Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 8:47 - WAADAA LAMMATAA

47 Ka Rabbiin irraa ta'e, dubbii Rabbii dhagaya; isin worra Rabbii waan hin taaneef, hin dhageettan.»

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

47 Ka Waaqaa irraa ta'e dubbii Waaqaa ni dhagaya, eegaa isin dubbii Waaqaa ka hin dhageenneef, Waaqaa irraa waan hin ta'iniif.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

47 Ka Rabbiin irraa ta'e, dubbii Rabbii dhagaya; isin worra Rabbii waan hin taaneef hin dhageettan.»

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 8:47
17 Referans Kwoze  

Worri barumsa Kiristoosiitiin hin jiraanneef barumsa isaa keessa namni hin jiraanne Rabbiin hin qabu. Namni barumsa Kiristoosii keessa jiraatu ammoo, Aabba'aa fi Ilma isaallee hin qaba.


Philaaxoosillee eeganaa, «Ati Mootii Yihuudotaatii?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Ani mootii akka ta'e atuu jette. Ani dhugaa ragu'uuf dhaladheera, kanaaf gara adunya'aa dhufeera. Sababaa dhuga'aatiif maruu laagaa kiyya hin dhagaya» jedhe.


Ijoolleen Rabbiitii fi ijoolleen daabiloosii kanaan gargar bayan. Namni qajeellummaa hin hunyeef ka obboleessa ufii hin jaalanne maruu ka Rabbiitii miti.


Ani ammoo waan dhugaa dubbadhuuf na hin amantan.


Akka isin fiixaa Abrahaamii taatanillee ani hin beeka. Haata'uu ammoo jechi kiyya isin keessa waan hin jirreef na ajjeesuu barbaaddan.


Isin maaliif dubbii kiyya hin qalbifanne? Dubbii kiyya dhagayuu waan hin dandeenneef


Kanaaf isiniin jedhe, «Yoo Aabbaan irraa kennameef malee, ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru» jedhe.


Jaalalloo kiyya waan mishaa malee hamaa hin fakkaatin. Ka waan mishaa godhu Rabbiin Ka hamaa godhu ammoo Rabbiin hin argine.


Namni Kiristoos jedhee Yesuusitti amanu maruu, Rabbiin irraa dhalate. Ka abbaa ufii jaalatu maruu ka isarraa dhalatellee hin jaalata.


Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, worri du'an laagaa Ilma Rabbii hennaan dhagayan hin dhufa. Innillee ammuma. Worri dhagayanillee lubbu'uun jiraatan.


Ka na jibbu ka dubbii kiyyallee hin fudhane, inni ka isatti murteessu hin jira. Dubbiin ani dubbadhe gaafa dhumaa itti murteessa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite