Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 8:19 - WAADAA LAMMATAA

19 Eegasuu, «Abbaan kee eessa jira?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Anallee yookiin Abbaa kiyyallee hin beettan, ana uduu beettanii Abbaa kiyyallee silaa hin beettan» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

19 Yeroo sanitti isaan, «Abbaan kee eessa jira?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee, «Ana ta'ee Abbaa kiyya'llee hin beekittan, ana ka beekittan uduu ta'eetii, Abbaa kiyya'llee ni beekittan ture!» jechu'uun, isaanii ni deebise.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

19 Hennaa san isaan, «Eegasuu abbaan kee eessa jira?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Anallee yookaan Abbaa kiyyallee hin beettan, ana uduu beettanii Abbaa kiyyallee silaa hin beettan» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 8:19
24 Referans Kwoze  

Kanallee wonti isin irratti godhaniif, Aabbaa fi anallee waan hin beenneef.


Qajeellumma'aan damaqaa'a. Cubbuullee hin hujinaa'a; worri Rabbiin hin beenne waan jiraaniif, isin saalfachiisu'uuf kana jedha.


Eeganaa Yesuus mana woyyuu keessatti uduu barsiisu, «Ana na beettan, eessaa akka dhufe ammoo hin beettan. Ani ufiin hin dhufne. Haata'uu ammoo inni na erge ka isin hin beenne sun ka dhuga'aati.


Inni adunyaa tana irra ture; adunyaanillee isaan ta'e; adunyaan ammoo isa hin beennee.


Hennaa san Yesuus deebisee akkana jedhe, Abbaa kiyya Gooftaa Sami'iitii fi Ardii kanaa waan maraa ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee, daa'immanitti waan mudhifteef si galateeffadha.


Worri barumsa Kiristoosiitiin hin jiraanneef barumsa isaa keessa namni hin jiraanne Rabbiin hin qabu. Namni barumsa Kiristoosii keessa jiraatu ammoo, Aabba'aa fi Ilma isaallee hin qaba.


Ilmi Rabbii akka dhufeef waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jira. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


Amma ammoo haga Rabbiin beettan, keessattuu haga Rabbiin beekkamtaniin maayessa, attamitti deebitanii gara dadhabi'ii, gara waan tuffatamee fi gara barumsa duraa ka faayidaa hin qabnee garagaltanii, garbicha taatanii isaanii bitamuu feetanii?


Akka ati Waaqa dhuga'aa taatee fi Yesuus Kiristoosiinillee akka ergite akka beekaniif tun jireenna bara baraa ti.


Hujii mishaa maraan daraaraa daraara'aa, beekkomsa Rabbiitiinillee guddata'aa,


Haata'uu ammoo isaan ka na erge waan hin beenneef, kana maraa maqaa kiyyaaf jedhanii isin irratti godhan.


Inni ka ulfinna isaa calanqisiisuu fi fakkeenna amala isaa ta'ee maraa baallii dubbii ufiitiin irkisa'aa, cubbuu keenna haga qulqulleesseen maayessa sami'itti mirgaa Rabbii ulfinna qabeessaa taa'e.


Innillee fakkeenna Waaqa hin mudhanneti. Teessoon mudhatanii fi hin mudhanne, gooftummaan, bulchuun, baalliin, ardi'ii fi samii irra worra jiranillee yoo ta'an, martinuu waan isaan uumamaaniif, uumama maraayyuu hangafa, martinuu isaan isaaf uumameera.


Abbaan ulfinnaa Rabbiin Abbaa keenna Yesuus Kirstoosii akka isin isa beettan, Ayyaana Ogumma'aatii fi mudhata akka isinii kennu Rabbiin kadhadha.


Yoomillee yoo ta'e ka Rabbiin arge tokkollee hin jiru. Ilma isaa tokkicha Abbaa bira jirutu kana ibse.


Ka ilma Rabbii ganu maruu Aabbaan hin qabu. Ka ilma Rabbii heddatu Aabbaallee hin qaba.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite