Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 5:10 - WAADAA LAMMATAA

10 Kanaafuu Yihuudonni namicha fayye saniin, «Guyyaan Sambata waan ta'eef, itillee irra ciiftu baadhattee akka deemtu seerri sii hin kennu» jedhaniin.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

10 Kanaaf namoonni aangoo qaban ka worra Yihudotaa namicha fayye san, «Adha Sanbbataa waan ta'eef siree kee akka baadhattuuf, seerri siif hin eeyyamamu!» jedhaniin.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Kanaafuu Yihuudonni namicha fayye saniin, «Guyyaan Sambata waan ta'eef itillee irra ciiftu baadhattee akka deemtu seerri sii hin kennu» jedhaniin.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 5:10
19 Referans Kwoze  

Fariisota keessaa gari gariin, «Namni kun Sambata waan hin kabajjineef Rabbiin irraa hin dhufne» jedhan, kuuwwan ammoo «Namni cubbamaan maalalee akkanaa kanniin godhuu attamitti danda'a?» jedhanii wol fooyan.


Fariisota keessaa namoonni gari gariin, «Isin maaliif waan guyyaa Sambataatiin godhamuun hin malle gootan?» jedhanii isaan gaafatan.


Bulchaan mana sagada Yihuudota ammoo Yesuus Sambataan waan nama fayyiseef aaree, akkana jedhe, «Guyyoonni hujiin itti hojjatamuu barbaachisu jahatu jira. Kanaaf guyyoota sanniinitti kootta'aa fayyaa malee, guyyaa Sambataatiinii miti» jedhe.


Achiin maayii inni isaaniin, «Guyyaa Sambataatiin waan mishaa godhu'u moo waan badaa godhutu Seeraan kennameera? Lubbuu fayyisu'u moo ajjeessu'u?» jedhe. Isaan ammoo hin cadhisan.


Fariisoonnillee guyyaa Sambata Diqqa'aa «Waan Seeraan dhooggame maaf godhan?» jedhaniin.


Guyyaa Sambataatiin waan kana waan godheef Yihuudonni Yesuusiin reebanii ajjeesu'uuf soqa'aa turan.


Namni Sambataan gadoome yoo seera Muusee hin dinee, Ani Sambataan nafa namaa guutuu fayyise'eef naan loltanii?


Achii deebi'anii anshaa fi urgo'oof waan diban qopheessanii akka seeraatitti guyyaa Sambataa harabaafatan.


Namichi harka naafate tokko achi jira. Jarri Yesuusiin himatu'uuf soqan gariin, «Guyyaa Sambata diqqa'aatiin isa fayyisuun seerumaa?» jedhanii isa gaafatan.


Yihuudonnillee ati eennuu? Jedhanii gaafachu'uuf Yeruusaalemii gadootaa fi Leewwota hennaa itti ergan ragaan Yohaannisii kana.


Inni ammoo, «Namicha na fayyise santu, ‹Itillee tee baadhadhu deemi!› naan jedhe» jedhee isaanii deebise.


Namichillee deemee ka isa fayyise Yesuusiin akka ta'e Yihuudotatti hime.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite