Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




2 Ergaa Phexiros 1:3 - Waadaa Haarawa

3 Ulfinnaa fi mishummaa isaatiin ka nu waame, isa beekuu keennaan humnniti isaa ka Waaqumma'aatiin jireennaa fi Waaqa Waaqeffachu'uuf waan nu barbaachisu maraa, nuuf kennee jira.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Waan jireennaatii fi Ayyaantummaa dhuga'aa nu barbaachisu maraa hunna Waaqummaa ufiitiin nuu kenneera.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




2 Ergaa Phexiros 1:3
39 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yesus'llee gara isaanii dhiyaateeti akkana isaaniin jedhe, «Aangoon marrinuu sami'ii fi arddi'itti'llee naaf kennamee jira,


Waaqinni Ilmi isaa tokkochaafuu uduu garaa hin laafin waayee keennaaf dabarssee eega kenne, attamitti Ilma isaa woliin waan maraa bilisaan nu'uuf hin kennine ree?


Nu'u meeshaa isaa ka dhiifamaa'llee Yihudota qofa irraa uduu hin ta'in, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne keessaa'llee nu waamee jira.


Ilma isaa Gooftaa keenna Yesus Kristosiin woliin tokkummaa akka qabaattaniif, Waaqinni isin waame ka amaname.


Inni garuu, «Huminni kiyya muda maleessa ta'ee ka mulidhatu dadhaba keetiin waan ta'eef, kennaan kiyya ka bilisaa si gaya» naan jedhe, kanaaf huminni Kristosii ana irratti akka ta'uuf yeroo kamiinuu irra dadhabaa ta'uu kiyyaan gammada'aa, ufi dhaadu'uuf ni jaaladha.


Eegaa Gooftaa tajaajiluu kiyyaan hidhamaa ka ta'e ani, waamicha ittiin waamamittaniif jireenna barbaachisaa ta'e jiraachuu akka dandeettaniif, isin ni kadhadha.


Yeroo waamamittanitti abddii tokkoof akka waan waamamittanitti, qaama tokkoo fi Hafuurri tokko ni jira.


Kana malee'llee Gooftaa kiyya Yesus Kristosiin beeku'uun alatti womaayyuu akka waan hin jirree titti waan amanuuf, waan maraa akka kasaara'aa titti ni lakkaaya, waayee isaatiif'llee waan maraa dhabee jira. Kristosiin argachu'uuf jecha waan maraa akka balffaa manaa haramee titti ni lakkaaya.


Sammuun keessan kanniin ka mara caalanii fi wonittoota mishaa nama galateeffachiisaniin ka guuttame haa ta'u, muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! ulfinna dhugaalessa, ka sirrii ta'e, qulqulluu, gammachisiisa'aa fi wonittoota galateeffamaa ta'an, maraa yaadaa.


Sami'ii fi arddii irra ka jiran, wonittoonni muldhatanii fi ka hin muldhanne, huminnoonni sami'iitii fi bulchitoonni, itti gaafatamoonnii fi aangoo worri qaban maarrinuu, ka uume isaan, isaaf.


Yeroo maraa isin gorssa'aatii fi isin jajabeessa'aa mootummaa isaatii fi ulfinna isaa'llee akka qoodamttaniif ka waamamittan, akkaataa waan Waaqinni ittiin gammaduutii akka jiraattaniif yaboo akka isiniin jenne ni beekittan.


Waaqinni ka nu waame qulqullaawomaan akka jiraannuuf malee, battumma'aan akka jiraannuufii miti.


Waaqinni karaa wongeela nu'u isinitti lallabnneetiin kanaaf ka isin waame, ulfinna Gooftaa keenna Yesus Kristosii akka qoodamttaniif.


Barsiisa jabeenna qaamaatiin ufi shaakalsiisuun faayiddaan isaa muraasa, Waaqa waaqeffachuu ufi shaakalsiisuun garuu jireenna amaatiif fi ka dhufuuf'llee abddii waan qabuuf, waan maraafuu ni fayyada.


Inni waayee hujii mishaa nu'u raawwanneetiif uduu hin ta'in, fedhii mataa isaatii fi kennaa isaa ka bilisaatiin nu ni fayyise, Qulqulluumma'aaf'llee nu ni waame, kennaa isaa ka bilisaa kana'llee barootaan duranatti karaa Yesus Kristositiin, nuuf ni kenne.


Inni calaqisiinssa ulfinna ifa Waaqaati, Inni amala isaatiin Waaqaan woliin dhugamaanuu sirri'i. Dubbii isaa huminna qabeessaan biyya lafaa mara irkisee qabee jira, namoota'llee cubbuu irraa eega qulqulleesseen duubatti, sami'itti mirga Waaqa Ol Aana'aatiin taa'ee jira.


Garuu Waaqinni isin waame Qulqulluu akkuma ta'e, isin'llee jireenna keessan maraan qulqulluuwwan ta'aa,


Isin'llee guyyaa muumme'ee titti fayyinna muldhatuuf karaa amanti'iitiin, huminna Waaqaatiin eegamttanii jirttan.


Ka waamamittaniif'llee kanumaaf, fakkeennummaa isaa akka horddofttaniif Kristos waayee keessaniif rakkinna fudhachu'uun, fakkeenna taatanii jirttan.


Isin garuu dukkana keessaa gara ifa maalalchiisuu titt ka isin waame, hujii maalalchiisaa Waaqaa akka labissitaniif dhaloota filatame, qeesota nugusaa, Waaqinni mataa isaatiif ka isin taasise, ummata Qulqullu'u.


Eebbisaa malee hamaa bakka hama'aatiif, arraba'llee bakka arrabaatiif hin deebisinaa, isin ka waamamittan kana raawwachu'uun eebba dhaalu'uuf,


Yeroo muraasaaf rakkinna eega fudhattaniin duubatti Kristosiin gara ulfinna bara baraa titti ka isin waame, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaa maraa, mataan isaatuu rakkinna fudhattan mara jalaa isin ni fayyisa, isin irkisa, isin jajjabeessa, isin hunddeessa'lle'e.


Kanaaf yaa obboleeyyan! Waamamuu keessan fi filatamuu keessan mirkanneessu'uuf caala'atti worra hawwitan ta'aa, kana yoo raawwattan gonkumaa hin gufattan.


Kennaa Waaqaa ka bilisaatii fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin beeku'uun, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa baayi'atu.


Sababa kanaan wonittoonni itti aananii jiran akka isinii dabalamaniif hisadhaa, amantii irrattii mishummaa, mishummaa irratti'llee beekkomissa,


beekkomissa irratti mataa ufii toowachuu, mataa ufii toowachuu irratti'llee obissaan dhaabachuu, obissaan dhaabachuu irratti'llee, Waaqa waaqeffachuu,


Wonittoota kanniin baayi'innaan uduu qabaattanii, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin beeku'uuf ka hin fayyadinne firi dhabeeyyii akka hin taaneef, isin ni eegan.


Gooftaa keennaa fi Fayyisaa keenna Yesus Kristosiin beeku'uun battummaa biyya lafaa jalaa eega bayaniin duubatti, deebi'anii battummaa saniin qabamanii yoo injifataman, ka duranii irraa haalli mai'ii caala'atti hamaa isaanitti ni ta'a.


kana irra Gooftaa keennaatii fi qoricha Yesus Kristosiin kennaa isaa ka bilisaatii fi isa'llee beeku'uun ol ol jedhaa, isaaf amma'llee, baraa baratti'llee ulfinni haa ta'u! Ameen.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ