Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Gara Ximotewoosii 1:4 - Waadaa Haarawa

4 Gara mammaakaa fi gara laakkofssa dhaloototaa ka muummee hin qabnne akka hin deebineef isaan ajaji, wonittoonni kunniin mormmii fidan malee amaniti'iin hujii raawwatamu ka Waaqaatiif, hin fayyadan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

4 Kunniin hujii Rabbii ka dhuga'aan hojjanuuf womaa hin fayyadu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Kunniin hujii Rabbii ka dhuga'aan hojjannuuf womaa hin fayyadu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Gara Ximotewoosii 1:4
19 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Wonitti ittiin dhaadanu kana, kun'llee dhugaa ta'uu isaa sammuun keenna nuuf ragaa ni baya, namoota kaanniinii fi keesumaanuu isin woliin wolitti dhufeenni ni qabnna ture, qulqullaayoma Waaqa biraa arigannee fi qajeelumaan ka hunddaaye, kun'llee ka ta'e kennaa Waaqaa ka bilisaatiin malee, ogummaa namaatiin hin turre.


Faayyiddaa keessaniif akka oolichuuf Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa tajaajilaa akka naa kenne, dhugamaanuu dhageettanii jirttan.


Dhossaan amantii keennaa shakkii malee ol aana'aa, inni'llee Waaqinni, «Nama ta'ee ni muldhate, dhugaa ta'uun isaa'llee hafuuraan ni beekkame, maleyikkootatti ni muldhate, ummatoota maraaf ni lallabame, namoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu itti ni amanan, ulfinnaan gara sami'ii ol ni deebi'e» ka jedhu.


Waaqa waaqeffachuun ka keessa hin jirre, seenaa mammaaka biyya lafaa irraa fagaadhu, Waaqa'llee waaqeffachuu mataa kee shaakalsiis.


Yaa nama Waaqaa! Ati garuu kana mara irraayyuu dheessi, qulqullummaa, nama hafuuraa ta'uu, amantii, jaalala, obissaan jajabaachuu, gara laafummaa horddof.


Yaa Ximotewos! Yabo'oon waan sitti kenname eegi, beekkomissa uduu hin ta'in, «Beekkomissa» waan fakkaatu, woca tasaa irraa'llee fagaadhu.


Waan kana isaan hubachiis, waayee jechootaatiin akka wol hin mormmineef'llee Gooftaa duranatti isaan ufi eeggachiis, mormmiin jechaa kun'llee namoota dhagayan ni balleessa malee, womaafuu hin fayyadu.


Hawwii hamaa dargaggumma'aa jalaa dheessi, onnee Qulqullu'uun namoota Gooftaa waamataniin woliin ta'iitii qulqullummaa, amantii, jaalalaa fi nagaya horddof.


Wol dhabbii akka fidu beekittee wol mormmii gowumma'aatii fi woca tasaa irraa fagaadhu.


Kanaaf dhugaa dhagayuu dhiisanii mammaaka dhagayuu ni jaalatan.


Tajaajilaa Waaqaatii fi barataa Yesus Kristosii ka ta'e, namoota Waaqinni isaan filate jabeessu'uu fi amanitii isaanii'llee guutumaa guutu'utti akka beekan isaan taasisu'uuf, ka muudame Phaawulosiin irraa ka ergame,


Mammaakissa Yihudotaa akka hin horddofinnee fi ajaja namoota dhuga'aan mormmanii akka hin horddofinneef, ciminnaan isaanitti baanadhu.


Garuu mormmii gowwootaa, laakkofssa hidda dhalootaa, wolitti woca, woldhabiinssa waayee Seeraatiin ka'u irraa fagaadhu, wonittoonni kunniin ka faayiddaa hin qabnnee fi bu'aa dhabeeyyi'i.


Ka hin baratamin barsiisa gara garaatiin hin booji'aminaa, onneen keenna seerota nyaataa ka gara garaa eegu'uun uduu hin ta'in, kennaa isaa ka bilisaatiin uduu jabaatee dhaabateetii misha'a, seera nyaataa kana namoonni horddofan, womaayyuu isaan hin fayyadinne.


Waayee huminna Gooftaa keenna Yesus Kristositii fi waayee deebi'ee dhufiinssa isaa'llee yeroo isinitti himnnetti, mataa keennaa gaachena isaa ija teennaan arginee ka ragaa baannu malee, mammaaka daba ka namaatiin karoorffame horddofinneetii miti.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ