Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 4:41 - WAADAA LAMMATAA

41 Sababa dubbii isaatiif namoonni hedduun ka duraa caalaa isatti amanan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

41 Sababa dubbii isaatiin'llee namoonni bira'aa baayi'een'llee, isatti ni amanan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

41 Sababa dubbii isaatiif namoonni hedduu ka duraa caalaa isatti amanan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 4:41
13 Referans Kwoze  

Haata'uu ammoo Ayyaanni Woyyuun hennaa isin irratti bu'e, hunna argattan; Yerusaalemii fi Yihuudaa maraatti Samaariya'aa haga daangaa lafaa ragaa kiyya taatan» jedhe.


Haata'uu ammoo waan jeennata Rabbiitii fi waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii isaanitti lallabe. Isaallee hennaa waan Filiphoos jedhe dhagayan dhiirtinii fi dubartiinillee amananii cuuphaman.


Isaanillee haga raganii fi dubbii Goofta'allee haga himaniin maayessa gara Yerusaaleemii deebi'an; Samaariya'attillee ganda hedduu keessatti Oduu Nagayaa lallaban.


Ka Jireenna namaa kennu Ayyaana Rabbiiti. Foon womaa hin fayyadu, dubbiin ani isinitti hime Ayyaana, jireennallee.


Isa nu tooyatu afo'otti wonti maruu qulla'aa fi addaata'a, isa afo'otti uumamni dhokate hin jiru.


Woldeenni kiristaanaa karaa irratti isaan gargaara'aa isaanillee akka worri Yihuudii hin taane gara Rabbii deebi'an isaanitti hima'aati Finiqe'ee fi Samaariyaa keessa lufan obboleewwan maruu guddisanii gammadan.


Eedoonni mana sagadaa sun, «Eennullee akka nama kanaa horomaa hin dubbanne» jedhanii deebisaniif.


Inni baalli'iin barsiisa'aa waan tureef dubbii barumsa isaa maalalan.


Namoonni Samaariya'aallee gara isaa hennaa dhufan, akka inni isaan woliin jiraatuuf kadhataniin. Innillee haga guyyaa lamaa achi oole.


Isaanillee dubartii saniin, «Amma nu wonti isatti amannuuf, waan ati jetteefii miti, nu'uu waan isa dhageenneef, innillee dhugamaan Kiristoos qoricha adunya'aa akka ta'e hin beenna» jedhan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite