Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Ergaa Phexiros 5:9 - Waadaa Haarawa

9 Biyya lafaa mara irra ka jiran obboleeyyan teessan rakkinna bifa kanaa akka fudhatan beeku'uun, amanti'iin jabaadha'aatii mormma'aanii.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

9 Obboleeyyan keessan ka adunyaa kana irra jiran rakkinni akkanaa kun akka isaan irra gayu beekaa'a; amanti'iin cima'aa dhaabadhaa'a daabiloosiin mormaa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

9 Obboleeyyan keessan ka adunyaa kana irra jiran rakkinni akkanaa kun akka isaan irra gayu beekaa'a; amanti'iin cima'aa dhaabadhaa'a; daabiloosiin mormaa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Ergaa Phexiros 5:9
24 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Garuu amantiin keessan akka hin banneef ani siif ni kadhadhe, yeroo deebitetti'llee, obboleeyyan kee jabeessi.»


Kana isinitti dubbachuun kiyya ana keessa taatanii nageenna akka qabaattaniif jedheeti, biyya lafaa kana irra haga jirttanitti rakkinnatu isinitti jira, garuu jabaadhaa, ani biyya lafaa injifadhee jira.»


Biyyoota sanniin mara keessattuu amanttoonni amantii isaaniitiin akka jajabaatan jajabeessuu fi gorssaan, «Gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uuf rakkinna baayi'ee fudhachuu qabnna» jedha'aa isaan ni barsiisan.


Qormmaata nama irra gayuun alatti, qormmaanni bira'aa isin irra hin geenne. Waaqinni amanama'a, qormmaanni huminna keessanii ol ta'e akka isin irra gayu hin eeyyamu, yeroo itti qormaatamttantti'llee huminna ittiin obissitan isinii kennu'uun, karaa qormaataa keessaa ittiin baatan isiniif ni qopheessa.


Kana maraan olitti akka ibiddaa titti ka bobayan xiyyaawwan sheexanaa maraa ittiin balleessuu ka dandeettan, amantii akka wonte'ee titti qabadhaa.


fooniin isin irraa yoma fagaadhe'llee hafuuraan isin woliin ni amala misha'aan jiraachuu keessan fi jira, amantii cimaa Kristosiin irratti qabiddan argu'uun'llee, ni gammada.


kun'llee rakkinna isin irra gayeen akka hin raafaminne isin ni taasisa, rakkinni kun'llee nu'uuf carraa murttaaye ta'uu isaa isin mataan keessanuu ni beekittan.


Lola mishaa amanti'ii loli, ati gara isaa yeroo waamamittetti ragoota baayi'ee duranatti ragummaa sirri'ii ta'e ka kenniteef, jireenna bara baraa qabadhu.


Worra gosa Yesus Kristosiin ta'anii jireenna hafuuraa jiraachuu worri barbaadan marinuu, ari'ataminni isaan irra ni gaya.


Lola kiyya haala misha'aan lolee jira, woldurssoo fiigicha kiyyaa'llee haga muummee titti fiigee jira, amantii kiyya'llee eegee jira.


Isaan'llee amanti'iin mootummtoota injifatanii ni moo'an, abddii bulichiinssa murti'iitiin isaaniif kenname'llee ni argatan, afaan leencotaa ni cufan,


Adabbii worri ijoollee isaa ta'an marrinuu fudhatan isin'llee yoo hin fudhatin, diqaalota malee isin ijoolle'ee miti.


Kanaaf Waaqaaf bitamaa, daabiloosiin garuu mormma'aanii, inni'llee isin irraa ni dheessa.


Yoma qormaatonni adda addaa'llee yeroo muraasaaf ka isin rakkisan ta'an'llee, isaan gammadaa.


Ka waamamittaniif'llee kanumaaf, fakkeennummaa isaa akka horddofttaniif Kristos waayee keessaniif rakkinna fudhachu'uun, fakkeenna taatanii jirttan.


Waan mishaa raawwachu'uun rakkinna yoma fudhattan'llee eebba ni argattan, dhaadata namootaa hin sodaatinaa, hin sarddaminalle'e.


kana irra ulfinni Kristosii yeroo itti mulidhatutti haalaan akka gammaddan, haguma qoodamtoota rakkinna isaa taataniitiin, gammadaa.


Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,


Tokkoo tokkoo isaaniitiif'llee uffanni adiin ni kennameef, akka isaanii ufi durana ka ajjeefaman, kuma isaanii tajaajilttoota ka ta'an waahellan isaaniitii fi laakkofssi obboleeyyan isaanii haga guututti, yeroo muraasaaf boqatanii akka turaniif isaanitti ni himame.


Ani'llee, «Yaa Gooftaa, ati ni beekita» ni jedheen. Inni'llee akkana naan jedhe, «Kunniin rakkinna ol aanaa bira dabrranii worra dhufan, uffata isaanii'llee diiga Hoolichaatiin miicanii, adii taasisaanii jiran.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ