Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




2 Ergaa Phexiros 2:2 - Waadaa Haarawa

2 Bifa kanaan baayi'eewwan karaa isaanii saalifachiisaa ni horddofan, gocha isaanii irraa'llee ka ka'een karaa dhuga'aa ni arrabisama.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 Hedduun isaanii waan nama saalfachiisu waan godhaniif isaan faanaa deeman. Sababaa isaaniitiif karaan dhuga'aa arrabama.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Hedduun isaanii waan nama saalfachiisu waan godhaniif isaan faanaa deeman. Sababaa isaaniitiif karaan dhuga'aa arrabama.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




2 Ergaa Phexiros 2:2
36 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Farisoonni'llee barattoota isaanii namoota Heerodisii woliin'llee gara Yesusii erganii, «Yaa barsiisaa! Ati dhugaalessa ta'uu keetii fi karaa Waaqaa'llee dhuga'aan akka barsiifttu ni beekinna, nama'llee sodaachu'uun wonitti raawwatu hin jiru, namaaf'llee hin dalittu» eega isaan jedhaniin duubatti, akkana jedhanii ni gaafataniin.


Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa ni ka'an, isaan uduu danda'aniitii worruma filatamoota Waaqaa'llee dogoggorssu'uuf, baasa ol aana'aa fi wonittoota maalale'ee'llee ni muldhisan.»


Balballi gara jireennaa aseensisu garuu dhipho'oo, karaan'llee rakkisa'a» namoonni isa argatan'llee muraasota.


Gara isaa dhiyaatanii'llee akkana ni jedhaniin, «Yaa barsiisaa ati dhugaalessa ta'uu kee ni beekinna, nama'llee sodaachu'uu fi maal naan jedhan jedhee'llee, wonitti raawwattu hin jiru, karaa Waaqaa'llee dhuga'aan ni barsiiftta, eegaa, nugusa Rooma'aatiif gibira kafaluun seera qabeessaa moo? Yookiin miti? Haa gabbarru moo, yookiin haa dhiifinnu?»


Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa'llee ni dhufan, isaan uduu danda'anii worruma filatamanuu dogoggorssu'uuf, baasaa fi wonittoota maalale'ee ni raawwatan.


Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Kara'aa fi dhugaan, jireenni'llee ana, karaa kiyyaan yoo ta'e malee eennu'llee gara Waaqa Abba'aa ka dhufu, hin jiru.


«Ati ilma sheexanaa, diina dhugaa maraa! Sossobu'uu fi hammeenni marri ka sitti guute, karaa qajeelaa Goofta'aa dabssuu hin dhiifttuu moo!


Yihudonni hin amanan garuu ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne kakaasanii, obboleeyyan irratti jibbiinssi akka uumamu ni taasisan.


Isiin'llee Phaawulosii fi nu'llee horddofaa, «Namoonni kunniin tajaajiltoota Waaqa jiraata'aati! Isaan'llee waayee karaa fayyinnaa, isinitti ni himan!» jechuun ni iyyiti ture.


Inni'llee bakka woligayii titti uggiinssaan, dubbachuu jala ni qabe, garuu Phrisqiilaa fi Aqiilaan yeroo isa dhagayanitti, gara mana isaanii fudhataniiniiti, waayee karaa Waaqaa waan duraanii caalaa, qajeelatti tareessanii ni ibissaniif.


Tokko tokko garuu morkkattoota ta'uun, karaa Gooftaa ummata duratti arabssaa hin amannu yeroo jedhanitti, isaan irraa ni fagaate, worra amanttootaa'llee kophatti fudhatee, galmma Xiraanosii titti guyyamaan isaan ni barsiisa ture.


Worra amantii Kristaanaa horddofan mara, haga du'aa titti nama isaan ari'u ture, dhiiraa fi dubarttoota'llee hidhaa, gara nama hidhaa akka galan ni raawwata ture.


Garuu kana siif ibisuu ni jaaladha, isaan karaa haarawa ka jedhan kutaa amantiitiin, Waaqa abootii kiyyaa ni waaqeffadha, Seeraa fi kitaaba nabiyyootaa keessatti waan barreeffamee jiru maraa, ni amana.


Kun'llee, «Isin sababa Yihudotaatiin maqaan Waaqaa ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne biratti ni arrabsama» jedhamee, akkuma barreeffame.


Kanaaf haawotiin hiyyeessaa ka umrii isaaniitiin ufi durana hin deemin akka heeruman, ijoollee akka dayan, mana isaanii'llee akka ta'utti akka bulffatan ni gorssa, bifa kanaan diinni waan maqaa ittiin balleessuuf karaa ni dhaba.


ufi eeggattootaa fi qulqullaawomota, mishaawwan abbootii worraa isaaniitiif'llee ka ajajaman akka ta'aniif, isaan haa barsiisan. Kana'llee ka raawwataniif dubbiin Waaqaa akka hin ashaminneef.


haasaya kee fayyaalessaa hin ashaminneen isaaniif ibisi, bifa kanaan mormmitoonni waan nu irratti dubbatan hamaa yoo dhaban, ni saalifatan.


Yookiin, «Hamaa raawwattoota» jedhanii yoma isin hamatan'llee, Waaqinni nu laalu'uuf guyya itti dhufutti, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne hujii keessan mishaa laalanii Waaqa akka galateeffataniif, isaan jidduu yoo jiraattanitti amala mishaa qabaadhaa.


Barsiisonni dharaa tunniin garuu waan hubachu'uuf isaan dhibeef nama ni arrabssan, isaan xamadamu'uu fi ajjeefamu'uuf akka waan dhalatanii, akka beeyiladootaa miira isaanii ka uumamaatiin jiraataniitii fi akka beeyiladoota sammuu hin qabnneetii, akkuma beeyiladoonni badanitti isaan'llee raawwatan ni badan.


Isaan karaa qajeelaa ta'e dhiisanii badanii jiran, hamaa hojjachu'uun qarshii argamu ka jaalate, ilma Bioorii karaa ilma Bala'aamii horddofanii, dogoggoranii jiran.


Namoota dogoggoraan jiraatan jiddu'uu milqanii ka bayan keessaa namoota baayi'ee hin turin, tasa ka ta'e jecha ufi tuulumma'aa dubbachu'uun, kajeellaa gocha sagaagalaatiin woliin jechisiisu'uun, isaan ni soban.


Karaa qulqullaawomaa eega beekaniin duubatti ajaja isaaniif kenname qulqulluu irraa ufi duuba ka deebi'an irra, karaa qulqullumma'aa beekuu dhabanii uduu jiraataniitii, isaaniif woyya ture.


gocha saalifachiisaa worra seeraan alattiin guduunfata'aa ni jiraata ka ture Looxii qulqullaawomaa garuu, ni fayyiseen,


Namoonni kunniin garuu hubachuu waan dadhaban maraafuu nama ni arrabissan, akka beeyiladoota sammuu uumamaan hin qabnee titti'llee, waanuma miira isaanii ka uumamaan beekan yoo jiraate'llee, isaan ni badan.


namoota Waaqa hin waaqeffanne saniin irratti waayee waan hamaa raawwataniitiin isaan ni adaba, Waaqinni'llee dhugamattuu kanniin cubbamoota isa hin waaqeffanne irratti, waayee isaan irratti wonittoota dubbatanii maraaf isaanitti ni murtteessa.»


Ka isaanitti murteeffamu ta'uu yeroo baayi'een duranatti ka isaanitti barreeffame, namoonni tokko tokko gara keessan huluuqanii aseenanii jiran, isaan'llee kennaa Waaqaa ka bilisaa gad dhiifamammuma'aan ka jijjiiran, Waaqa worra hin waaqeffanne, inni qoftti bulichaa keennaa fi Gooftaa keenna ka ta'e, Yesus Kristosiin'llee ni waakkatan.


Bifuma kanaan Sodoomii fi Gamooraan magaalawwan naannaya isaanii jiran'llee sagaagalttoota ni ta'an, seera uumamaatiin alatti'llee sagaagala ni raawwatan. Kanaaf isaan ibidda bara baraatiin worra adabamaniif, fakkeenna ta'anii jiran.


Xaraan ol aanaan'llee gara gadii ni gatame, inni'llee arddii mara ka dogoggorssiisu daabiloos yookiin sheexana jedhamee ka waamamu, bofa duraaniiti. Inni gara arddi'ii gadi ni gatame, maleyikkoonni isaa'llee isa woliin gadi ni gataman.


Bineenssa jalqaba duranatti akka taasfamu sababaa baasota eeyyamameetiin, namoota arddii irra jiraatan ni dogoggorssa ture, bilayaan madaayee ka fayye ulfinna bineensichaatiif suuraa akka isaa hojjatuuf'llee, namoota arddii irra jiraatan ni ajaja.


Yeroo arddiin uumamittee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka Hoolicha qalamee irratti hin barreeffamin biyya lafaa irra namoota jiraatan marrinuu, bineensichaaf ni sagadan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ