Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 9:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Fariisota keessaa gari gariin, «Namni kun Sambata waan hin kabajjineef Rabbiin irraa hin dhufne» jedhan, kuuwwan ammoo «Namni cubbamaan maalalee akkanaa kanniin godhuu attamitti danda'a?» jedhanii wol fooyan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 Yeroo kanatti worra Fariisota keessaa tokko tokkoon isaanii, «Naminni kun Sanbbata waan hin kabajineef, inni Waaqa irraayyii miti» jedhan. Kuunniin garuu, «Eegaa naminni cubbamaa ta'e, baasota kanniin attamitti taasisu'uuf dandda'a?» ni jedhan. Sababa kanaan'llee jidduu isaanii titti, gargar fooyamiinssi ni ta'e.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Fariisota keessaa gari gariin, «Namni kun waan Sambata hin kabajjineef Rabbiin irraa hin dhufne» jedhan; kuuwwan ammo, «Namni cubbamaan attamitti maalalee akkanaa kanniin godhuu danda'a?» jedhanii wol fooyan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 9:16
18 Referans Kwoze  

Eeganaa sababaa dubbii kanaatiif Yihuudota wodhakka'atti gargar wol fooyan.


Achiin maayessa isa irraa ka sababaa isaatiif baniin wol fooye.


Banii jiddu'utti waan isaatiif guungummii heddutu ture. Gari gariin isaanii, «Inni nama mishaa» gariin ammoo, «Banii dogogorsa'aara» jedhan.


Innillee halkaniin gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a, yoo Rabbi isa woliin ta'e malee, maalalee ati hojjattu kanniin ka hojjatuu danda'u waan hin jirreef, barsiisaa taatee Rabbiin biraa akka dhufte hin beenna» jedheen.


Fariisoonni kana arganiiti, Yesuusiin «Kunoo, darasoonni tee guyyaa Sambataatiin waan seerri hin kennine godha'aaran» jedhaniin.


Hujii namni biraa hin goone isaan wodhakka'atti uduu godhuu dhabaadhee silaa cubbuu isaanitti hin ta'u. Amma ammoo anallee Abbaa kiyyallee arganii, jibbaniiran.


Ani akka Aabbaan keessa jiru Aabballee akka na keessa jiru na amanaa yoo ta'uu dhabaatellee waan hujii isaatiif na amanaa'a.


Kanaaf namicha ballaa ammallee isa waamanii, «Rabbiin kabajji namni kun cubbamaa ta'uu isaa nu hin beenna» jedhaniin.


Eeganaa Yihuudonni, «Namni kun attamitti foon isaa haa nyaannu'uuf nuu kennuu danda'a?» jedhanii wol morman.


Ani ammoo ragaa ragaa Yohaannisii caalu qaba. Aabba akka raawwaadhuuf hujjii naa kenne. Hujjiin hojjata'aaru kun, Aabba akka na erge waan kiyya waan raguuf.


Baniin qacha'aallee gargar qoodamanii wodhakkaan isaanii Yihuudota woliin; wodhakkaan isaanii ergamtoota woliin taa'an.


Namichi harka naafate tokko achi jira. Jarri Yesuusiin himatu'uuf soqan gariin, «Guyyaa Sambata diqqa'aatiin isa fayyisuun seerumaa?» jedhanii isa gaafatan.


Bulchaan mana sagada Yihuudota ammoo Yesuus Sambataan waan nama fayyiseef aaree, akkana jedhe, «Guyyoonni hujiin itti hojjatamuu barbaachisu jahatu jira. Kanaaf guyyoota sanniinitti kootta'aa fayyaa malee, guyyaa Sambataatiinii miti» jedhe.


Yesuus maalalee jalqabaa qachaa Qaanaa Galiila'aatitti godhe. Ulfinna ufiillee mudhise, darasoonni isaallee isatti amanan.


Kanaafuu Yihuudonni namicha fayye saniin, «Guyyaan Sambata waan ta'eef, itillee irra ciiftu baadhattee akka deemtu seerri sii hin kennu» jedhaniin.


Namni Sambataan gadoome yoo seera Muusee hin dinee, Ani Sambataan nafa namaa guutuu fayyise'eef naan loltanii?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite