Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




2 Ergaa Yohaannis 1:2 - Waadaa Haarawa

2 dhugaan kun'llee ka nu jidduu jiruu fi ufi durana'llee, bara baraaf ka nu woliin jiraatu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 ka akkasuma worri dhugaa beekkan maruu jaalatan giiftii filatamtu'uuf ijoollee isi'iitiif,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 ka akkasuma worri dhugaa beekan maruu jaalatan giiftii filatamtu'uu fi ijoollee isi'iitiif;

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




2 Ergaa Yohaannis 1:2
11 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ani Waaqa Abbaa ni kadhadha, inni'llee bara baraaf ka isin woliin jiraatu jajjabeessaa bira'aa, isinii ni kenna.


Anaan yoo jiraattan dubbiin kiyya'llee isin keessa yoo jiraatee, waan barbaaddan yoo kadhattan ni argattan.


Kana maraa raawwachuun kiyya eebba wongeelaa qoodamu'uuf, waayee wongeelaatiif jedheeti.


Nu'u ka barsiifnnu Yesus Kristos Gooftaa ta'uu isaatii fi nu'u mataan keennaa waayee Yesusiitiif tajaajilttoota keessan ta'uu keenna malee, waayee mataa keennaa hin lallabnnu.


Dubbiin Kristosii guutumma'aan onnee teessan keessa haa jiraatu, ogummaa maraan ufii keessan wol irraa baradhaa, mari'adhaa, faaru'uu fi galataan, qooniqqa hafuuraya'aan'llee, Waaqa onne'een galateeffata'aa faarssaa.


Amantiin dhuga'aa ka si keessa jiru ni yaadadha, amantiin akkana kun jalqaba akkaakayyuu kee Lo'isii fi haadha tee Ewuniiqee keessa ka ture, si keessa'llee akka jiru hubadhee jira.


Wonittoota kanniin uduu isaan beekittanii fi dhugaa qabattaniin'llee jabaattanii uduma jiraattanii'llee, waayee keessaniif isaan yaadachisiisuu shilla hin jedhu.


Cubbuu hin qabnnu yoo jenne mataa keenna ni sobinna. Dhugaan'llee nu keessa hin jiru.


Yaa ijoolle, Waaqa Abbaa waan beekittaniif isinii ni barreessa. Yaa abbootii, jalqabumaayyuu ka ture waan beekitaniiniif, isiniif barreessee jira. Yaa dargaggoota, jajaboota waan taatanii fi dubbiin Waaqaa'llee onnee teessan keessa waan jiraatuuf, sheexana'llee waan injifattaniif isiniif barreessee jira.


Biyyi lafaatii fi hawwiin isaa'llee ni dabrran. Fedhii Waaqaa ka raawwatu garuu, bara baraaf ni jiraata.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ