Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Ergaa Phexiros 4:3 - Waadaa Haarawa

3 Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne akkuma raawwatan gad dhiifamaan, hawwii sagaagalaatiin, machi'iin, gammachuu haga dhabeen, haga malee dhuganii sirbbu'uu fi jibbisiisaa ka ta'e waaqeffannaa Waaqa harkaan hojjatameetiin, barri dabarssitan ni gaya.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

3 Barri fedhii worra Yihuudota hin taanee gootan wol qirqissu'uuf, hawwiin foonii machaayyuu, sirbuu, akka malee dhuguu, hulee shinga'aatitti argamu'uu fi waaqolee tolfamaa kaddaamuun barri akkasii sun isin gaya.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Barri fedhii worra Yihuudota hin taanee gootan wol hoossu'uuf, hawwiin foonii machaayuu'u, sirbuu, akka malee dhuguu'u, hulee shinga'aatitti argamu'uu fi waaqolee tolfamaa waaqeffatuun barri akkasii sun isin gaya.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Ergaa Phexiros 4:3
30 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Sagaagalummaa, haafayummaa, hammeenna, sobddummaa, gad dhiifamummaan, hinaafttummaan, hamataa ta'uun, ufi tuulummaanii fi yaada dhabumma'a.


Eegaa namoonni bara duraanii beekuu dhabaan waan raawwate, Waaqinni caldhisee irra dabrre jira, amma garuu namoonni biyya maraa jiran marrinuu, dhiifamaan gara Waaqaa akka deebi'an ajajee jira,


Gammachuu haga dhabeen, machi'iin, sagaagalaa fi wiriqachu'uun, wol mormiinssaa fi hinaaffa'aan uduu hin ta'in, akka namoota ifa guyya'aatiin jiraatanii titti, ufi toowanna'aan haa dedeebinuu.


Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne yeroo turttanitti, waan hin beekinneen eemaramittanii gara waaqolee dubbachu'uuf hin dandeenne, ka harkaan hojjatamanii ni fudhatamittan akka ture ni beekittan.


Isin keessaa'llee tokko tokkoon keessan akkuma kana turttan, ammaa garuu maqaa Gooftaa Yesus Kristositii fi hafuura Waaqa keennaatiin cubbuu irraa miicamttanii jirttan, Waaqaaf'llee ka addaan baye ummata Qulqulluu taatanii jirttan, qulqullaayomttanii'llee jirttan.


Deebi'ee gara keessan yoo dhufu Waaqinni kiyya yookiin isin duranatti ana ni salphisa jedhee ni sodaadha, asiin durana cubbuu hojjatanii battummaa raawwatan kanaan, sagaagalaa fi gad dhiifammummaan waayee namoota gara Waaqaa hin deebi'iniitiif, gadda irratti ni kufa jedhee ni sodaadha.


Hujiiwwan foonii ka beekkaman, isaan'llee sagaagalaa, battayumma'aa, gad dhiifamummaa,


waanyummaa, machii, gammachuu gara dhabe, kanniin ka fakkaatan, asiin durana akkuma ufi isin eeggachiisetti amma'llee irra deebi'ee ufi isin ni eeggachiisa, wonittoota akkanaa jiran namoonni raawwatan, Mootummaa Waaqaa hin dhaalan.


Gara badi'ii ka isin eemaru waan ta'eef daadhii woyinni'iitiin hin machaayinaa, kana irra Hafuura Qulqullu'uun guuttamaa.


Akka ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka Waaqa hin beekinnee titti, hawwii sagaagalaa hin qabaatin.


nu'llee asiin durana gowwoota, ka hin ajajaminne diddoota, karaa keenna ka dogoggore seera dabartoota, kajeellaa adda addaa ka fooniitiif gammachuu foonaya'aaf ka bitamnne, dabaa fi hinaaffa'aan ka jiraannu, ka jibbamnnee fi ufii keennaa'llee ka wol jibbinu turre.


Ijoollee ajajamoota taatanii beekkomissa dhabaan duraan ni qabddan ka turttan, hawwa hamaa hin horddofinaa,


Ka isaanitti murteeffamu ta'uu yeroo baayi'een duranatti ka isaanitti barreeffame, namoonni tokko tokko gara keessan huluuqanii aseenanii jiran, isaan'llee kennaa Waaqaa ka bilisaa gad dhiifamammuma'aan ka jijjiiran, Waaqa worra hin waaqeffanne, inni qoftti bulichaa keennaa fi Gooftaa keenna ka ta'e, Yesus Kristosiin'llee ni waakkatan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ