Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 9:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Uduu hin halkanoofne hujii ka na ergee huja. Halkan eennullee hojjachuu hin dandeenne waan dhufuuf.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

4 Guyyaa ta'ee uduu jiru hujii ka ana ergee hojjachuu qaba, naminni kumi'llee halkan itti hojjachuu hin dandeenne, ni dhufa.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Uduu hin halkanoofne hujii ka na ergee huja. Halkan eennullee hojjachuu hin dandeenne waan dhufuuf.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 9:4
18 Referans Kwoze  

Yesuusillee, «Ifni amma hennaa diqqo'oof isin woliin uduu jiru, akka dukkanti isin hin liqimsine uduu ifni jiru ifa keessa jiraadhaa'a, ka dukkana keessa jiraatu garam akka deemu hin beeku.


Guyyoonni hammeeyyii waan ta'aniif, carraa qabdan maratti fayadamaa'a


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Nyaanni kiyya, fedha ka na ergee raawwachu'uu fi hojii isaa fixu'u.


Eeganaa hennaa yoo arganne, nama maraafuu, keessattuu worra amantootaatii waan mishaa haa goonuu.


Hujii akka ani hojjadhu ati naa kennite raawwadhee lafa irratti si kabajjeera.


Bara keessan keessatti carraa qabdan marumatti fayyadamu'uun worra hin amanne biratti ogumma'aan jiraadhaa'a.


Ani ammoo ragaa ragaa Yohaannisii caalu qaba. Aabba akka raawwaadhuuf hujjii naa kenne. Hujjiin hojjata'aaru kun, Aabba akka na erge waan kiyya waan raguuf.


Yesuus, «Abbaa kiyya irraa hujii mishaa heddu isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa waan hujii kamiitiif dhaga'aan na dhayu'uuf taatanii?» isaaniin jedhe.


Ani yoo hujii abbaa kiyyaa hin goone na hin amaninaa'a.


Nu waan arginee fi ka dhageenne himuu dhiisuu hin dandeennu» isaaniin jedhan.


Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, waan Aabba uduu godhu arge malee, ilmi baallii ufiin womaa godhuu hin danda'u; waan Aabba hojjatu; Ilmillee akkasuma waan hojjatuuf.


Yesuusillee, «Amma hennama diqqoo isin woliin tura, achiin maayessa gara ka na ergee deema, na soxxan ammoo na hin argitan.


Isaanillee ‹Nama nu qaxaru waan dhabneef as dhaabata'aarra› jedhaniin. ‹Inni ammo gara maasaa woyinii kiyyaa dhaqa'aa hujaa'a; waan isin gayu argatanii.› isaaniin jedhe.


Yesuus namicha harki isaa naafate saniin, «Ol ka'ii afoo nama maraatitti dhaabadhu» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite