Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Ergaa Phexiros 2:4 - Waadaa Haarawa

4 Kanaaf dhagaa jiraataa gara ka ta'ee gara Gooftaa Yesusii dhiyaadhaa, dhagaan kun ka namoonni tuffatanii dhiisaniin, Waaqa biratti garuu ka filaatamee fi gatii ulffaataa ka qabu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

4 Gara dhagaa jiraataa namaan jibbamee ka Rabbiin biratti ammoo kabajjamaa ta'ee filatameetitti dhiyaata'aa,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Gara dhagaa jiraataa namaan jibbamee; ka Rabbiin biratti ammo kabajjamaa ta'ee filatameetitti dhiyaata'aa,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Ergaa Phexiros 2:4
31 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

«Isin worri hujii huminnaatiin dadhabiddan nana! Ba'aan'llee ka isinitti ulffaate marrinuu gara kiyya koottaa! Ani'llee boqannaa isinii ni kenna.


«Kunoo! Tajaajilaan kiyya ka ani filadhe kana! inni'llee ka ani jaaladhuunii fi itti gammadu, Hafuura kiyya isa irra ni kaaya, inni'llee murttii qajeelaa ummatootaaf ni labissa.


Itti aanssee'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Kitaabban qulqullaawota keessatti, ‹dhagaa worri kaabaa dhaga'aa ijaaran tuffataniin, inni dhagaa ijoo cabissata mata'aa ni ta'e, kun'llee hujii Goofta'aati, ija teennaaf'llee baasa› jedhamee ka barreeffame, gonkumaa isin hin dubbifinnee moo?»


Yeroo muraasaan duubatti biyyi lafaa ana hin argu, isin garuu ana ni argitan, ani jiraataa waan ta'eef isin'llee lubbu'uun ni jiraattan,


Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Kara'aa fi dhugaan, jireenni'llee ana, karaa kiyyaan yoo ta'e malee eennu'llee gara Waaqa Abba'aa ka dhufu, hin jiru.


Waaqinni Abbaan mataan isaatuu burqqaa jireennaa akka ta'u isa taasisee jira.


Haa ta'u malee isin jireenna argachu'uuf, gara kiyya dhufuu hin barbaaddan.


Ka Waaqinni Abbaan naaf kennu marrinuu gara kiyya ni dhufa, ka gara kiyya dhufu'llee gonkumaa gara alaa titti isa hin ari'uun.


Waaqinni Abbaan jiraataan akka ana ergee fi ani'llee isaan jiraataa akka ta'e, akkuma kana foon kiyya ka nyaatu marrinuu, anaan jiraataa ni ta'a.


Nu'u diinota Waaqaa taanee uduu jirru, du'a Ilma isaatiin Waaqa woliin araaraminnee jirra, amma Waaqaan woliin eega araaraminneen duubatti karaa jireenna Ilma isaatiin, caala'attuu ni fayyina.


Yeroo tokko hunddee hunddeeffame malee eennu'llee hunddee bira'aa hunddeessuu hin danda'u, hunddeen kun'llee Yesus Kristos.


Lubbuun keessan Kristosii yeroo muldhatutti, isin'llee isaan woliin ulfinnaan ni muldhattan.


Isin ka bitamtan heeyibii yookiin akka hoolaa hanqqinna hin qabnnee Qulqullu'uu ka ta'e, dhiiga Kristosii kabajama'aan.


Qormmaanni kun ka isin irra gayu dhugummaa amantii keessan mirkaneessu'uuf, Woriqqimmaan baduu ibiddaan ni qormaatama, woriqqii caalaa ka kabajamu amanitiin keessanuu akkuma kana qormaatamu ni qaba, amanitiin keessan ka qormaatame kun'llee Yesus Kristos yeroo itti mulidhatutti galata, ulfinnaa fi faarfannaa isiniif ni arigamisiisa.


Eegaa isin worra amanttaniif dhagaan kun kabajama'a, ka hin amanneef garuu, «Dhagaan worri kaabdotaa tuffaatanii gatan, dhagaa cabssata mata'aa ni ta'e.»


Tajaajilaa Yesus Kristositii fi ergamitticha ka ta'e, Simoon Phexirosiin irraa, Waaqa keennaa fi qoricha kennaa Yesus Kristosiin irraa karaa qulqullaawoma argamuutiin, akkuma amantii nu'u arigannee ka jiru amantii kabajame worra argattaniif,


Ulfinnaa fi ulfinna arjjooma isaatiin gatii ka qabuu fi haalaan ol aanaa ka ta'e, abddii isaa arigannee jirra, karaa kanniiniitiin'llee isin sababa hawwii hama'aatiin balleessaa biyya lafaa kana irra jiru jalaa baatanii, qoodamtoota amala Waaqumma'aa taatanii jirttan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ