Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




2 Ergaa Phexiros 3:3 - Waadaa Haarawa

3 Maraan duranatti kana hubadhaa, guyyoota muumme'ee titti ka balddanii fi hawwii isaanii hamaa worri horddofan baldditoonni ni dhufan,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

3 Bara dhumaa fedhii ufiitiin worri jiraatanii fi worri baldan akka dhufan, hubadhaa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Bara dhumaa worri fedhii ufiitiin jiraatanii fi worri baldan akka dhufan hubadhaa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




2 Ergaa Phexiros 3:3
17 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ana'llee ka hin barbaannee fi dubbii kiyya'llee nama hin fudhanne irratti ka murtteessuu ni jira, dubbiin ani dubbadhe guyyaa muumme'ee titti, isatti ni murtteessa.


Dhoffama'aa fi saalfachiisaa waan ta'e dhabamisiifnnee jira, dabaan'llee hin hojjannu, dubbii Waaqaa'llee hin jijjiirru, irra caalaa dhugaa ifaan ni muldhifnna, mataa keenna'llee sammuu nama maraatiif Waaqa duranatti ifa ni taasfnna.


Guyyoota muummee titti yeroon sarddamissiisu akka dhufu beeki,


amma garuu baroota maa'ii kanniintti waan maraa dhaaltota ka isa taasise karaa Ilma isaatiin nutti ni dubbate, biyya lafaa mara'llee ka uume isaan.


Waan maraan duranatti hubachuu ka qabddan Kitaaba Qulqulluu keessatti ka argamu raaginni kum'llee, naminni kum'llee yaada mataa isaatiin hiiku'uuf ka hin danddeenne ta'uu isaati.


Keessummaanuu isaan sanniin worra kajeellaa isaanii ka foonii battii ta'e horddofanii fi aangoo Waaqaa worra tuffatan, murti'iif eegee isaan ni turssiisa.


Yaa ijoolle! Kun yeroo muumme'eet, «Mormmataan Kristosii ni dhufa» yoo jedhamu dhageettanii jirttan, kunoo ammumaayyuu mormmatoonni Kristosii baayi'een ka'anii jiran, waayee kanaan yeroo muumme'ee ta'uu isaa ni beekinna.


Namoonni kunniin yeroo maraa ka guungumanii fi womaanuu ka hin gammanne, fedhii mataa isaanii hamaa ka horddofan, afaan isaanii jecha ufi tuulumma'aatiin ka guuttame, faayiddaa mataa isaanii barbaadu'uuf nama ni shelatan.


Isaan, «Bara muumme'ee titti fedhii Waaqaa irraa ka fagaatan, fedhii hamaa mataa isaanii ka horddofan baldditoonni ni dhufan» isaaniin jedhanii turan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ