Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Gara Ximotewoosii 3:3 - Waadaa Haarawa

3 ka hin machoofnne, wol mormmii ka hin jaalanne, gara laafessa, ka namaan wol hin dhabinne, ka qarshii hin jaalanne,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

3 ka hin machoofne, ka nama hin ujulle gara-laafeessa nama hin mormine, ka birrii hin jaalanne,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 ka hin machoofne, ka nama hin ujulle, gara laafessa, nama hin mormine, ka birrii hin jaalanne,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Gara Ximotewoosii 3:3
45 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

« ‹Manni kiyya mana kadhanna'aa ni jedhama› isin garuu goda saamittotaa, ni taasfttan!» isaaniin jedhe.


Ani qarshii eennuu'llee, worqqii yookiin uffata hin hawwinne.


Namoonni bifa kanaa kunniin mataa isaanii malee Gooftaa keenna Kristosiin hin tajaajilaniin. Jechoota lallaafaa ta'an ka nama jajaniin onnee namoota gara laafeyyi'ii ni soban.


Gara badi'ii ka isin eemaru waan ta'eef daadhii woyinni'iitiin hin machaayinaa, kana irra Hafuura Qulqullu'uun guuttamaa.


Yaa obboleeyyan! «Worra hujii jibbantti baanadhaa, sodaattota jajabeessaa, dadhabiddoota gargaaraa, nama maraaf obissaa» jennee, isin ni gorssina.


Akkuma kana gargaarttonni woldaya amanti'ii worra kabajamanii fi jecha isaaniitiin'llee ka dhaabatan, daadhii wooyinni'ii baayi'ee ka hin dhuginne, qarshi'iif worra hin haafofinne ta'u qaban,


Namoonni mataa isaanii ka jaalatan, qarshi'iif ka haafayan, ufi dhaaddota, ufi tuultota, worra nama arrabissan, maatii isaaniitiif ka hin ajajaminne, galata dhabeeyyii, qulqullummaa ka hin qabnne,


Namoota kanniin cadhisiisuun ni barbaachisa, isaan bu'aa saalfachiisu argachu'uuf waan hin malle barsiisa'aa, maatiiwwan maraa ni raasan.


Ephiis Qophoos (itti gaafatamaa woldaya amanti'ii) ka hujii Waaqaa yabo'oon ka fudhate waan ta'eef ka hin ashaminne ta'uu ni qaba, akkuma kana ka hin boonne, dadafaan ka hin dallanne, ka hin machoofnne, namaan wol dhabaa ka hin ta'in, qarshi'iif ka hin haafofnne ta'uu qaba.


Akkuma kanaan'llee umri'iin ufi durana dubarttoonni deeman, amala isaaniitiin worra ka kabajaman akka ta'aniif malee hamattootaa fi worra araada dhugaati'ii qaban akka hin taanee fi barsiisicha mishaa ta'e akka barsiisaniif, isaan gorssi.


eennuun irratti'llee waan hamaa akka hin dubbanneef isaan yaadachiisi, kana irra namaan woliin ka wol hin dhabinnee fi gara laafeyyii, mataa gad qabata mudaa hin qabnne, nama maratti ka mulidhisan haa ta'an,


Jaalala qarshi'ii irraa fagaadhaa, ka qabddanuu isin haa gayu, Waaqinni «Gonkumaa si hin gatu, akkuma kana si hin dhiisulle'e» jedhee jira.


Isin jidduu woraanni jiruu fi wol dhabbinni, eessaa ka dhufe? Qaama keessan keessatti ka isin woraanu fedhii keessan ka foonii irraa ka dhufee mitii ree?


Yabo'oon ka isinitti kenname gobbuu Waaqaa eegaa, gobbuu ka eegiddan'llee huminnaan uduu hin ta'in, bifa Waaqinni barbaaduun, fedhi'iin haa ta'u, qarshi'iif joojoru'uun uduu hin ta'in tajaajilu'uuf fedhii qabddaniin haa ta'u.


Barsiisonni dharaa tunniin qarshi'iif haafayuu irraa ka ka'een seennaa ufii isaaniitii qopheessan oddeessa'aa, isaan ni saaman. Bara baayi'e'een duranaa'llee jalqabee murttiin isaaniif qophaayee jira, badiin'llee dhugamaanuu isaan ni eeggata!


Karaa Qaaye'liitiin waan deemaniif, qarshi'iif jedhanii dogoggora Bala'aamiitiin waan kufaniif, Qoreen'llee akka isaan isaan'llee waan isa mormmuu isaaniitiin waan badaniif, isaanii uunisha'a!


Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ