Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 5:44 - WAADAA LAMMATAA

44 Isin ka wolii ulfinna kennitan ulfinna Rabbii tokkicharraa dhufu worri hin barbaanne attamitti amanuu dandeettan?

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

44 Isin ufii keessan wol irraa ulfinnaa ka barbaaddan, Waaqa tokko irraa ulfinna argamu garuu ka hin barbaanne, attamitti amanu'uuf dandeettan ree?

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

44 Isin ka wolii ulfinna kennitan ulfinna Rabbii tokkicha irraa dhufu worri hin barbaanne attamitti amanuu dandeettan?

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 5:44
26 Referans Kwoze  

Ulfinna Rabbii caalaa, ulfinna namaa waan jaalataniif.


Haata'uu ammoo ka dhossa'aan Yihuudii ta'e Yihuudi'i. Gadoomuun Ayyaana Rabbiitiin ta'u, gadoomuu qalbi'iiti malee, ka kitaaba seeraatii miti. Galanni isaallee Rabbiin irraa malee, nama irraa miti.


Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookiin sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haata'uu ammoo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara-laafumma'aan haa laalu.


Namatti uf mudhisu'uuf jedhanii hujii isaanii maraa hojjatan. Qudhaama jechoonni barreeffama Woyyuu keessa jiru, ka addaa fi irree ufii irratti hidhatan babadhisanii qudhaamatan; handaara uffata uffatanii faateffatanillee hin dheereffatan.


Kanaafuu ka dukkana keessatti dhokate akkasuma gara ifaa ka baasu ka gorsa onne'eellee ibsu Gooftaan haga dhufuutti hennaan uduu hin geenne waan tokkollee hin murteessinaa'a. Hennaa san isaan maraafuu galanni Rabbiin biraa ta'a.


Haata'uu ammoo hujii mishaa worra hojjatu maraaf galataa fi ulfinni nageenillee isaanii ta'a. Duraan nama Yihuudi'iitiif akkasuma ammoo nama Giriikiitiif.


Worra hujii mishaa irra dhaabatanii galataa fi ulfinna, jireenna hin banne worra barbaadaniif jireenna bara baraa isaanii kenna.


Innillee, ‹Ati hojjataa misha'a, waan diqqoo irratti waan amanamteef, qachoota kudhanii irratti baallii siif kenneera› jedheen.


Obboleeyyan tiyya! Waan amantaa kabajjamaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii qabattaniif, fuula namaa laala'aa wol hin caalchisinaa'a.


Obboleeyyan tiyya! Maal laataa waan Rabbii jiraataa isin waakkachiisu dhartichaa fi onneen hin amanne isin keessaa tokkollee akka hin jiraanne uf eegaa'a!


Akka ati Waaqa dhuga'aa taatee fi Yesuus Kiristoosiinillee akka ergite akka beekaniif tun jireenna bara baraa ti.


Isin maaliif dubbii kiyya hin qalbifanne? Dubbii kiyya dhagayuu waan hin dandeenneef


Namni hamaa hojjatu maruu ifa jibba. Hujiin isaa akka jalaa ifa hin baaneef gara ifaa hin dhufu.


«Ani nama irraa ulfinna hin fudhu. Haata'uu ammoo isin jaalala Rabbii akka uf keessaa hin qabne hin beeka.


Ergamaa Kiristoosii taanee isinitti ulffaachuu uduu dandeennu, isin irraa ta'ee yookiin kaawwaan irraa yookaan nama irraa, ulfinna hin barbaanne.


Ka ufumatti Waaqa ta'e, ka hin bannee fi hin mudhanne, mootii bara baraatiif galanninii fi ulfinni baraa haga baraa haata'u! Amiin.


ka ufummatti Waaqaa fi qorichaa, barootaan dura, ammaa haga bara baraa, maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin ulfinni, gaachenni, hunninii fi baalliin haa dhufu! Amiin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite