Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




2 Ergaa Phexiros 1:4 - Waadaa Haarawa

4 Ulfinnaa fi ulfinna arjjooma isaatiin gatii ka qabuu fi haalaan ol aanaa ka ta'e, abddii isaa arigannee jirra, karaa kanniiniitiin'llee isin sababa hawwii hama'aatiin balleessaa biyya lafaa kana irra jiru jalaa baatanii, qoodamtoota amala Waaqumma'aa taatanii jirttan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

4 Waan hawwii badumma'aa badii adunyaa tanaa jalaa baatanii, amala Rabbii worra qoodamu dubbii abdi'ii keessa akka taatan, abdii gudda'aa fi kabajjamaa kanniin nuu kenne.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Waan hawwii badumma'aa badii adunyaa tanaa jalaa baatanii worra amala Rabbii qoodamu dubbii abdi'ii keessa akka taatan, abdii gudda'aa fi kabajjamaa kanniin nuu kenne.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




2 Ergaa Phexiros 1:4
25 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isaan Israa'eeloota, Waaqinni'llee isaan ijoollee isaa ni taasise, ulfinna isaa isaaniif ni ibise, waadaa'llee isaaniif ni aseene, seera isaaniif ni kenne, seera Waaqeffannaa dhuga'aa'llee isaanitti ni muldhise, dubbii abddi'ii'llee isaaniif ni kenne.


Abddiin Waaqinni nu'uuf kenne marrinuu, «Ee» ka ta'uun Kristosiin, kanaaf ulfinna Waaqaatiif Kristosiin, «Ameen» ka jennu.


Nu'u marri keennaa fuula hin haguuggaminiin taanee akka waan daawi'ite'een laalamu'uu titti, ulfinna Goofta'aa ni calaqisiifnna, hafuura keenna'llee ka ta'e bifa Goofta'aa fakkaachu'uuf, ulfinnaa gara ulfinnaa titti ni jijjiiraminna.


Dabalee'llee Gooftaan akkana jedhee jira, «Isaan jiddu'uu fooyama'aatii bayaa, waan battii ta'e'llee hin tuqinaa, ani'llee isin ufitti ni fudhadha,


Waaqinni'llee Abrahaamii fi fiixaa isaatii dubbii abddi'ii ka kenne bifa kanaan, kitaabchi dubbiin abddi'ii Abrahaamiin duubatti ka kenname baayi'eewwaniif akka ta'e taasisee, «Fiixaawwan keetiifii» miti, garuu tokkoof akka ta'e taasisee, «Fiixaa keetiif» jedha, kun'llee, «Fiixaa kee» ka jedhame Kristos.


Foon isaa gammachiisu'uuf ka facaasu foon isaa irraa du'a ni haamata, Hafuura gammachiisu'uuf ka facaasu Hafuura irraa, jireenna bara baraa ni haamata.


Akkuma kana Ilma Waaqaa beeku'uun gara tokkummaa amanti'iin argamuu geennee, akkuma bifa Kristos muda maleessa guutuu ta'etti, nu'llee nama guutuu akka taanuuf.


Bifa ka isa uumeetiin beekkomisaan haareffama'aa ka deemu, amala haarawa uffadhaa.


Isaan mishaa ta'ee akkuma isaanitti muldhatetti yeroo muraasaaf nu adabanii jiran, inni garuu qoodamtoota Qulqullummaa isaa akka taanuuf faayiiddaa keennaaf, nu'u ni adaba.


Sunniin ka waamaman qabiyyee bara baraa ka Waaqinni abddi'iin kenne akka fudhataniif, Kristos waadaa haarawaaf wolii galchaa jiddu'uu ta'ee jira, kun'llee ka ta'e namoonni waadaa jalqaba jala ta'anii cubbuu hojjatan irraa fayyisu'uuf, inni du'uu isaatiin.


Waaqa Abbaa duranatti qulqullu'uu fi amantii hin battaayin, «Ijoollee Abba'aa fi haati jalaa du'an, akkuma kana dubarttoota abbootiin worraa isaanii jalaa du'an rakkinna isaaniitiin isaan gargaaruu, mataa ufi'llee battaayinna biyya lafaa irraa eegu'u.»


Tajaajilaa Yesus Kristositii fi ergamitticha ka ta'e, Simoon Phexirosiin irraa, Waaqa keennaa fi qoricha kennaa Yesus Kristosiin irraa karaa qulqullaawoma argamuutiin, akkuma amantii nu'u arigannee ka jiru amantii kabajame worra argattaniif,


nu garuu akkaataa bu'ura abddii nuuf kennameetiin hujii qulqullaawomaa ka ittiin hojjannu, samii haarawaa fi arddii haarawa ni eegganna.


Namoonni tokko tokko akka isaanitti fakkaatutti Gooftaan dubbii abddii ka dubbate raawwachuuf hin turu, garuu naminni marrinuu dhiifamaaf akka gayuu fi naminni kumi'llee akka hin badinneef barbaadee, waayee keessaniif ni obissa.


Kun'llee abddii Kristos nuuf kenne, jireenna bara baraati.


Yaa waaheloota! Nu'u amma ijoollee Waaqaati, ufi durana maal akka taanu amma'llee hin beekkaminne, garuu yeroo Kristos itti mulidhatutti bifa isaa ka dhuga'aa waan arginuuf, isa akka fakkaannu ni beekinna.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ