Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 5:25 - WAADAA LAMMATAA

25 Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, worri du'an laagaa Ilma Rabbii hennaan dhagayan hin dhufa. Innillee ammuma. Worri dhagayanillee lubbu'uun jiraatan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

25 Dhugaa isiniin jedha, namoonni du'an qooniqqa Ilma Waaqaa yeroon itti dhagaya ni dhufa, yeroon'llee ammuma, worri dhagayaniin marri'llee lubbu'uun ni jiraatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

25 Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, worri du'an hennaan laagaa Ilma Rabbii dhagayan hin dhufa; innillee ammuma. Worri dhagayan lubbu'uun jiraatan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 5:25
19 Referans Kwoze  

Worri awwaala keessa jiran martuu sa'aatiin laagaa isaa dhagayan hin dhufa. Worri waan mishaa hojjatan jireennaaf ka'an. Worri dhara hojjatan murti'iif waan ol bayaniif kana hin maalalfatinaa'a.


Ka mudhatu maruu ifa waan ta'eef, «Ati ka raftu, dammaqi! worra du'an keessaa ka'i; Kiristoosi si'iif ibsa» jedhame.


Sababaa jaalala guddaa nuuf qabuun hennaa hammeenna balleessaa keennaan worra du'e taanee turre, Kiristoosiin woliin jireenna nuu kenne. Isin badhaadha Rabbiitiin fayyitaniirtan.


Haata'uu ammoo worri dhuga'aan sagadan hennaan Aabba'aaf Ayyaana dhuga'aatiin sagadan hin dhufa. Amumaa ta'eera. Abbaan akka isaa sagadaniif worra akkanaa kanniin waan barbaaduuf.


«Maleekkaa woldaa Kirstaanaa ta Sardeesiin keessa jirtuuf akkana jedhii barreessi. Ayyaanota Rabbii torbanii fi ka urjoota torbaa harkaa qabu akkana jedha. «Hujii kee hin beeka; ati maqamaaf jirta malee duuteerta.


Ka Rabbiin irraa ta'e, dubbii Rabbii dhagaya; isin worra Rabbii waan hin taaneef, hin dhageettan.»


Isinillee yakka keessaniif foon keessan waan hin gadoomneef, hennaa duutan isa woliin jireenna isinii kenne, cubbuu keessan maraa isinii dhiise.


Isin yakkaa fi cubbuu keessaniin worra du'e turtan. Hennaa san isinillee akkanatti hammeenna adunyaa tanaa duukaa deemtanii, ka ayyaana amma qilleensa keessa jiru bulchuu fi ka ammallee ijoollee Rabbii hin ajajamne irratti hojjatuuf, ajajama'aa jiraata'aa turtan.


Eegasuu Kiristoos ulfinna abba'aatiin du'aa akkuma ka'e nullee akkasuma jireenna haarawa keessa akka jiraannu, du'aan isa woliin tokko akka taanu cuuphamu'uun isa woliin awwaalamneerra.


Isin maaliif dubbii kiyya hin qalbifanne? Dubbii kiyya dhagayuu waan hin dandeenneef


Akkuma Aabba, worra du'an kaasee jireenna isaanii kennu, akkasuma ilmillee worra jaalatuuf jireenna kenna.


Ilmi kiyya kun du'ee ture, Amma ammoo hin jira, badee ture amma ammoo argameera› jedhe. Isaanillee hin gammadan.


Yesuus deebisee, «Du'aan du'aa ufii haa awwaaluu; ati ammoo deemii waan jeennata Rabbii lallabi» jedheen.


Yesuusillee akkana isi'iin jedhe, «Dubartii nana na amani; gaara kana gubba'atti yookiin Yeruusaaleemitti hennaan isin Abba'aaf hin saganne hin dhufa.


Haata'uu ammo obboleessi kee kun du'ee ture; amma ammoo jiraataa ta'eera; badee waan argameef, guddifnee gammanna› jedheen.»


Yesuusillee kana dubbatee ija ufii gara sami'ii ol kaasee akkana jedhe, «Abbaa kiyya, sa'aatiin gayeera. Ilmi kee akka si kabajju foon uffataa maraa irratti baallii akka kenniteef worra kenniteef maraa akka jireenna bara baraa kennuuf Ilma kee kabajji.


Yesuusillee ayyaana Faasika'aa dura adunyaa kana irraa hennaan gara Abba'aa deemu akka gaye beekee, worra isaa ka adunyaa kana irra jiran, worra jaalate haga dhumaa jaalate.


Darasoota keessaa hedduun isaanii hennaa kana dhagayan, «Kun dubbii nama dhiphisuu, eentu isa dhagayu danda'a?» jedhan.


Innillee deebisee, «Qaraa isinitti himeera, isin ammoo na hin dhageenne, maaf lammaffaa dhagayuu feetan? Isinillee akkasuma darasaa isaa ta'uu feetanii?» isaaniin jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite