Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 6:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Filiphoos isaan martinuu diqqo diqqoo akka afaaniin qaban uduu binnee, «Xoroshoon saantibii dhibba lamaatuu hin gayuuf» jedhee deebiseef.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

7 Filiphos'llee, «Tokkoo tokkoo isaaniitiif diqqoma diqqoo kutee akka isaanii kennuuf, buddeenni dinaara dhibba lamaa isaanii hin gayuu» jechu'uun ni deebiseef.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Filiphoos, «Isaan martinuu diqqo diqqoo akka afaaniin qaban uduu binnee; xoroshoon saantibii dhibba lamaatuu hin gayuuf» jedhee deebiseef.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 6:7
10 Referans Kwoze  

Inni ammoo deebisee, «Isiinuu waan nyaatan keenna'aafii» isaaniin jedhe. Isaan ammoo, «Deemnee dinaara dhibba lamaan xoroshoo binnee isaanii kenninaaree?» jedhaniin.


«Urgoon kun birrii dhibba Sadihiitti gurguramee, maaf hiyyeeyyi'ii hin kennamee?» jedhe.


Haata'uu ammoo hojjataan sun, achii bayee, hojjattoota keessaa hiriyyaa ufii ka gatiin birrii dhibbaa irra jiru tokko argee, ‹Gatii kiyya naa kanfali› jedhee, hudhee isa qabe.


Indiriyaasillee Simooniin gara Yesuusii fide. Yesuus isa laalee, «Ati Simoonii ilma Yohaannisiiti; ammaa achi, ‹Keefaa› jedhamtee waamamta» jedheen; «Keefaa» jechuun afaan Giriikiitiin, «Pheexroos» jechu'u; Pheexroos jechuun, «Dhagaa qarsa'aa» jechu'u.


Ganamaan Yesuus gara Galiila'aa ol bawuu barbaadee, Filiphoosiin argee, «Na faana koottu!» jedheen.


Filiphoosillee akkuma Indiriyaasiitii fi akkuma Pheexroosii nama qachaa Beetasayida'aati.


Filiphoos Naatinaa'eeliin argee, «Ka Muuseen Kitaaba seeraa keessatti waan isaa barreessee fi ka raattonnillee waan isaa barreessan ilma Yooseefii Yesuusii nama Naazireetii arganneerra» jedheen.


Yesuus Naatinaa'eel gara isaa hennaa dhufu argee, «Ila nama Isiraa'elii ka dhuga'aa; ka sobni keessa hin jirre» jedhee waan isaa dubbate.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite