Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 4:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Hennaa tana dubartiin Samaariya'aa sun, «Ati Nama Yihuudii taatee, attamitti ana dubartii Samaariya'aatiin bisaan na obaas jetta?» jetteen, waan Yihuudonni worra Samaariya'aa woliin wolii hin galleef.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 Dubarttiin Samaariyittin tun'llee Yesusiin, «Ati gara worra Yihudotaatii taatee uduu jirttu, attamitti ana Samaariyitti'iin, ‹bishaan ana obaasi!› jettee ana gaafatta?» jetteen, kana jechuun isi'ii, Yihudonni Samaariyotaan woliin woliigaltee waan hin qabnneef ture.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Hennaa tana dubartiin Samaariya'aa sun, «Ati nama Yihuudii taatee, attamitti ana dubartii Samaariya'aatiin ‹bisaan na obaas› jetta?» jetteen; waan Yihuudonni worra Samaariya'aa woliin wolii hin galleef.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 4:9
12 Referans Kwoze  

«Namni Yihuudi'ii gosa biraa woliin taa'uu yookiin itti dhiyaachuun akka seera hin taane isinuu hin beettan; anatti ammoo Rabbi nama kamiinuu battaaya'aa fi ka tuffatame akka hin jenne natti mudhise.


Yihuudonni deebisanii, «Ati nama Samaariya'aa akka taate; jinniin si keessa jira jechuun keenna mishaa jennee mii?» jedhaniin.


Yesuus ergamtoota kudha lamaa kanniin akkana jedhee seeree isaan erge. «Gara worra Yihuudota hin taanee hin dhaqinaa'a, yookiin qachoota Samaariya'aa hin seeninaa'a.


Haata'uu ammoo Ayyaanni Woyyuun hennaa isin irratti bu'e, hunna argattan; Yerusaalemii fi Yihuudaa maraatti Samaariya'aa haga daangaa lafaa ragaa kiyya taatan» jedhe.


Hennaa darasoonni isaa deebi'anii dhufan; Yesuus dubartii woliin ka qaaqa'aaru arganii maalalfatan; haata'uu ammoo ka isi'iin «Maal barbaadda?» yookiin, «Maaf isii woliin qaaxxa?» namni isaan jedhe hin jiru.


Namichi Samaariya'aa tokko ammoo, deemaa gara isaa dhufee, hennaa isa arge hin gaddeef.


Eeganaa gara Iyyoophe'ee ergiitii Simoonii Pheexroos jedhamu waamsisi, inni mana Simoonii gogaa duuguu ka manni isaa qarqara galaanaa bira keessummummaa achi taa'eera› naan jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite