Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Ergaa Yohaannis 1:9 - Waadaa Haarawa

9 Cubbuu keenna Waaqatti yoo himanne inni amanama'aa fi qulqullaawomaa waan ta'eef, cubbuu keenna maraa nuuf ni dhiisa, balleessaa keenna mara irraa'llee, nu ni qulqulleessa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

9 Cubbuu keenna yoo himanne, cubbuu keenna nuu dhiisee hammena keenna maraa irraa nuu qulqulleesu'uuf, inni amanamma'aa fi qajeela'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

9 Cubbuu keenna yoo himanne, cubbuu keenna nuu dhiisee hammeenna keenna maraa irraa nuu qulqulleessu'uuf inni amanama'aa fi qajeela'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Ergaa Yohaannis 1:9
37 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Cubbuu isaanii himata'aa, laga Yoordaanosii, harka Yohaannisii titti ni cuuphaman turan.


Arddii Yihuda'aatii fi magaalaa Yerusaalemiitii'llee namoonni baayi'een gara isaa ni dhufan ture, cubbuu isaanii'llee himata'aa Laga Yoordaanosii titti, harka isaatiin ni cuuphaman ture.


Phexiros garuu, «Dubarttii nana! Ani isa hin beeku!» jechu'uun, ni waakkateen.


Yaa Abbaa Qulqullaayomaa! Biyyi lafaa si hin beekinne, ani garuu si ni beeka, kunniin'llee akka ati ana ergite beekanii jiran.


Amantootaa keessa'llee baay'eewwan isaanii, hujii hamaa isaanii irraa ifatti himatanii deebi'aa, ni dhufan ture.


Bara ammaa titti'llee Waaqinni mataan isaatuu qulqullaawomaa ta'uu isaa ka muldhisu, worra Yesusitti amanan maraa qulqullaawomssu'uun.


Ilma isaa Gooftaa keenna Yesus Kristosiin woliin tokkummaa akka qabaattaniif, Waaqinni isin waame ka amaname.


Isin keessaa'llee tokko tokkoon keessan akkuma kana turttan, ammaa garuu maqaa Gooftaa Yesus Kristositii fi hafuura Waaqa keennaatiin cubbuu irraa miicamttanii jirttan, Waaqaaf'llee ka addaan baye ummata Qulqulluu taatanii jirttan, qulqullaayomttanii'llee jirttan.


Kristos kana ka taasise woldaya amanti'ii Qulqullaawomssu'uuf barbaadeeti ka isii Qulullaawomssee'llee, karaa dubbii isaatiin bishaaniin miiceeti.


«Yesus Kristos cubbamoota fayyisu'uuf gara biyya lafaa ni dhufe» dubbiin jedhu, dhugaalessaa fi naminni marrinuu fudhachuu ka qabu, cubbamoota mara irraa ka caalu cubbamaan ana.


Kristos hammeennumaa mara irraa nu fayyisu'uu fi hujii mishaa hojjachu'uuf hisattootaa fi ummata qulqulluu isaaf adda baye akka taanu, nu qulqulleessu'uuf waayee keennaaf mataa isaa dabarssee ni kenne.


Dubbii abddi'ii titti'llee ka nuuf kenne amanamaa waan ta'eef, amma abddii waan amannee ragaa baanuu uduu asii fi achi hin jedhin, jabeessinee haa qabannuu.


Saaraa'llee Waaqinni abddii kenneef amanamaa ta'uu isaa waan beekitteef, yoma umrii isi'iitiin ufi durana deemuu isi'iitiin'llee dayu'uuf ka hin danddeenne taate'llee, huminna ulfaayu'uu ka argatte amanti'iin.


Waaqinni muritteessaa dhuga'aati, kanaaf hujii keessan fi duraan ta'ee amma'llee qulqullaawota gargaaru'uun, waayee maqaa isaatiif jaalalli muldhifttan, hin irraafatamu.


Garuu inni ifa keessa akka jiru nu'llee ifa keessa uduu jiraannee, ufii keenna tokkummaa ni qabaanna. Deebi'ee'llee dhiiginni Ilma isaa Yesus Kristosii, cubbuu mara irraayyuu nu ni qulqulleessa.


Tajaajilaa Waaqaa faarffannaa Muse'eetii fi faarffannaa Hoolchaa akkana jedha'aa ni faarsan ture, «Maraa ka danddeettu yaa Waaqa Gooftaa! hujiin kee ol aana'aa fi maalalchiisa'a, yaa nugusa ummatootaa! karaan kee sirri'ii fi dhuga'a.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ