Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Gara Ximotewoosii 5:3 - Waadaa Haarawa

3 Dhugamaanuu dubarttoonni abbootiin worraa isaanii irraa du'an isaan kabajaa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

3 Dubartoota abbaa manaa hin qabne kabajji.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Dubartoota abbaa manaa hin qabne kabajji.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Gara Ximotewoosii 5:3
28 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

‹naminni sun abbaa isaa [yookiin haadha isaa] kabajuu isa hin barbaachisu› jettan, kanaaf aadaa teessan jabeessu'uuf jettanii seera Waaqaa ni diigidan,


«Naminni gara Mootummaa Sami'ii titti akka hin aseennef balbala ka cufittan isin fakkeesitoota nana, barsiisonni seeraatii fi Farisoonni! Isinii uunsha'a! Isin mataa keessan itti hin aseenttan, worra barbaadan'llee akka itti hin aseenneef ni dhoogitan!» [


kanaan duubatti'llee umriin isi'ii woggaa saddeetamii afurii haga ta'utti, Mana Waaqeffanna'aatii uduu hin fooyamin halkanii fi guyyaa, soomaa fi kadhanna'aan Waaqa ni tajaajiltti turtte.


Yesus gara balbala magaalaa biraa yeroo gayutti kunoo, namoonni reeffa baadhatanii magaalatti'ii ni bayan ture, naminni du'e'llee haadha isaatiif tokko ni ture, haati'llee haadha hiyyeessaa ta abbaan worraa isi'ii irraa du'e ni turtte, magaalatti'llee namoonni baayi'een isii horddofaniinii turan.


Naatinaa'el gara isaa yeroo dhufu argee Yesus, «Kunoo! Daba ka hin qabnne nama Israa'eelii ka dhuga'aa!» jechu'uun, waayee isaa ni dubbate.


Yeroo muraasaan duubatti lakkofssi amanttootaa baayi'ataa yoo deemu, afaan worra Giriiki'ii Yihudonni dubbatan namoota biyya Yihuda'aa ka ta'an ka ta'an irratti, guungumuu jala ni qaban, ka guungumaaniif'llee gargaarssa guyyaa guyyaan ni qoodama tureen, dubbarttoota abbootiin worraa isaanii irraa du'anitti shilla jedhan waan turaniif.


Kanaaf Phexiros ka'ee ergamootaan woliin ni dhufe, Yeroo achi gayetti'llee, gara kutaa mana wol irraa jiruu ni fidaniin, dubarttoonni abbaan worraa irraa du'an marrinuu naanaya isi'ii dhaabatanii booya'aa, Dorkaas yeroo isaan woliin lubbu'uun jirttutti shinshiniiwwan hojjattee fi uffatoota ni mulidhisan ture,


Inni'llee harka isaa hiixatee qabee ol ni kaaseen, dubarttoonni abbootiin worraa isaanii irraa du'anii fi amanttoota kaanniin'llee waamee, mucattii lubbu'uun isaan duranatti ni dhiyeesseen.


Isin irraa'llee ta'ee kaanniin nama kamiin irraayyuu nu ulfinna hin barbaanne.


Jaartolee akka haawwotaa keetii taasisii isaan laali, akkuma kana dubarttoota shamarranii akka oboleetiiwwan keetii taasfttee, qulqullummaa mudaa hin qabnneen isaan laali.


Waaqa Abbaa duranatti qulqullu'uu fi amantii hin battaayin, «Ijoollee Abba'aa fi haati jalaa du'an, akkuma kana dubarttoota abbootiin worraa isaanii jalaa du'an rakkinna isaaniitiin isaan gargaaruu, mataa ufi'llee battaayinna biyya lafaa irraa eegu'u.»


Nama maraa kabajaa, obboleeyyan maraa jaaladhaa, Waaqa sodaadhaa, nugusa kabajaa.


Isin'llee abbootiin worraa! Haawotii worraa teessaniin woliin hubanna'aan jiraadhaa, isin irra uumama dadhabddoota waan ta'anii fi isin woliin'llee jireenna kennaa isaa ka bilisaa waan dhaalaniif isaan kabajaa, bifa kanaan kadhannaa keessaniif wonitti gufuu ta'u hin jiraatu.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ