Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 8:34 - WAADAA LAMMATAA

34 Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha; ka cubbuu hojjatu maruu garbicha cubbu'uuti.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

34 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhugamaa isiniin jedha, ka cubbuu hojjatu marrinuu garibcha cubbu'uuti,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

34 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha; ka cubbuu hojjatu maruu garbicha cubbu'uuti.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 8:34
16 Referans Kwoze  

Ajajamu'uuf garboota akka taatan ka itti uf dhiyeessitaniif isaafillee akka ajajamtaniif garboota isaa akka taatan hin beettanii? Yookiin du'aaf garboota cubbu'uuti moo garboota qajeellumma'aaf ajajamtan.


Uduu ufiiyyuu garbummaa badi'ii jala jiran, worra kaaniin ammoo bilisa baatan jedha'aa abdii kennaniif, namni waan isa injifate maraafuu garbicha.


Eegasuu hawwii isaatii akka ajajamtan, foon keessan ka du'u irratti cubbuun hin mooyin.


Haalli jireenna keennaa cubbamaan akka baduuf garboota cubbu'uu ta'uun keenna akka hafuu, nafti keenna moofaan Kiristoosiin woliin akka fannifame hin beenna;


Nullee akkasuma duraan worra waa hin hubanne, ka hin ajajamne, worra dogoggoru, haawwi'ii fi gammachuu foonii ka adda addaatiif garbicha taanee, hammeennaa fi hinaaffa'aan worra jiraatu, worra wol-loluu fi worra wol jibbu turre.


Karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin galani Rabbiif haata'u, eegasuu ani Sammuu kiyyaan seera Rabbiitiif foon kiyyaan ammoo seera cubbu'uutiif hin bitama.


Abdiin sunillee uumamni garbumma'aa badi'ii jalaa bilisa bayee gara ulfinna ijoollee Rabbiitiif ta'u gara wolabuma'aa akka gayuuf.


Seerri ayyaanticha akka ta'e hin benna. Ani ammoo nama foonii ka cubbu'uu gadii ta'u'uuf gurgurame.


Summii hadhaaya'aa fi hammeenna keessa akka jirtu waan arga'aaruuf.»


Yesuusillee deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni lammaffaa deebi'ee yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen.


Ani dhugamaan isiniin jedha, sami'ii fi ardiin haga luftutti seera keessaa tokkottiin yookiin qabxiin tokkottiinuu horoma hin raawwatamti malee hin baddu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite