Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 4:48 - WAADAA LAMMATAA

48 Kanaafuu Yesuus, «Malkataa fi maalalee yoo argitan malee sirima hin amantan» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

48 Yesus'llee, «Isin baasaa fi maalalee yoo argitan malee, womaa hin amanttan!» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

48 Kanaafuu Yesuus, «Malkataa fi maalalee yoo argitan malee sirima hin amantan» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 4:48
29 Referans Kwoze  

Yesuusillee, «Ati waan na argiteef amanteerta; worri uduu hin argine amanan isaan worra eebbifame!» jedheen.


Rabbiinuu akka fedha ufiititti malkataa fi waan maalale'eetiin ajaa'iba adda addaatiin Ayyaana Woyyuu akka fedhii isaatitti kennameen waan kana rageef.


Hennaa kamiinuu Yihuudonni, malkata arguu fedhan; worri Giriikotaallee ogummaa barbaadan.


«Namoota Israa'elii dubbii kana dhagayaa'a! akkuma isinuu beettan Rabbi karaa Yesuusii Naazireeti'iitiin isin jiddu'utti baasaa fi maalale'een nama malkataan Rabbiin biraa isinitti mudhate.


Haata'uu ammoo inni maalalee haganaa kana afoo isaaniititti yoo godhellee, raattichi Isaayyaas, «Gooftaa kiyya! Eentu ragaa keenna amane? Irreen Rabbiillee eennutti mudhate?» jedhee dubbiin dubatame akka raawwatamuuf isatti hin amanen.


Dhuga'aan malkanni ergamoota isin jiddu'utti malkataa fi waan maalale'eetiin ajaa'ibni marti obsaan ta'e.


Kanaafuu Yerusaalemii jalaqabee haga Iliwaarqoon naannayee Oduu Nagayaa ka Kiristoosii guutumaan guutu'utti lallabeera.


Malkataa fi maalaleen akka harka isaaniititti ta'u isaanii kenna'aa waan dubbii badhaadhummaa Goofta'aa raga'aa ji'a hedduu achi taa'an.


Sababaanillee Kiristoosonni dharaatii fi raattonni dharaa dhufanii, yoo isaanii danda'ame worra filatamanillee dogoggorsu'uuf malkataa fi baasa hujan.


Isin keessaa namoonni gari gariin, worra nu Kiristoos ufiin jedhanii fi raattota dharaa ta'an. Uduu isaanii danda'amee, worra Rabbiif filatame dogoggorsu'uuf malkata gugurda'aa fi baasa hujan.


Harka ergamootaatitti baasaa fi maalaleen hedduu waan ta'eef, namni maruu guddisee sodaate.


Kanaaf, «Yihuudonni kana godhu'uuf malkata maali'iin nutti mudhifta?» jedhaniin.


Abrahaam ammoo, ‹Isaan Muuse'ee fi raattota yoo hin dhageenne, yoo namni tokko worra du'an keessaa ka'ellee hin amanan› » jedhe.


Fayyu'uuf jaalala dhuga'aa worra hin fudhanneef, worra badaniif dhufti isaa maalalee maraa fi malkata sobdootaatiin, soba hamaa maraan, sobu'uun akka hujii seexanaatiin.


Baniin maruu hin cadhisse. Baarnaabaasii fi Phaawuloosillee waan Rabbi harka isaanititti worra Yihuudii hin taane jiddu'utti malkataa fi maalalee godhe maraa hennaa isaanitti himan dhagaya'aa turan.


Namni kun biyya Misiriititti galaana diimaa lafa gammoojji'iititti woggaa afurtamaa maalale'ee fi malkata godha'aa isaan baase.


Isxifaanoos hunna Rabbiitii fi badhaadhummaa Rabbiitiin guuttamee, banii wodhakka'aatti maalale'ee fi malkata guddaa godhe.


Harka ergamtootaatti malkanni hedduu fi maalaleen banii jiddu'utti ta'e. Maruu yaada tokko ta'anii bakka mana utubaa wogga'aan qabamee ka balbala Salamooniititti wolgayan.


Fayyisu'uuf harka kee yoo diriirsite hennaa maqaa Ilma kee woyyicha Yesuusiitiin maalaleenii fi baafni ta'u hojjattoonni tee akka karaa ifa ta'een dubbii kee guutuu akka dubbatan isaanii kenni.


Ol samii gubba'atti baasa, ardii irratti malkata godha. Dhiigaa fi ibiddi, hurriin aaraallee hin ta'a.


Hujii namni biraa hin goone isaan wodhakka'atti uduu godhuu dhabaadhee silaa cubbuu isaanitti hin ta'u. Amma ammoo anallee Abbaa kiyyallee arganii, jibbaniiran.


Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Seexanni akka bakakka'aatitti hennaa sami'ii gadi bu'u arge.


«Inni kaawwan fayyiseera; uf fayyisuu hin danda'u. Inni mootii Israa'elii yoo ta'e, mee amma fannoo irraa gadi haa bu'uu; nullee itti amannaa.


Worri Fariisotaa fi worri Saduqootaa gara Yesuusii dhufanii, samii irraa malkata akka isaanitti mudhisu Isa kadhatan.


Bulchaanillee, «Gooftaa kiyya, daa'imni kiyya uduu na jalaa hin duune naa dhaqqabi» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite