1 Gara Ximotewoosii 1:9 - Waadaa Haarawa9 akkuma kanaan'llee seerri ka hojjatame namoota mishaawwanii akka hin ta'in ni beekinna, seerri ka hojjatame hamaaleyyi'ii fi yakkamttootaaf, worra Waaqa hin waaqeffanne cubbamootaaf, qulqullaawoma worra hin qabnnee fi worra waan hafuuraa jibbaniif, abba'aa fi haadha worra ajjeesanii fi lubbuu ajjeefttotaaf, အခန်းကိုကြည့်ပါ။WAADAA LAMMATAA9-11 Kunillee worra yakkamtoota, worra hin ajajamne, worra hamaa hojjatan, cubbamtoota, worra woyyummaa hin qabne, battoota, worra abba'aa fi haadha ufii ajjeesan, worra nama ajjeesan, seebartoota, worra dhiira woliin ciisan, worra namoota bitee gurguru, worra kijibdootaa fi dharaan kakatuu fi worra faallaa barumsa dhuga'aa godhan maraaf, barumsi dhuga'aa ammo ka argamu, Oduu Nagayaa kabajjamaa ka waan Rabbii eebbaa ibsuuti. Oduu Nagayaa kanatu yaboo natti kenname. အခန်းကိုကြည့်ပါ။Kitaaba Woyyuu9-11 Kun worra yakkamtoota, worra hin ajajamne, worra hamaa hojjatan, cubbamtoota, worra woyyummaa hin qabne, battoota, worra abba'aa fi haadha ufii ajjeesan, worra nama ajjeesan, seebartoota, worra dhiira woliin ciisan, worra namoota bitee gurguru, worra kijibdootaa fi worra dharaan kakatu, worra faallaa barumsa dhuga'aa godhan maraaf; barumsi dhuga'aa ammo ka argamu, Dubbii Nagayaa kabajjamaa ka waan Rabbii eebbaa ibsuuti. Dubbii Nagayaa kanatu yaboo natti kenname. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |