Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Gara Ximotewoosii 6:2 - Waadaa Haarawa

2 Bulchitoonni isaanii tajaajiltoota worri ta'an Gooftaa Yesusiin obboleeyyan isaanii waan ta'aniif, isaan hin tuffatin, gonkumaa tajaajila isaanii irraa worri faayiddaa argatan, bulchitoota isaanii ka amanttoota ta'anii fi obboleeyyan isaanii ka jaalataman waan ta'aniif, waan duraanii caala'atti isaan haa tajaajilan. Ati'llee barsiisu'uu fi gorssuu ka qabddu kana.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 Garboonni bulchoota amanan qaban obboleeyyan isaanii waan ta'aniif, isaan hin tuffatin. Hujii mishaa isaaniitiin waan fayyadamaniif worra amananiif jaalatamtoota waan ta'aniif, ka duraa caalaa haa tajaajilanii kanniin barsiisii gorsi.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Garboonni bulchoota amanan qaban obboleeyyan isaanii waan ta'aniif isaan hin tuffatin. Hujii mishaa isaaniitiin waan fayyadamaniif worra amananiif jaalatamtoota waan ta'aniif, ka duraa caalaa haa tajaajilanii; kanniin barsiisii gorsi.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Gara Ximotewoosii 6:2
31 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isin garuu, barsiisaan keessan tokko qofa waan ta'ee fi marri keessanuu obboleeyyan waan taataniif, ‹barsiisaa› jedhamttanii hin waamaminaa.


Nugusichi'llee, «dhugamaan isiniin jedha, kanniin obboleeyyan kiyya keessaa ka gad aanaa ta'e tokkomaafuu wonitti raawwattan marrinuu, akka waan anaaf raawwattaniiti!» jechu'uun, isaanii ni deebisa.


«Naminni tokko gooftota lamaaf tajaajilaa ta'uuf hin danda'u, yookiin tokko jibba, ka bira'aa'llee ni jaalata, yookiin tokko ni kabaja, kaan ni tuffata, akkuma kana naminni tokko yeroo tokkoon, Waaqaa fi qarshi'ii tajaajilaa ta'uuf hin danda'u.


Yeroo sanitti Phexiros amanittootaa dhibba tokkoo fi diddamaa ta'an jidduu dhaabateeti akkana ni jedhe,


Akka dameewwan muka ejerssaa ka dawo'oo ka ta'an Yihudonni muramanii uduu kufaniitii fi isin akka dameewwan muka ejerssaa ka bosonaa ka taatan, Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne bakka isaanii buutanii, qoodamtoota qabeennaa fi eebba isaanii uduu taatanii,


Kun'llee sababaan ta'eef durssee worra isaan beeke ijoollee isaa akka fakkaatanii fi obboleeyyan isaa baayi'ee jiddu'utti'llee hangafa akka ta'uuf, Waaqinni durssee waan murtteesseef.


Yesus Kristosiin ka jiraatuuf jaalala irratti hunddaayee amantii hojjatu malee, gadoomuu ta'ee gadoomuu dhaabuun, faayiddaa woyiituu isaa hin kennu.


Fedhii Waaqaatiin ergamittichaa Yesus Kristosii ka ta'e Phaawulosiin irraa, Yesus Kristosiin amanamoota ka ta'aniif, Qulqulluuwwan Efesonitti argamaniif,


Kanaaf amantii Gooftaa Yesusiin qabddanii fi Qulqullaayomota maraaf'llee jaalala qabddan dhagayee,


Kun'llee ka muldhisu ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Yihudotaan woliin dhaalttota qabiyyee isaatii fi kutaawwan qaama tokkoo ta'anii abddii Waaqinni kenneef karaa wongeelaatiin, Yesus Krstosiin qoodamtoota ta'uu isaaniit.


Qolaasiyaas ka jiraatan, Kristosiin Qulqullu'uu fi amanamttoota amanttoota ta'aniif, Waaqa keenna Abbaa biraa, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Amantii Yuesus Kristosiin qabddanii fi jaalala amanttoota maraatiif qabddan maraa, dhageennee jirra.


Yaa gooftota! Isin'llee sami'itti gooftota akka qabddan beekittanii tajaajiltoota keessan, qajeelumma'aa fi wol qixxumma'aan isaan bulchaa.


Yaa obboleeyyan! Waayee keessaniin Waaqa yeroo maraa ni galateeffanna, galateeffachuun'llee barbaachisaa keenna, ka galateeffannuuf'llee amantiin keessan caala'atti guddata'aatii fi jaalalitti tokkoo tokkoo keessan ufii woliif, dabala'aa deemuu isaatiin.


Jaarsa akka abbaa keetii taasisii gorssiin malee itti hin baanatin, dargaggeeyyii dhiiraa akka obboleeyyan keetii titti,


Ati garuu barsiisa jireenni ittiin argamu barsiis,


Eegaa wonittoota kanniin barsiis, aangoo guutu'uun'llee gorssi, itti baanadhu'lle'e, eennu'llee si hin tuffatin.


Kun jecha amaname. Waaqatti namoonni amanan hujii misha'aaf akka hisatan, kana maraa ciminnaan akka hubachiifttu ni barbaada, wonitti kun'llee misha'aa fi tokkoo tokkoo namaatiifuu fayyada'a.


Kanaaf qoodamtoota waamicha samii ka taatan yaa amanttoota qulqulloofttan nana! ergamittichi amantii keennaatii fi itti gaafatamaa qeesotaa Yesusiin yaadadhaa.


Amantii keenna ka jalqaba irraa qabnnu haga muumme'ee titti jabeessinee yoo qabanne, Kristosiin woliin dhaalttota ni taana.


Eegaa ani isaaniin woliin jaarssa woldaya amantii ka ta'e, rakkinna Kristosii'llee ragaa ka ta'e, akkuma kana ulfinna ufi durana mulidhatuu'llee qoodamaa ka ta'u, jidduu keessan ka jiran jaarssotii woldayaa amanti'ii ni gorssa.


Keessummaanuu isaan sanniin worra kajeellaa isaanii ka foonii battii ta'e horddofanii fi aangoo Waaqaa worra tuffatan, murti'iif eegee isaan ni turssiisa.


Akkuma kana namoonni kunniin eebjjuu isaaniitiin eemarama'aa foon isaanii ni batteessan, aangoo qabeeyyi'iif'llee hin ajajaman, sami'itti ulfinna worra qaban'llee ni arrabissan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ