turan, inni'llee maleyikkichaa boolla gad fago'oo, maqaan isaa'llee afaan worra Ibirootaatiin, «Abaadoon», Giriki'iin ammoo, Apholiyon jedhama.


Yeroo sanitti Yesus, «Gooftaa Waaqa keetiif sagadi, isuma qofa'llee Waaqeffadhu! jedhamee barreeffamee jiraatii, ati sheexanni narraa fagaadhu!» jedheen.


Kanaan duubatti namoonni namicha jinniin irra bule, jaama'aa fi duudaa hin dubbanne tokko, gara Yesusii ni fidan, Inni'llee ni fayyiseen, namichi'llee dubbachu'uu fi laaluu'llee ni danda'e.


Ogummaan akkanaa kun ka argamu arddii, foonii fi sheexana irraayyi malee, Waaqa biraayyii miti.


Deebi'ee yoo dhufutti'llee qulqullaayeetii fi qophaayee, ni argataan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ