Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 7:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Barumsi kiyya ka na erge biraa malee, ana irraa mit.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 Kanaaf Yesus akkana jechu'uun ni deebise, «Barsiifnni kiyya ka ana erge Waaqa Abbaa irraa ka argame malee, ana irraayyii miti.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Barumsi kiyya ka ana erge biraa malee ana irraa miti.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 7:16
14 Referans Kwoze  

Kana hin jaalanne dubbii kiyya hin eegu; dubbiin dhageettanillee ka na ergeetti malee, kiyyaa miti.


Akkuma Ani Aabbaan keessa jiru, Aabballee na keessa akka jiru hin amantuu? Ani dubbii isinitti himu uf irraa hin dubbadhu. Uf irraallee isinitti hin himu. Haata'uu ammo ka na keessa jiru inni Aabba hujii ufii hin hojjata.


Dubbii naa kennite waan isaanii kenneera; isaanillee fudhataniiran; si biraallee akka dhufe dhugamaan beekaniiran akka ati na ergitellee amananiiran.


«Ani baallii kiyyaan womaa godhuu hin danda'u. Akkuma dhagayetti murteessa. Murtiin kiyyallee qajeela'a. Fedha ka na ergee malee fedha kiyya hin barbaadu.


Ani dubbii kee isaanii kenneera. Akkuma ani ka adunyaa tanaa hin taane isaanillee ka adunyaa tanaa waan hin taaneef biyyi lafaa isaan jibbite.


Kanaaf Yesuus, «Hennaa Ilma Namaa ol ol qabdan, akka ani isa ta'e akka Abbaan kiyya na barsiisee kana akka dubbadhuuf malee, ani ufumaan waan tokkollee akka hin goone hennaa san beettan.


Ani dhugama dhuga'aatiin siin jedha, nu waan beennu dubbanna. Waan arginellee ragaa baana. Isin garuu ragaa keenna hin fudhattan.


Abbaan na erge yoo ufitti waame malee, ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru. Anillee guyyaa dhumaa san isa kaasa.


Ka olii dhufu maraa caala. Ka lafaa ammoo kama lafaati. Woma lafaa dubbata; ka sami'ii dhufu maraa caala.


Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kenneef ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.


Worri barumsa Kiristoosiitiin hin jiraanneef barumsa isaa keessa namni hin jiraanne Rabbiin hin qabu. Namni barumsa Kiristoosii keessa jiraatu ammoo, Aabba'aa fi Ilma isaallee hin qaba.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite