Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 5:19 - WAADAA LAMMATAA

19 Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, waan Aabba uduu godhu arge malee, ilmi baallii ufiin womaa godhuu hin danda'u; waan Aabba hojjatu; Ilmillee akkasuma waan hojjatuuf.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

19 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhugamaan isiniin jedha, waan Waaqinni Abbaan yoo hojjatu arge hojjachu'uun alatti, Ilmi aangoo mataa isaatiin womaayyuu hojjachu'uuf hin danda'u. Waaqinni Abbaan waan raawwatu Ilmi'llee akkuma kana ni raawwata.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

19 Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe. «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, waan Aabba uduu godhu arge malee, ilmi baallii ufiitiin womaa godhuu hin danda'u; waan Aabba hojjatu; Ilmillee akkasuma waan hojjatuuf.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 5:19
43 Referans Kwoze  

Ani ufii waan hin dubbanneef, haata'uu ammoo Abbaan na erge inni, waan jedhuuf ajaja dubbadhullee naa kenneera.


Kanaaf Yesuus, «Hennaa Ilma Namaa ol ol qabdan, akka ani isa ta'e akka Abbaan kiyya na barsiisee kana akka dubbadhuuf malee, ani ufumaan waan tokkollee akka hin goone hennaa san beettan.


Akkuma Ani Aabbaan keessa jiru, Aabballee na keessa akka jiru hin amantuu? Ani dubbii isinitti himu uf irraa hin dubbadhu. Uf irraallee isinitti hin himu. Haata'uu ammo ka na keessa jiru inni Aabba hujii ufii hin hojjata.


Lubbuu kiyyallee fedha kiyyaan dabarsee kenna malee, eennullee na irraa hin fudhatu, jiraachisu'uuf baallii qaba. Akkasuma kaasu'uufillee baallii qaba. Seera kana abbaa kiyya irraa fudhadhe.»


Ayyaanni Rabbii ka Yesuusiin du'aa kaase isin keessa yoo jiraate, ka Yesuus Kiristoosiin du'a keessaa kaase karaa Ayyaanna ufiitiin nafa keessan ka du'uufillee jireenna kenna.


Uduu hin halkanoofne hujii ka na ergee huja. Halkan eennullee hojjachuu hin dandeenne waan dhufuuf.


Waan diintonni keessan maruu isiniin mormu'uuf falmuu hin dandeenne afaanii fi ogummaa isinii kenna.


Akkuma Aabba, worra du'an kaasee jireenna isaanii kennu, akkasuma ilmillee worra jaalatuuf jireenna kenna.


Namni martinuu nafa ufii irratti waan mishaa ta'e, waan hamaa hojjatee, akkuma hujii ufiitiin waan gatii argatuuf nu maruu teessoo murtii Kiristoosii afoo dhaabanna.


Yesuusillee deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni lammaffaa deebi'ee yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen.


Ijoollee isi'iillee hin ajjeesa. Woldoonni Kiristaanaa maruu akka ani gara'aa fi qalbii qoruu hin beekan. Anillee isin maraafuu akkuma hujii keessaniititti isinii kenna.


Kiristoos akkasuma gara Rabbii nu dhiyeessu'uuf jedhe, inni qajeela'a; haata'uu ammoo nu worra qajeellummaa hin qabneef sababa cubbuu keennaatiif du'eera. Ayyaanaan ammoo jiraataa ta'e.


Hunna Kiristoos naa kennuun maraa danda'a.


Innillee nafa keenna salphataa nafa isaa ka ulfinna qabu san akka fakkaatuuf hin jijjiira.


Ayyaana isaatiin keessa qaama keessaniitiin guddiftanii akka jabaattan.


Sababaa jaalala guddaa nuuf qabuun hennaa hammeenna balleessaa keennaan worra du'e taanee turre, Kiristoosiin woliin jireenna nuu kenne. Isin badhaadha Rabbiitiin fayyitaniirtan.


Ka Gooftaa Yesuusiin du'aa kaase nullee akkasuma Yesuusiin woliin akka du'aa nu kaasu isin woliinillee akka nu dhiyeessu hin beenna.


Kiristoos du'aa akka ka'e yoo ka himamu ta'e, isin keessaa gari gariin du'aa ka'uun hin jiru attamitti jedhan?


Eegasuu Kiristoos ulfinna abba'aatiin du'aa akkuma ka'e nullee akkasuma jireenna haarawa keessa akka jiraannu, du'aan isa woliin tokko akka taanu cuuphamu'uun isa woliin awwaalamneerra.


Rabbi ammoo hunna du'aa balleessee isa kaase; duuti isa qabuu waan hin dandeenneef.


Yesuusillee deebisee, «Mana Woyyuu kana diigaa'a! Ani ammoo guyyaa sadihitti deebisee ijaara» isaaniin jedhe.


Yesuus akka du'ee fi du'aa akka ka'e yoo amanne, akkasuma Yesuusitti amananii worra du'an, Rabbi gara ufii waan isaan fiduuf.


Diqqoo isaan irraa siiqee, kallachaan gad kufee, «Abbaa kiyya, yoo danda'ame, mijuun rakkinnaa tun narra haa luftuu; haata'uu ammoo akka fedha keetii malee, akka fedha kiyyaa hin ta'in» jedhe.


Sami'ii wonti bu'eef, fedha kiyya hojjatu'uuf uduu hin taane, fedha ka na ergee raawwatu'uuf.


Ajanyillee jireenna bara baraa akka taate hin beeka. Kanaaf ani ka dubbadhu akka Abbaan natti himetti dubbadha» jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite