Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Ergaa Phexiros 1:4 - Waadaa Haarawa

4 Inni'llee ka hin badinne, ka tajaajilaan ala hin taanee fi qabiyyee hin moofinne sami'itti isiniif qopheesee jira.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Ristiin kunillee isin worra bara dhumaa worra fayyinna hunna amantii Rabbii eeggattaniif samii isinii taa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Ergaa Phexiros 1:4
27 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yeroo sanitti nugusichi gara mirga isaatiin worra jiraniin akkana ni jedha, isin Abbaan kiyya ka isin eebbise! Kootaa! biyyi lafaa yeroo uumamee jala qabee mootummaa isiniif qophaaye dhaalaa!


Yesus achii bayee deema'aa uduma jiru, naminni tokko gara isaa fiigee isa duranatti jilibbiiffateeti, «Yaa barsiisaa arjjaa, jireenna bara baraa argachu'uuf maal raawwachu'utu narraa mala?» jechu'uun, ni gaafateen.


«Amma'llee isin ijaaru'uu fi qulqullaayomota jiddu'utti'llee qabiyyee isinii kennuu Waaqa dandda'uu fi dubbii kennaa bilisaa titti'llee, yaboo kennee jira.


Ija isaanii akka isaanii banttuu fi dukkana keessaa gara ifaa titti akka isaan baafttuuf, bulchiinsa sheexanaa jalaa'llee gara Waaqaa titti akka isaan deebifttuuf si ni taasisa, isaan'llee sababa anatti amanuu isaaniitiin dhiifama cubbuu ni argatan, worra filataman jiddu'utti'llee qabiyyee ni qoodaman.


Eega Ijoollee Waaqaa taane dhaalttota isaati, Kristosiin woliin'llee ni dhaalla, amma qoodamtoota rakkinna Kristosii yoo taane, maai'ii ammoo qoodamtoota ulfinna isaa ni taana.


Fiigichaan worri dorgoman marrinuu shaakala dadhabsiisaa ni taasisan, isaan akkanatti ka dadhaban ka baduu fi gonfata yero'oof ta'u argachu'uuf, nu'u garuu ka dadhabnnu ka hin badinnee fi gonfata bara baraa ka ta'e argachu'uuf.


Wonitti tokko ka dhaalamu karaa seeraatiin uduu ta'ee jiraatee karaa dubbii abddi'ii ka Waaqinni kenneetiin ta'uun isaa ni hafaayyu ture, garuu Waaqinni dhaala Abrahaamiif ka kenne, karaa dubbii abddi'iitiin.


Waan maraa fedha mataa isaatiin ka hojjatu Waaqinni akkaataa durssee nuuf karoorsse karaa Kristositiin, worra gara isaa akka taanuuf nu ni filate.


Hafuurri kun galata ulfinna isaatiif akka ta'u Waaqinni ka isaa worra ta'an mara haga fayyisutti, argachu'uuf ka jirru qabiyyee keennaaf qabddi'i.


Abddii attamiitiif akka waamamittanii fi ulfinna qabiyyee Qulqulloonni dhaalanii hagam baayi'ee akka ta'e akka beekittaniif, ijji onnee teessanii akka isinii ifuuf ni kadhadha.


Dabalee'llee mootummaa ifaa keessatti Qulqullaawotaan woliin qabiyyee akka qoodamttaniif ka isin taasise, Waaqa Abbaa gammachu'uun galateeffadha'aanii.


Wongeelli dubbii dhuga'aa ta'e jalqaba gara keessan yeroo gayetti abddii isa keessa jiru dhageettanii jirttan, kanaaf amantii keessan fi jaalalli keessan ka hunddaaye sami'itti qophaayee ka isiniif turu, abddii kana irratti.


Kanaaf'llee Gooftaan qabiyyee sami'ii gatii taasisee akka isiniif kennu ni beekittan, Gooftaan tajaajilttan'llee Kristos.


Ammaa achitti gonfanni qulqullumma'aa qophaayee ana ni eeggata, gonfaa kana'llee Gooftaan murtii sirri'ii murtteessaa ta'e sun guyyaa sanitti naaf ni kenna, ka kennu'llee ana qofaaf uduu hin ta'in, muldhachuu isaa worra jaalatan maraaf.


Isin qabeenna fooyyaya'aa fi jiraataa sami'itti akka qabddan beekuu keessaniin hidhamttootaaf garaa laafttanii jirttan, qabeenni keessan'llee isaan irraa yoo fudhatamutti obissitanii, haala jiru gammachu'uun fudhattanii jirttan.


Sunniin ka waamaman qabiyyee bara baraa ka Waaqinni abddi'iin kenne akka fudhataniif, Kristos waadaa haarawaaf wolii galchaa jiddu'uu ta'ee jira, kun'llee ka ta'e namoonni waadaa jalqaba jala ta'anii cubbuu hojjatan irraa fayyisu'uuf, inni du'uu isaatiin.


Aduun oo'a isi'ii woliin yoo baayutti marga ni gossa, abaaboon'llee ni harca'a, bareenni isaa'llee ni bada, akkuma kana naminni dureessi hujii isaatiin yoo haafaye ni bada.


Eebbisaa malee hamaa bakka hama'aatiif, arraba'llee bakka arrabaatiif hin deebisinaa, isin ka waamamittan kana raawwachu'uun eebba dhaalu'uuf,


Kana yoo raawwattan Tissichi ijoon yeroo muldhatutti, gonfanni hin banne ka ulfinnaa ni fudhattan.


wonitti balifisiisaa ta'e gonkumaa gara isi'ii titti hin galu, battummaa ka raawwatuu fi soba ka dubbatu, gonkumaa gara isi'ii hin galu, gara isi'ii titti ka galan, worra maqaawwan isaanii kitaaba jireennaa ka Hoolchaa irratti barreeffaman qofa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ