Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Ergaa Phexiros 1:3 - Waadaa Haarawa

3 Yesus Kristosii sababaa du'aa ka'uu isaatiin abddii jiraataa ta'e ka nuuf kenne, dhiifama isaa ol aana'aan dhalata haarawaan ijoollee isaa ka nu taasise, Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii haa galatteeffamu,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

3-5 Du'oota keessaa ka'uu Yesuus Kiristoosiitiin abdii jiraata'aa fi hin baanne ka ristii hin darbine xurii hin qabneef akka guddinna dhiifamsa isaatiin Rabbi lammaffaa nu uumate Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu. Ristiin kunillee isin worra bara dhumaa worra fayyinna hunna amantaa Rabbii eeggattaniif samii isinii taa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Du'oota keessaa ka'uu Yesuus Kiristoosiitiin abdii jiraata'aa fi hin banne ka ristii hin darbine xurii hin qabneef akka guddinna dhiifamsa ufiitiin Rabbi lammeessoo nu uumate Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Ergaa Phexiros 1:3
56 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isaan'llee Waaqa irraa ni dhalatan malee fiixaa namaa, jechuun'llee fedhii foonii irraa yookiin fedhii namaa irraa hin dhalanne.


Abddi'iin gammadaa, yeroo rakkinnaa titti obissaa, yeroo maraa kadhadhaa.


Abddiin keessan huminna Hafuura Qulqullu'uutiin guddata'aa akka deemuuf Waaqa abddi'ii, isa abddii taasfachuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya, guutumma'aan isiniif ni kenna.


Gooftaan keenna Yesusiin kun'llee waayee cubbuu keennaatiif du'aaf dabarffamee ka kennamee fi nu'llee qulqullaayomssu'uuf, du'aa ka ka'e.


Nu'u diinota Waaqaa taanee uduu jirru, du'a Ilma isaatiin Waaqa woliin araaraminnee jirra, amma Waaqaan woliin eega araaraminneen duubatti karaa jireenna Ilma isaatiin, caala'attuu ni fayyina.


Yesusiin du'aa ka kaaseen Hafuurri Waaqaa keessa keessan yoo jiraate, Yesus Kristosiin du'aa kaaseen Waaqinni keessa keessan ka jiraatu karaa hafuura isaatiin, foon keessan du'aaf jireenna ni kenna.


Nu'u ka fayyine abddima kanaan. Garuu abddii ka taasffannu ka muldhatu yoo ta'e abddii ta'uun ni hafa, waan muldhatuu eennutu abddii isa taasfata?


Eegaa amantiin, abddii fi jaalallitti, isaan sadiin kunniin jabaatanii ni jiraatan, garuu isaan kanniin keessaa ka caalu jaalala.


Garuu Kristos worra du'aaniif du'aa ka'uun hangafa ta'ee, dhugamaanuu du'aa ka'ee jira.


Abbaa dhiifamaatii fi Waaqa jajabeenna mara ka kennuu, akkuma kana Waaqaa fi Abbaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiif, galanni haa ta'u.


Qajeelfama kana worra horddofan maraa fi worra gara Waaqaa Israa'eeloota ta'aniif, nagayaa fi dhiifaminni haa ta'u.


Ulfinni ka isaan malu Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii Waaqinni Abbaan caala'atti isa beeku'uuniif akka dandeettan, hafuurri ogumma'aa fi muldhataa akka isiniif kennamu ni kadhadha.


Eebba samii jiru hafuurayaa maraan Kristosiin ka nu eebbise, Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii haa galateeffamu.


Guutuu ta'uu kennaa bilisaa ka Waaqaa irraa ka'een, dhiiga Ilma isaatiin bitaminnee, dhiifama cubbuu keennaa'llee ni ariganne.


Garuu dhiifaminni Waaqaa baayi'ee ta'uu isaatii fi jaalallitti nu'uuf qabu'llee ol aanaa ta'uu irraa ka ka'een,


Kanaaf karaa huminna isaa ka nu keessatti hojjattuutiin ka kadhannuu fi ka yaadinnuu olitti haalaan caalichisee, Waaqa raawwachuu danda'uuf,


Kun'llee ka ta'u hunddoofttaniitii fi midhaaffattanii abddii wongeelaan argameen uduu hin raafamin, amanti'iin jabaattanii yoo jiraattan qofa, wongeelli kun'llee Kama isin dhageettanii fi namoota biyya lafaa irra jiran maraaf ka lallabame, ani Phaawulos'llee tajaajilaa ka ta'e wongeeluma kanaaf.


Waaqinni Qulqullootaaf ibisuu ka fedhe ka jiru ulfinna dhossaa kana ka durumma'aa, isin ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jiddu'utti, hagam ol aanaa ta'uu isaati.


Waaqa keennaa fi Abbaa keenna duranatti amantiin keessan ka hojjatu, jaalalaaf ka raawwattanii fi Gooftaa keenna Yesus Kristositiin abddii qabddan obissaan eeggachuu keessan, nu'u uduu addaan hin kutin ni yaadanna.


Yaa obboleeyyan! Akka namoota abddii hin qabnee titti akka hin gaddine, waayee namoota du'anii dhugaa jiru akka beekittaniif ni jaalanna.


Mataan isaa Gooftaan keenna Yesus Kristosii fi ka nu jaalate, kennaa isaa ka bilisaatiin'llee bara baraaf jajabeenna, abddii mishaa'llee ka nuuf kenne Waaqinni Abbaan keenna,


Kennaan bilisaa ka Waaqa keennaa, Yesus Kristosiin keenna ka ta'e amanti'ii fi jaalala woliin irraa hafaa ta'ee, naaf ni kenname.


Bifa kanaan abddii keenna ka eebbifame akkuma kana ka Waaqa kenna ol aana'aa, ulfinna fayyisaa keenna Yesus Kristosii muldhachuu isaa ni eegganna.


Kristos garuu Mana Waaqaa titti amanamaa ka ta'e akka ilmaa isaa ta'eeti, manni'llee nu'u, mana isaa ka taanu'llee waan itti amannuu fi ittiin ufi dhaadinu abddii keenna jabeessinee yoo qabanne.


Waaqinni jalqaba uumama isaa maraa akka taanuuf fedhii mataa isaatiin, dubbii dhugaatiin nu ni uumate.


Kanaaf onnee keessan kakaasa'aatii huji'iif qophaayaa, hagatti jiraadhaa, Yesus Kristos yeroo itti mulidhatutti kennaa isaa ka bilisaa ka argattaniif, abddii guutuu qabaadhaa.


Amantiin keessan fi abddiin keessan Waaqaan akka ta'uuf karaa Yesusiitiin isa du'aa ka kaasee fi ulfinna ka isaa kenneen, Waaqaan ni dhaadattan.


Lammaffaa ka dhalattan jiraataa ka ta'ee fi bara baraaf jabaatee dhaabatee ka jiraatu, dubbii Waaqaatiin fiixaa hin banne irraa malee fiixaa baddu irraayyii miti.


Daai'mman haarawa dhalatan aanan akkuma hawwan, isin'llee fayyu'uuf guddata'aa ka itti deemittan, barsiisa qulqulluu hafuuraa hawwaa.


Gooftaa Kristosiin onnee teessanitti ulfeeffadha'aanii, lubbuu teessaniif'llee Gooftaa godhadha'aanii, waayee abddii isin keessa jirttuutiif'llee ka isin gaafatu maraaf deebii kennu'uuf, yeroo maraa qophaayota ta'aa.


Bishaan kun'llee amma isin ka fayyisu fakkeenna cuupha'aati, cuuphaan kun'llee xurii qaamaa dhabamisiisuu uduu hin ta'in, sammuu qulqulluu argachu'uuf kadhannaa gara Waaqaa dhiyaatu, ka isin fayyisu'llee karaa du'aa ka'iinssa Yesus Kristositiin,


Yeroo duraanii abddii isaanii Waaqa irratti ka gatan, dubarttoonni Qulqulluu ta'an ka bareedan bifa kanaan ture, abbootii worraa isaaniitiif'llee ni ajajaman turan.


Inni qulqullaawomaa ta'uu eega beekittan ka qulqullaawoma ka raawwatu marrinuu, Waaqa irraa ka dhalate ta'uu isaa beekaa.


Kun akka ta'uu Kristosiin abddii ka taasfatu marrinuu Kristos qulqullaawomaa akka ta'e, inni'llee mataa ufii qulqullaawomaa ni taasisa.


Amalli Waaqaa isa keessa waan jiraatuu fi Waaqa irraa'llee waan dhalateef, Ilma Waaqaa ka ta'e cubbuu hin hojjatu, hojjatu'uuf'llee hin danda'u.


Yaa waahela kiyya! Jaalalli Waaqa biraa waan ta'eef ufii keenna wol haa jaalannuu, ka jaalatu marrinuu Ilma Waaqaati, Waaqa'llee ni beeka.


Yesus Masihii ta'uu ka amanu marrinuu Ilma Waaqaati, ka abbaa jaalatu marrinuu ilma'llee ni jaalata.


Ilma Waaqaa Yesus Kristos waan isa eeguuf Ilma Waaqaa ka ta'e marrinuu, cubbuu akka hin hojjanne ni beekinna, Sheexanni'llee isa hin tuquun.


Ilma Waaqaa ka ta'e marrinuu biyya lafaa ni injifata, biyya lafaa ka injifannu'llee amantii keennaan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ