Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 7:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Banii jiddu'utti waan isaatiif guungummii heddutu ture. Gari gariin isaanii, «Inni nama mishaa» gariin ammoo, «Banii dogogorsa'aara» jedhan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Ummanni'llee waayee isaa hasaassi'iin ni haasayan turan, tokko tokkoon isaan, «Inni nama misha'a» yoo jedhan, kuunniin ammoo, «Miti, inni ummata ni dogoggorssa» jedhan ture.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Banii jiddu'utti waan isaatiif guungummii heddutu ture. Gari gariin isaanii, «Inni nama misha'a» gariin ammo, «Banii dogoggorsa'aara» jedhan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 7:12
20 Referans Kwoze  

Fariisota keessaa gari gariin, «Namni kun Sambata waan hin kabajjineef Rabbiin irraa hin dhufne» jedhan, kuuwwan ammoo «Namni cubbamaan maalalee akkanaa kanniin godhuu attamitti danda'a?» jedhanii wol fooyan.


Eeganaa Fariisonni, «Isinillee akkasuma dogoggortanii?


Fariisonni baniin waan isaa akka guunguma'aaran dhagayan. Bulchaan gadootaatii fi Fariisonni isa qabu'uuf eedduu mana woyyu'uu itti ergan.


Dhaloota daba'aa fi hamaa wodhakka'atti mudaa malee gara-laaffeeyyii ijoollee Rabbii akka taatan uduu hin gungumne, hamaa uduu hin yaanne maraa godhaa'a.


Waan nama qajeela'aatiif ka du'u arguun guddaa rakkisa. Nama arja'aaf ka du'uu uggu maal laataa hin argama ta'a.


Inni nama mishaa ka Ayyaana Woyyu'uu fi ka amantaa qabu waan tureef, baniin hedduu Goofta'atti amanan.


Isaanillee deebisanii, «Atillee akkasuma nama Galiila'aatii? Raanni namoota Galiilaa keessaa akka hin kaane qorii laali» jedhaniin.


Sababa Kanaaf namoonni maalalee Yesuus godhe haga arganiin maayii, «Kun dhugama raaga gara adunyaa kanaa dhufe!» jedhan.


Namichi miseensa gumii Yihuudotaa ka Yooseef jedhamu tokkotu ture. Innillee nama misha'aa fi qajeela'a.


Ajajaan loltuu dhibbaa waan ta'e san hennaa arge, «Namni kun dhugamaan qajeela'a» jedhee Rabbiin kabajje.


Yesuusillee, «Maaf arjaa naan jetta? Rabbii tokkicha malee, namni arjaan tokkollee hin jiru.


Maruu sodaatanii, edduu keennatti raanni guddaan ka'eera. Rabbillee banii ufii tooyateera jedha'aa Rabbiin galatoonfatan.


Waan garaa keessa guute afaan qaaqa; namni waan mishaa garaa ufii keessatti kuufate dubbata. Namni badaan waan badaa garaa ufii keessatti kuufate dubbata.


«Gooftaa'a, dogoggorsaan sun uduu lubbu'uun jiru, ‹Guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a› akka jedhe qaabanne.


Isa qabuu barbaadanii, gumiin akka raagaatitti waan isa laaluuf isaan sodaatanii isa dhiisan.


Barataan akka barsiisa'aa, hojjataanillee akka hojjachiisaa ufii haa ta'uu. Eega abbaa manaatiin Bi'elizebul jedhan, maatii isaatiin ammoo attamitti kana caalaa hin jenneeniree!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite